Wantoonni kanaan dura argamanii hin beekne samii keessatti teleskooppiidhaan mul'atan maali?

Madda suuraa, NSF-DOE Vera C. Rubin Observatory
Chiilii keessa teeknooloojiin akkaan ammayyaawaa fi guddaa ta'e kan wantoota hawaa keessa jiran ittiin sakatta'an tokko addatti dhaabatee jira. Vera C Rubin Observatory jedhama.
Teleskoppiin kun amma suuraalee jalqabaa hawaa keessaa argate gadhiiseera. Kutaa hawaa bakka ga'uun nama dhibu, iddoo akkaan dukkana ta'e keessa seenuun suuraalee wantootaa dhiheessuuf dandeettii qabu mirkaneesseera.
Suuraa tokko irratti wantoonni gaasii fi dhukkee fakkaatan halluu gosa garaagaraan faayamanii mul'atu.
Wanti haaraan sirna soolaarii keenya keessa jiraachuun barame kun dachee keenyarraa bara ifaa kuma 90 fagaata jedhan.
Wiirtuu teeknooloojii Vera C Rubin observatory jedhamu kana keessatti kaameeraawwan dijiitaalaa addunyaarratti akkaan ammaayyaawoo ta'antu argamu.
Wiirtuun kun hubannoo nuti waa'ee hawaa irratti qabnu bu'uura irraa jijjiiruuf waadaa seenee hojii eegale.
Saayintistoonni bebbeekamoon addunyaa akka jedhanitti, sirna soolaarii keenya keessa pilaaneetii saglaffaan yoo jiraate, teleskoppiin kun bara hundeeffamasaa waggaa jalqabaa keessatti ni argata.

Madda suuraa, RubinObs
Teeknooloojiin kun astirooyidoota dacheetti dhihoo jiran adda baasa. Akkasumas wantoota kutaa hawaa dukkana keessatti argamanii fi dhala namaaf icciitii ta'an hedduuf deebii kenna.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gidduugalli teeknooloojii kun ibsa dhiheenya kenne keessatti teleskoppiin kun sa'atii 10 keessatti astirooyidoota haaraa 2,104 fi wantoota dacheetti dhihoo jiran torba adda baase.
Qorannoon hawaa keessa seenuun akkasumas lafa qubachuun dhimma hawaarratti taasifamu hundi waggaatti waliigalatti astirooyidoota 20,000 adda baasu.
Kun garuu kophaasaa guyyaa tokko osoo hin guutin wantoota dacheetti dhihoo jiranii fi astirooyidii walumatti 2,111 adda baase.
Qorannoon hawaa akkaan ammayyaawaan akkasii dhaloota tokkotti yeroo tokko qofa argama. Waggoota kurna darbaniif samii hemisfeera gara kibbaa guutummaatti kaameeraadhaan waraabuuf yaalamaa ture.
Jalqabbiin kun waraabbii kana daran milkeessa.
''An akka dhuunfaa kootti waggoota 25 darbaniif sadarkaa kanarra ga'uufan hojjetaa ture. Waggoota kurnaaf meeshaa addaa kana ijaaruun qorannoo hawaa akkanaa gaggeessuuf ifaajaa turre,'' jette Pirofeesar Kaatariin Heeyimaansi.
Qorattuun hawaa Pirofeesar Kaatariin Heeyimaansi daarektara qorannoo astiroomii Iskootlaandtaatee tajaajilti. Aangoon kun Astronomer Royal jedhama.
UKn giddugala qorannoo hawaa kana keessatti hirmaannaa guddaa qabdi.
Giddugalli lakkoofsa wantoota nuti hawaa keessatti hanga ammaatti beeknuu dachaa kudhaniin dabala.

