Tiraamp hookkara to'achuuf Eegduu Biyyaalessaa bobbaasan

Eegdonni federaalaa hookkara to'achuuf yeroo imimmaanessituu dhukaasan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Eegdonni federaalaa hookkara to'achuuf yeroo imimmaanessituu dhukaasan

Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp magaalaa guddoo Ameerikaa lammaffaa kan taate Loos Anjalasitti Eegduuwwan Biyyaalessaa 2,000 bobbaasaa jiru.

Kunis, godaantota eeyyama jireenyaa yookiin ragaa ittiin jiraatan hin qabne to'achuuf sochiin eegale hookkara waan dhaleef to'achuufi.

Magaalaan Loos Anjalas keessumaa bakkee gara caalu hawaasi Laatiinoo argamutti dubbiin kan hammaate.

Godaantonni kunneen aanaa Paaraamaawuntitti ejantoota federaalaa waliin walitti bu'ani. Gaasiin imimmaanessu dhukaafamaa ture.

Torban kana qofa oppireeshinii qondaalonni immigireeshinii gaggeessaa jiraniin Jimaata 44 to'annoo jala oolan dabalatee 118 hidhamaniiru.

Bulchaan bulchiinsa Kaaliforniyaa Geevin Niwisom oppireeshinii adeemaa jiru ''gara jabummaa'' jechuun ibsani.

Guyyaa Sambataa Niwisoom Tiraampitti bilbiluun daqiiqaa 40 walitti dubbachuu dubbii himaan bulchaa Kaaliforniyaa CBS'tti himaniiru.

Dhimmi ijoo isaan irratti mari'atan garuu ummataaf ifa hin taane.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aanaan Paaraamaawunt keessa haalli tasgabbaa'us humnoota nageenyaafi mormitoota gidduu walitti bu'iinsi itti fufeera.

Poolisoonni Loos Anjalas imimmaaneessituu dhukaasaa mormitoota bittinsuuf yaalutti jiru.

Akka namoonni ollaafi mormitoonni jedhanitti godaantonni sodaatan manneen daldalaa keessa seenanii dhokataniiru.

Ummata aanaa Paaraamaawunt keessaa 80% ol Hispaanikidha.

Masaraan Pirezidantii US, Waayit Haawus, ibsa baaseen, ''Guyyoota dhihoo kana, kanneen jumlaan sosso'an qondaalota immigireesiniifi federaalaa irratti haleellaa raawwatan,'' jedhe.

''Oppireeshiniin kuni weerara yakkamtoota seeraan alaa Ameerikaa akka hin seenne dhorkuuf baay'ee barbaachisaadha,'' jechuun ibseera.

Ibsa bahe keessatti hoggantoonni Dimookiraatikii itti gaafatamummaa isaanii hin baane jechuun himata.

''Sababa kanaafi Pirezidant Tiraamp Memorandamii Pirezidanshiyaal mallatteessuun seera maleessummaa daraare to'achuuf Eegdonni Biyyaalessaa 2,000 akka bobba'an kan ajajan.''

Aangawoonni US adda addaa waan adeemaa jiruurratti yaada ibsaniin kaan yoo deeggaran, kaan immoo qeeqaniiru.

Daarektarri I/Aanaa Qorannoo Poolisii Federaalaa Ameerikaa (FBI), Daan Bonginoo, akeekkachiisa dhumaa mormitootaaf dhaamaniiru.

''Hookkara uumtu taanaan, fuuncaa harka keessan itti hiinu fidna.''

Kantiibaan Magaalaa Loos Anjalas Keeran Baaz immoo ejantoonni federaalaa ''shororkaa uumaa jiru'' jechuun qeeqani.