Pilaanetoonni torba tarree galanii halkan samiirratti mul'achuuf

Madda suuraa, Getty Images
Namoota jaalalaan samii daawwataniif torbeen kuni kan isaaniiti. Pilaanetonni torba - Maars, Juppitar, Yuraanas, Viinas, Neeptuun, Meerkuriifi Saatarn yeroo gabaabaaf galgala samii irratti mul'achuuf jiru.
Taateen kuni 'planetary parade' ykn 'hiriira pilaaneetotaa' jedhamuun kan beekamu yoo tahu waan yeroo hunda mul'atu miti.
Hamma bara 2040tti pilaanetonni torban kunneen haala kanaan deebi'anii hin mul'atani.
Yeroon gaarii pilaanetota kana itti daawwatan Kibxata, Roobii fi Kamisa erga aduun seentee booda.
Pilaanetoonni afur- Meerkurii, Viinas, Juppitariifi Maars ijumaan mul'achuu danda'u. Saatarniin garuu fugugii samiirraa waan gadi siquuf arguun rakkisaa taha.
Yuraanasiifi Neptuun garuu teleskooppiidhaan mul'achuu danda'u.
Fugugiin samii iddoo mul'aturraa fi samii qulqulluu duumessa hin qabne, torban isaanii arguuf carraa gaarii dha. Tahus pilaanetonni kunneen tarreedhaan kan mul'atan yeroo gabaabaaf qofa.
Dr Edwaard Biluumar astiroonomarii yoo tahan ''carraan pilaanetota torba akka namn arguutti mul'achuun waan yeroo dheeraa keessa al tokko mudatudha,'' jedhan.
Yeroo aduun seentu Saatarnifi Merkuriin as bahu garuu isaan arguun rakkisaa dha.
''Aduun seenuun booda pilaaneetota kunneen arguuf daqiiqaa muraasa qofatu jira, fugugii samii mul'achuu hin dandenye jala seenu. Tahus Viinas, Juuppitariifi Maars fa'i daqiiqaa dheeraaf ilaaluun danda'ama'' jedhan Dr Biluumar.
Pilaaneetonni sirna soolaarii keenya keessa jiran akkuma lafaa haala walfakkaataan aduu marsu.
Saffisa garaagaraan orbiitii isaanirra waan naanna'aniifi aduurraa fageenya garagaraarra waan jiraniif, lafaa gaafa mul'atan tarree qalbii hawwatu. Hawaa keessatti garuu fageeenya guddaan adda bahaniitu jiru.
Viinas fi Juuppitar qaama ifaa waan qabaniif arguun salphaa dha, Maarsiin garuu halluu waan akka diimaa wayiiti.
''Yuraanas deeggarsa meeshaa malee ijaa mul'achuu dandeessi garuu daawwachuuf iddoofi haala sirriin barbaachisa,' jedhan Dr Biluumar.
Sirnaan hiriira pilaanetota kanaa ilaaluuf akka Dr Biluumar jedhanitti samii qulqulluufi naannoo namni baayyee hin jirre deemuun barbaachisaadha.
''Golumaa baatee takkaatti arguun waan hin danda'ameef- yeroo muraasa eeguun barbaachisaa dha- iji keenya sirriiti taatee kana adda baasee ilaaluuf daqiiqaa walakkaa fudhata,'' jedhan.
''Bilbila kee hin ilaaliin, of qopheessi, lafa samii ilaaluuf danqaa hin qabne dhaqi.''
Kuni carraa gaarii tahus, Dr Biluum namoonni samii mil'achuu akka amaleeffatan jajjabeessu.

Odeessaafi xiinxala biroof BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












