Bara 2035tti kubbaa miillaa Addeessarratti taphachuun ni danda'ama- Saayintistoota

Madda suuraa, Getty images
Kun namaaf tarkaanfii tokko, tarkaanfii dhalli namaa taasisu isa guddaa.
Sagantaan imala gara addeessaa- Artemis Moon mission wayita gaggeeffamaa jirutti, saayintisotoonni Jaarmiyaa Injinariingii fi Teeknooloojii [Institution of Engineering and Technology (IET)], bara 2035tti Addeessarra kubbaa miilaa taphachuun akka danda'amu akeekan.
Garuu taphi akka addeessarratti gaggeeffamuuf mijeessuun hojii guddaa gaafata.
Kanaafuu Addeessarratti kubbaa miillaa taphachuun akkamiin milkaa'uu danda'a?
Akkamiin kubbaa miillaa Addeessarra taphanna?
Saayintistoonni IET akka jedhanitti dirreen kubbaa miillaa kan Addeessarraa kan lafaarra yeroo saddeet xiqqaachuu qaba.
Taphi boqonnaa duraa fi booda jedhamee taphatamuun hafee iddoo afuritti qoodamee taphatama akkasaan jedhanitti.
Akkasumas dirreen hundi marfamee neetiidhaan hidhamuu akka qabuu fi taphattoonni wayita taphatan tuttuqqiin akka hin jiraanne ibsan.
Kunis sababa humni harkisa dachee addeessarratti xiqqaa ta'eefi.
Guulli harkisa dachee Addeessarra jiru tokko ja'affaa kan Dacheerraa ta'a.
Qilleensi yookiin bubbeen ittiin wallaansoo qaban kan Dacheerraa, Addeessa gubbaa waan hin jirreef kubbaan dhiitamnaan kan Dacheerraa yeroo ja'a caalee fiiga.

Madda suuraa, PEOPLEIMAGES
Kubbaanis kan Dacheerratti ittiin taphatan yeroo 1.5 caaluun hojjetamuu qaba, innuu qilleensaan guutma osoo hin taane waan akka ispoonjiitiin guutamuu qaba.
Akkasumas Addeessarra akka malee waan ifuuf kubbaan akka sirriitti mul'atuu fi ijatti hin calaqqisneef halluu gurraachaa fi adii qabaachuu qaba.
Oduun gammachiisaanis jira: Yoo sammuun kee seera oofsaayidii hubachuu baate, sun ni haqama.
Fiwuchaaristi Biraayaan Deeviid Joonsan IET irraa akkas jedha.
''Addeessa koloneeffachuuf bu'uura kaa'amee jiruun ergamni bara 2025 taasifamu tarkaanfiin fudhatamaa jiru hagam dhalli namaa akka itti dhihaataa jiru kan agarsiisuudha. Sanaan booda akkamiin jiruu fi jireenya Dacheerratti jiraachaa turre gara Addeessaatti madaqsina kan jedhu dhimma yeroo muraasaati.''

Madda suuraa, INTI ST CLAIR
Dirree Addeessaa irratti uffata dirree Dacheerratti uffatanii taphatan uffachuun hin danda'amu.
Uffata qilleensa achiin walsimu, kan qabbaneessuu fi ho'isuu danda'u uffachuu feesisa.
Ta'uu baannaan haala qilleensaa Addeessaa dandamachuun ni ulfaata.
Wayita taphattu kan dafqitu yoo ta'e uffati ati uffattu kan dhangala'aa qaama keessaa ba'u hunda ofitti xuuxu ta'uu qaba.
Garee kee, leenjisaa fi murteessaa waliin walitti haasa'uuf meeshaa mataatti uffatamu- Helmet kaawwachuutu barbaachisa.
Taphi kubbaa miillaa Addeessarraa kan Dacheerraan adda waan ta'eef hojii hedduu gaafata, waan hedduutu jijjiirama.















