Pilaanetii dacheerraa bara ifaa 120 fagaattee argamtutti waan abdii horu mul'ate

K2-18b orbitii xiqqoo fageenyarratti argamturra naannofti

Madda suuraa, NASA

Nasa keessatti tekinoloojii wantoota fageenyarra jiran mul'isuun kan beekamu Teleskoppiin Jeemis Weeb jedhamu pilaanetii fageenyarratti argamturra jireenyi akka jiru yeroof ragaa dhiheessuu ibseera.

Tekinoloojiin kun molekiyuulii 'dimethyl sulphide (DMS)' jedhamu abuuruu akka hin hafne eere.

Dacheerratti molekiyuulii kana kan maddisiisan lubbuu qabeeyyiidha.

Qorattoonni pilaaneetii fageenya bara ifaa 120 irraa argan kana lubbuu qabeeyyiin irra jiraachuu guutummaatti mirkaneeffachuun miti kan ibsan.

Ammallee wantoonni hin mirkanaa'in akka jiran eeraniiru.

Qorattoonni kunneen qilleensa naannoo pilaaneetii kanaa keessatti elementoota akka miteenii fi Kaarbon daayioksaayidii (CO2) arguu ibsan.

Elementoonni gaasii kunneen jiraachuun ammoo bishaan bal'aa ta'e pilaaneetii (K2-18b) kana haguugee jiraachuu agarsiisa.

Pirofeesarri Yuuniversitii Kambiriij qorannoo kana dursan Nikku Madhusudhan wayita bu'aa qorannoo kana argan gareensaanii hundi akkaan rifachuu fi gammaduu ibse.

''Dacheerratti jiraachuun DMS jiraachuu lubbuutiin walqabata. qilleensi naannoo Dachee keenyaa baayyeen kun lubbu qabeeyyii xixiqqoo bishaan keessa jiraatan irraa madda,'' jedhan.

Pirofeesar Madhusudhan molekiyuulii DMS jedhamu kana argachuun yeroof ragaa kan ta'uudha malee waan mirkanaa'e miti jedhan.

Pilaanetii K2-18b irra lubbu qabeeyyiin jiraachuu sirriitti mirkaneessuuf ammallee ragaaleen qoratamuu qaban hedduudha.

Bu'aan qorannoo kanaa kan itti aanu dhuma bara kanaa keessa ni ibsama jedhan qorataan kun.

''Kun yoo mirkanaa'e waan guddaadha. Waan guddaa akkanaa arganne jechaa mirkaneessuuf ammoo itti gaafatamummaan nutti dhagahama.''

Qorattoonni hawaa pilaanetii fageenyarratti argamu irra molekiyuuliin DMS jiraachuu wayita ibsan kun kan jalqabaati.

Bara 2020 molekiyuuliin Phosphine jedhamu Addeessarratti argamuu ibsamuus waggaa booda garuu miti jedhame.

Teleskoppiin Jeemis Weeb ifa qilleensa naannoo pilaanetii kanaa keessa darbee dhufu xiinxaluu danda'eera.

Xiinxala kanarraas molekiyuulonni qilleensa naannoo keessatti argamuu ibseera.

Haala ifa kanaa bal'inaan hubachuuf akkaataa firikuwensii isaan halluu ifi uumu (akka halluu sabbata Waaqaa) qoratan.

Haala kanaan yoo halluun argame tokko deebi'ee dhabame molekiyuulonni qilleensa naannoo halluu kana ofitti xuuxan jiraachuu mul'isa.

Teleskoppiin Jeemis Weeb ifa fageenyarraa arguun qilleensa naannoo qorachuu danda'a

Madda suuraa, ESA

Ibsa waa'ee suuraa, Teleskoppiin Jeemis Weeb ifa fageenyarraa arguun qilleensa naannoo qorachuu danda'a

Pilaanetiin kun dacheerraa fageenya kiilomeetira miiliyoona 1.1 irratti waan argamteef argannoo akkaan nama boonsuuudha.

Hammi ifaa teleskoppiin argachuu danda'us baayyee xiqqoodha.

Pilaanetiin kun lubbuu qabeeyyiif mijachuunsaa tempireechara isaarratti hundaa'a. Kaarbonii fi bishaan (dhangala'aan) jiraachuu barbaachisa.

Qorannoon Nasa pilaaneetiin ulaagaa kana keessa akka jiru agarsiisa.

Garuu pilaaneetii tokkorra lubbu qabeeyyiin jiraachuu ni danda'u jechuun ni jiraatu jechuu miti.

Kanaafidha molekiyuuliin DMS argamuun ragaa yeroofii ta'ee kan fudhatame.

Pilaaneetiin K2-18b jedhamtu kun bal'inaan dachee yeroo sagal taati.