Tiraamp godaantota seeraan alaa biyyaa baasuuf deeggarsa poolisoota 20,000 gaafate

Pirezidantii US Donald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Doonaald Tiraamp godaantota seeraan alaa Sanada Waajira Dhimma Nageenya Biyya Keessaa hin qabne biyyaa baasuuf tarkaanfii fudhatu saffisiisuuf dabalataan yoo xiqqaate poolisoonni 20,000 akka ramadamaniif gaafate.

Qajeelfamni kun kan darbe Jimaata, Caamsaa 9, 2025 yoo ta'u, namoota Sanada hin qabne fedhiisaaniitiin gara biyyasaaniitti deebiyanis jajjabeessuuf karoorri qabameera.

Tiraamp ergaa viidiyootiin dabarseen Ameerikaa gadhiisanii ba'uudhaaf "hanga danda'ametti salphaa' taasisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbateera.

Godaantota sanada hin qabne fedhiisaaniitiin Ameerikaa gadhiisanii bahu barbaadan baasii tikkeettii xiyyaaraa mootummaa Federaalaa Ameerikaa kan isaan danda'u yoo ta'u, dabalataan ammo "maallaqa xiqqaa" kennuufiifis ajajni pirezidantii kennamuun ibsameera.

Godaantota seeraan alaa ilaalchisuun kallattiin hojjetaa kan jiru Waajirri Immigireeshiniifi Gumurukii yeroo ammaa kana hojjetoota 21,000 ol qaba.

Isaan keessaa 6,100 kan ta'an poolisoota godaantota seeran alaa biyya keessaa kan baasan yoo ta'an, 750 ol kan ta'an ammo gargaartota isaanii akka ta'an marsariitiin ejensichaa ni mul'isa.

Tiraamp yeroo dheeraatiif seera kabachiistonni kutaaleen bulchiinsaafi naannoolee, akkasumas eegdonni biyyaalessaa godaantota seeraan ala daangaa cabsanii seenan ilaalchisee wal tumsanii akka hojjetaniif waamicha dhiyeessaa tureera.

Ajajni ammaa kun yaalii Waajirri Dhimma Nageenya Biyya keessaa taasisaa jiru "Seera kabachiistonni Kutaaleen Bulchiinsaafi Naannolee, miseensonni poolisii duraanii Federaalaa, akkasumas ogeessonni ejensii Federaalaa biroof bakka bu'umsaafi kontiraata kan kennudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Doonaald Tiraamp lakkoofsi hojjetootaa akka dabaluuf waamicha kan dhiyeesse yeroo bulchiinsi isaa godaantota seeraan alaa US keessaa akka ba'aniif karaa gara garaa fayyadamaa jiruttidha.

Tiraamp godaantonni seeraan alaa Ameerikaa gadhiisanii ba'uudhaaf gabaasa akka godhaniif gaafateera.

Torban kana keessa barreessaan olaanaa Waajira Nageenya Biyya Keessaa Kiristii Noohem Ameerikaan godaantota seeraan alaa fedhiisaaniitiin biyyattii gadhiisanii ba'aniif dolaara 1,000 kennuuf, akkasumas baasii tikkeettii xiyyaaraa isaanii akka dandeessu waadaa galaniiru.

Doonaald Tiraamp erga Amajji darbe gara aangootti deebiyanii as, seera falmisiisaa yeroo waraanaa hojiirra oolu dabalatee tooftaawwan gara garaa fayyadamuudhaan godaantota seeraan alaa hidhuufi biyyaa baasuu jalqabeera. haata'u malee, tarkaanfii inn fudhatu tokko tokko gaaffii seeraa isarratti kaaseera.

Jalqaba ji'a kanaarra, abbaan seeraa Teksaas Tiraampiin muudaman Fernaandoo Roodiriigez, tooftaa bulchiinsichi godaantota seeraan alaa biyyaa baasuuf fayyadamaa jiru "seeraan ala" jedheera.

Abbaan seeraa Federaalaa Niiw Yoorkitti argamus akkuma kana ejjennoo walo fakkaataa argarsiisaniiru.

Tiraamp garuu fedhii ofiisaaniitiin biyya sana keessaa godaantota of baasan ilaalchisee yeroo dubbatu "gara biyyaatti deebisuu" jechuunidha.

"Godaantonni seeraan alaa Ameerikaa turuudhaaf murteessan, hidhaa yeroo dheeraa dabalatee adabbii maallaqaa cimaa, qabeenya horatan saamamuufi biyyaa ari'amuuti isaan eeggata," jedheera.