Balaa lolaa US, Teeksaasitti mudateen namoonni hedduu du'anii kaan achi buuteensaanii dhabame

Bakka balaan lolaa itti mudate

Balaa lolaa US, bulchiinsa Teeksaasitti mudateen namoonni 24 yoo du'an 25 kan kan ta'an ammoo achi buuteensaanii hin baramne.

Balaan lolaa kun kaleessa, Adoolessa 4, Guyyaan Bilisummaa US yeroo kabajamutti mudate.

Pirezidaantiin US Doonald Tiraamp balaa "rifaasisaa" fi "hamaa" jechuun ibse. Bulchaan Teeksaas Gireeg Aboot deeggarsa mootummaa federaalaa gaafachuu beeksisan.

Hojjattoonni lubbuu baraaran ammayyuu barbaacha itti fufuu kan himan bulchaan Teeksaas.

Lagni Guwaadluup guutun bishaan lubbuu namaafi qabeenya mancaasuutu himame.

Helikoptaroonnifi dirooniwwan namoota dhuunfaas dabalataan hojii namoota balaa lolaan badan barbaaduun itti fufuus himan.

Hojii lubbuu baraaruuf helikoptaroonni 14, diroonin 12 fi gareen hojjattoota lubbuu baraaruu sagal, kanneen bishaan daakan, walumaa galatti namoonni 400-500 hojii lubbuu baraaruu irratti bobba'uu himan qondaalonni Bulchiinsa Teeksaas.

Qondaala Teeksaas kan ta'an Meejar Jeneraal Toomaas Suulzaar akka jedhanitti konkolaattonni humna waraanaa hojii lubbuu baraaruuf barbaachisan dabalaataan bobbaafamuu ibsuun namoota 237 baraaramuu himan.

Balaan lolaa kun kan mudate bakka shamarran buufatanii jiranitti ta'uu kan himan qondaalonni, isaan keessaa 25 kan ta'an ammayyuu bakki jiran hin baramne.

Balaan lolaa kun bu'uuraalee qunnamtii mancaasuurraa kan ka'e, tajaajilli bilbilaa danqamuun hojii lubbuu baraarutti gufuu ta'ee jira jedhame.

Balaan lolaa Jimaata ganama mudate kun naannolee Hiil Kaawuntiifi Koonchoo Vaaliitti labsiin balaa yeroo muddamaa akka labsamu taasiseera.

Bulchiinsi Kaawuntii Kiir ibsa kenneen balaa lolaa mudateen lubbuun namaa darbuufi qabeenyi manca'uu beeksise.

Namoonni qarqara lagaa buufatan osoo lolaan hin uumamin maalif akka baqatan hin godhamne jedhamanii yoo gaafataman, balaan lolaa akka mudate akka hin eegne himan qondaalonni.

Balaan lolaa wal-fakkaatan bara 1987 bakkichatti mudachuu kan himan qondaalonni US, kan guyyaa Jimaataa mudate garuu isa hamaa ta'uu ibsan.

Balaa lolaa bara 1987tti Teeksaasitti mudatee tureen yeroo sana lubbuun dargaggoota bashannaaf laga cinaa buufatanii 10 darbee ture.