Pireezidantiin Keeniyaa masaraa mootummaa keessatti waldaa Kiristaanaa ijaaruuf

Karoorri gaazexaan biyya keessaa tokko arge akka agarsiisutti doolaara miliyoona 9 baasuu akka danda'ufi teessoo 8,000 qabaachuu danda'a

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Karoorri gaazexaan biyya keessaa tokko arge akka agarsiisutti doolaara miliyoona 9 baasuu akka danda'ufi teessoo 8,000 qabaachuu danda'a

Pirezidantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo masaraa mootummaa lafa jireenyaa pireezidantichaa tahe keessatti waldaa Kiristaanaa jiraaruuf tahuu hime.

Kanaafis waan dhiifama gaafatu akka hin qabne dubbate.

"Waldaa ijaaruu kootiif eenyuun iyyuu dhiifama gaafachuuf hin deemu. Seexanni aaruu danda'a, waan barbaade gochuu danda'a," jechuun Ruutoon Jimaata darbe dubbateera.

Ibsi isaa kuni qofti lammiilee Keeniyaa akkaataa hoggansa isaafi walitti makamuu mootummaafi waldaa ilaalanitti duraanuu mufatan dallansiiseera.

BBCn yaada mootummaa gaafatee ture.

Ruutoon yaada Masaraa Mootummaa irratti kenne keessatti eenyuun, "seexanaa" jechuun akka waame ifa miti, haata'u malee pirojektichi akka hin deemne wanti dhorku hin jiru jedha.

"Waldaa kana ijaaruu kanan jalqabe yeroon masaraa mootummaa seenu miti. Waldaa asumattan arge garuu kan sibiilaan hojjetame ture.

Sun masaraa mootummaaf kan malu fakkaataa?" Ruutoon walgahii Jimaata darbe qopheesse irratti namoota siyaasaatti akkas jechuun hime.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jimaata kaleessaa gaazexoota Keeniyaa adda duree ta'an keessaa tokko kan ta'e 'Daily Nation' dizaayinii ijaarsa gamoo guddaa foddaa daawwitii qabuu fi namoota 8,000 qabachuu danda'u agarsiisun maxxanseera.

Gaazeexichis pirojektichi heera biyyattii mootummaa fi amantiin adda adda jedhu waliin kan walsimu ta'uufi dhiisuu isaa irratti gaaffii kaaseera.

Akkasumas yeroo lammiileen Keeniyaa hedduun qaala'insa jireenyaa dabalaa jiruun rakkachaa jiranitti baasii tilmaama doolaara miliyoona 9 (£6.5m) ta'u jedhame kana irrattis qeeqni ka'eera.

Ruutoon waldaa kanaaf kiisii ofiisaa keessaa akka kaffalu dubbate, haata'u malee qabeenyaa mootummaa irratti caasaa guddaa akkasii ijaaruuf mirga qabaachuu fi dhiisuu isaarrattis gaaffii kaaseera.

Waldaan Etistoota Keeniyaa waldaan ijaaramaa jiru kun kan nama rifachiisuu fi fudhatama kan hin qabnedha jechuun tarkaanfii seeraa akka fudhatu doorsisaa jira.

"Gochaa kana akka farra dimokiraasii fi Pirezidaanti Ruutoon sabboonummaa Kiristaana dagaagsaa jiruutti ilaalla. Keeniyaan biyya Kiristaanotaa qofaa akka hin taane isa yaadachiisuu barbaanna," jedhan itti gaafatamaan garee kanaa Haariisan Muumiyaa.

Wiliyaam Ruutoon pirezidaantii Kiristaana warra wangeelaa Keeniyaa isa jalqabaa yoo ta'u, fakkii fi maqaa masoo 'Ittaanaa Iyyasuus' jedhus argateera.

Waggoota dheeraa aangoo mootummaa keessa ture keessatti hima macaafa qulqulluu caqasuu fi ummata duratti boo'uun beekama ture. Kanas, amala yeroo dheeraaf lammiilee Keeniyaa muraasni hin raawwannee ture.

Ruutoon yeroo itti aanaa pirezidaantii turettis, mana jireenyaa mootummaa isaa kan naannoo Kaaran jedhamutti argamuttis batasakaan dhaabuun, geggeessitoota amantii adda addaa keessatti keessummeessuuf itti fayyadamaa ture.

Lammiileen Keeniyaa tilmaamaan gara %85 ta'an Kiristaana yoo ta'an, amantiiwwan biroo kanneen akka amantii Hinduuu fi amantiiwwan aadaa Afrikaa dabalatee, hawaasni Musliimaa gara %11 ta'us ni jira.

Masaraa mootummaa keessaa Masjiidni ykn manni qulqullummaa biraa hin jiru.

Gama biraatiin ammoo, Phaaphaasiin Kaatolikii Naayiroobii, Fiiliip Anyoloo haala caasaa ijaaramaa jirurratti hatattamaan ifa kennuun barbaachisaadha, yoo kana hin taane akka waldaa Kiristaana tokko kaan biroo caalchiifamaa jiruutti akka ilaalamuu mala himan.

"Kana irratti of eeggannoo guddaa gochuu qabna. Gamoon akkasii kun naannoo dhaabbanni mootummaa hin taane keessatti ijaaramuu qaba ture. Wanti ijaaramaa jiru kan dureewwan amantaatiif tajaajilu (chaplaincy) yoo ta'e malee, haata'u malee inni mataansaa ifaa miti."