Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mucaakoo kutaa 5 barattu baatee osoo hin deebi'iin hafte-Abbaa
Heeraan Fayyineerraa Ballaxaa jedhamti. Caamsaa 1 bara 2015 A L I'tti mana-barumsaa deemtee osoo hin galiin hafte jedhu abbaan ishee.
Abbaan Heeraan Obbo Fayyineerraan intalli isaanii Heeraan mucaa waggaa 13fi barattuu kutaa shanii tahuu BBCtti himan.
Mucayyoo ganna umuriin 13 barataan kutaa 11 tokko fudhatee akka bade maatiifi qaamni nageenyaa BBCtti himaniiru.
Kun Godina Gujii aanaa Booree magaalaa Booree keessatti mudate.
Obbo Fayyineerraan Daa’imni isaanii kun naamusa gaarii kan qabduufi homaa amala haaraa agarsiiftee kan hin beekne tahuu himan.
Haatahu malee, amma erga manaa baatee hin deebiin haftee ji’a tokko guutuuf jedhu.
Maaltu ishee mudate?
"Mucaankoo kutaa shan baratti. Mucaa hangafaakooti. Mana-barumsaa deemtee galuu didde jennaan haati warraakoo barbaacha baate. Sana booda mucaa tokko waliin asiin darban oduu jedhu dhageesse. Isheenis bilbiltee natti himte. Daa’ima keenyaaf akka bilbillee hin gaafanneef ammoo daa’ima waan taateef bilbila hin qabattu,’’ jedhan abbaan Heeraan Obbo Fayyineerraan.
Mucaan kana dura manaa baatee ollaayyu deemtee bultee hin beekne har'a manaa erga baatee baatii tokko guutuuf guyyaa lama hafe. Maatiin dhiphina guddaa keessa jiru.
Guyyaa Kibxataa sana ni galti jennee eegnus, tarii mana firaa deemte jennee gaafannus osoo hin galiin hafte jedhan.
Maatiin fira wlaiin barbaacha manaa bahe odeeffannoo tokko dhagahan.
Gurbaa tokko wlaiin deemaa akka turte.
Gurbaan fudhatee bade Li’ul Dammiroo akka jedhamuufi barataa kutaa 11 tahuu maatii irraas mirkaneessuu himan Obbo Fayyineerraan.
Barataan kun haadha isaa waliin akka jiraatu kan himan Obbo Fayyineerraan, maatii isaa bira deemnee yoo gaafannu nu jalaayyuu badeera eessa akka jiru hin beeknu deebii jedhu akka argatan himan.
Abbaan barataa kanaa haadha isaa waliin wal hiikuun Shawaa Kaabaa naannoo Shanoo akka jiraatan BBCtti himan Obbo Fayyineerraan.
Tarii gara abbaa isaa deemee laata jedhanii gaafannan 'ana bira hin dhufu, walii hin gallu, garuma warra haadhaa barbaadaa'' kan jedhu akka dhagahan himan.
Guyyaa sadii booda namni jiraataa magaala Booree tahe tokko mucaafi intala asitti argeera jedhee bakka tokko yoo nu geessu, achiis homaa dhabne jedhan.
Obbo Fayyineerraan erga barbaadanii ijibbaatanii waajjira poolisiitti beeksisan.
Dabalataan mana-murti irraas ajaja baasuun gurbaan bakka jirutti akka qabamee dhiyaatu ajajni kennamuu himan. Garuu barataan mucaa isaanii fudhatee bade as jira oduun jedhu homaa dhibame.
Amma homaa odeeffannoo dhabuun Ministera Dhimma Dubartiifi Poolisii Federaalaatti himachuun qindoominaan mucaa isaanii akka barbaadaniif yaalaa akka jiran himan.
'Mucaakoo maal akka tuqsiise wallaale'
Obbo Fayyineerraan gurbaan mucaa isaanii fudhatee baduu himan araada adda addaa akka qabu dhagahuus himan.
Baratan kutaa 11 baratu maqaan isaa Li'ul jedhamu kun araada gara garaa akka qabu namoota isa beekan irraa dhagahuu dubbatu.
''Mucaakoo sammuu miliqsee, akka of hubachuu hin dandeenye godheeti malee amala akkasii hin qabdu. Sadarkaa dhiira waliin haasa'uu irra hin geenye. Manattis amala kana irratti arginee hin beeknu.’’
Adunyaa irratti ijoollee irra miidhaan karaa adda addaa gahuu mala. Kan gowwoomsan akka jiran kan qoricha sammuu hadoochuu fi kaan fayyadamanii miidhaa irraan gahanis jiraachuu danda'u.
Obbo Fayyineerraan namootni odeeffannoo nuuf kennan gurbaan amala gadhee waan qabuuf hordofuu qabdu nu jedhan jedhu.
Dabaltaan gurbaan fudhatee bade jedhamu yeroo baay’ee naannoo mana-barumsaa akka dhaabbatu argaa akka turan barattota irraa iyyaafachuu himan.
Manni puulii tokko mana-barumsaa fuuldura jira. Yeroo baay’ee achii bahee ala akka dhaabbatu barattoota irraa dhagahuu himan.
''Gurbaanis maatii harka qalleeyyii irraa kan dhalatedha. Homaa nama qabu miti. Wal fuudhanii jedhanii yaaduuniyyuu hin danda’amu.''
Obbo Fayyineerraan mucaan isaanii Heeraan kana dura manaa baatee hin beektu. Yoo baatellee warra keenya bira qofa deemti'' jedhan.
‘’Haadha gurbaatti qaamaan deddeebi’ee adaraa nu gargaari. Haadha waan taateef sin dhoksu. Ofiillee jiraachisuu hin danda’an. Tarii wal jaallatanii yoo jiraatanillee isaan gargaarree barumsa isaaniitti deebisna, jedheen ture,'' jedhan.
Haati gurbaa aniyyuu rakkadheera, eessa akka jiru hin beeku jetti malee homaa nu gargaaruu hin dandeenye jedhan.
Amma karaa hundaa abdii kutatanii qaama seeraan qofa barbaadaa jiru.
Naannoo isaaniitti butiin akka hin baratamne kan himan Obbo Fayyineerraan, mucaan isaanii kun guyyicha dhabamte guyyaa guutuu barachaa akka oolte hiriyyoota waliin baratan irraa dhagahuus dubbatu.
Haati Heeraan hojjettuu mootummaati. Haa tahu malee, erga mucaan isaanii achi buuteen ishee dhabamee dhukkubsatani manaa bahaa akka hin jirre himan Obbo Fayyineerraan.
Itti-gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa aanaa Booree Obbo Tashoomaan, ''hordofaa jirra. Odeeffannoon achitti argaman jedhu irra gahame hin jiru.
Barataa tokko waliin baduutu dhagahame. Miidhaa irra gahuu fi dhiisuu bira gahuu hin dhageenye. Gurbaan barataa tahuutu odeeffama. Qaamni seeraa ammayyu maatii waliin tahuun barbaadaa jira,'' jedhan.
Tibbana Naannoo Sidaamaa magaalaa Hawaasaatti eegduun kantiibaa magaalichaa hojjettuu baankii Daashan Tsaggaa Balaachoo jedhamtu butuun naasuu uumee ture.
Garuu barbaacha poolisiin godheen guyyoota sagal booda argamuun maatii isheetti deebi'uu pooliisn magaalichaa BBCtti himeera.