Madda suuraa, NSF-DOE Vera C. Rubin Observatory
Wiirtuun qorannoo hawaa Vera Rubin jedhamu kun suuraalee kunneen gadhiisuu dura BBCn jaarmiyaa kana daawwatee ture.
Gaara guddicha Chiilii- Andes jedhamurratti iddoo addaa Cerro Pachón jedhamutti argama. Iddoo kana wiirtuuwwan irraa hawaa ilaalanii fi qorannoo hawaa gaggeessan qofatu qubatu.
Baayyee olka'aa, baayyee gogaa fi baayyee dukkanaa'aadha. Urjiiwwan samii keessaa sirriitti arguuf iddoo akkaan mijataadha.
Dukkana kana qabaachuunsaa iddoo wayyuu fi qulqulluu ta'ee akka hubatamu isa taasisa.
Yeroo halkanii konkolaattonni olba'anii gadi bu'an of eeggannoo guddaan socho'uu qabu.
Sababni isaa ammoo tirika ykn ibsaa isaanii guutummaatti fayyadamuun waan hin eeyyamamneefi.
Keessoon wiirtuu qorannoo hawaa kanaa waan addaa miti.
Gareen injinarootaa bakka kana guutanii jiru. Baaxiin guddicha teleskoppii haguugee jiru gurraacha ykn dukkana ta'uusaa xiyyeeffannaan hordofu.
Teleskoppiin yeroo hunda gara samiitti gargaralee banamee taa'a.
Ifi teleskoppii keessaa ba'u ykn ifi gosa kamiiyyuu gara hawaatti balaqqeessa'uu hin qabu. Yoo akkas ta'e ifa wantoota hawaa keessaa waraabanii waliin wal dhiita.
Wantoota hawaa keessaa sakatta'uuf ykn hawaa keessa naanna'anii teleskoppiidhaan ilaaluuf ifi urjiiwwanii ga'aadha jette saayintistii Elaanaa Urbaach.
Galma wiirtuu kanaa keessaa tokko ''seenaa hawaa kanaa hubachuudha,'' jette.
Kun ammoo galaaksiiwwan waggoota biiliyoona hedduu dura caccabanii kukkufan hubachuufaa of keessaa qaba jette.
''Kanaaf ammoo suuraa qulqulluu argachuu qabna.''

Madda suuraa, SLAC National Accelerator Laboratory
Teleskoppii akkaan ammayyaawaa kaameeraansaa meegaa pikselii 3,200 ta'e kan qabu Vera Rubin, jaarmiyaa US SLAC National Accelerator Laboratory jedhamutu ijaare.
Iji kaameeraa teleskoppii kanaa fuulleewwan sadiin haguumameera, Dizaayiniin isaa kun meeshaalee qorannoo hawaa kaanirraa adda isa taasisa.
Ifi samiirraa gara teleskoppii seenu jalqaba fullee diyaameetirii meetira 8.4 qaburra qubata. Isa booda fullee lammaffaa diyaameetirii meetira 3.4 qaburratti balaqqeessa'a.
Ifi kana keessa darbu ammoo leensii teleskoppiirra bu'uu dura fullee sadaffaa diyaameeririi meetira 4.8 qaburra qubatee isa booda keessa darba.
Fulleewwan kunneen qulqullina sadarkaasaa eeggate qabaachuu qabu. Dhukkeen akkaan xiqqoo taate yoo irra jiraatte danaa fi qulqullina suuraa irratti miidhaa qabaata waan ta'eef.
Saffisni fi balaqqeessa'uun sadarkaa olaanaan mul'atu kun teleskoppiin ia hedduu akka ofitti fudhatuuf gargaara.
Kaameeraan teleskoppii kana waliin hojjetame waggoota kurna dhufaniif guyyaa sadi sadiin irra deddeebiin samii halkanii waraaba.
Meegaa pikselii 3,200 qaba jechuun kaameeraa (ija kaameeraa) bilbila iPhone 16 Pro max jedhamuu yeroo 67 ta'a jechuudha.

Madda suuraa, RubinObs












