Hojjettuun baankii Daashan Hawaasaatti butamte argamuu maatiin himan

Hojjettuun baankii Daashan Tsaggaa Balaachoo erga butamtee torban tokko ol booda argamuu maatiin ishee BBCtti himan.

Obboleessi Tsaggaa BBC'n dubbise, argamtee harka maatii galuu himuun haala keessa jirtu garuu bal'inaan ibsuu hin barbaadne.

''Yeroodhaaf argamteetti, harka keenya galteetti. Yeroo jalqabaaf ijaan ishee argineerra. Waan guddaan isadha. Ijashee arguu yaadnee ture. Waaqayyoon haa galatu. Odeeffannoo bal'aa ammaaf dubbachuu hin barbaadu,'' jedhe obboleessi ishee.

Poolisiin magaalaa Hawaasaas Tsaggaa Balaachoo argamuu mirkaneessuun odeeffannoo bal'aan qorannoo gufachiisa jechuun ibsuu irraa of qusateera.

''Eeyyee argamteetti. Harka keenya galteetti. Hojiiwwan hafan ni jiru. Kanaaf yeroo xumurru ibsina'' jedhan ajajaan qajeelcha Poolisii magaalaa Hawaasaa Gargaaraa Inispeektaraa Malkaamuu Ayyelee.

Tsaggaan kan butamte miseensa duraanii poolisii humna addaa fi eegduu kantiibaa magaalichaan akka tahe Poolisiin magaalaa Hawaasaa himeera.

Tsaggaan akkamiin butamte?

Magaalaa Hawaasaatti hojjettuun Baankii Daashaan damee Waarkaa Tsiggee Balaachoo jedhamtu, Caamsaa 23, bara 2023, eegduu kantiibaa magaalichaan butamuu maatii fi poolisiin BBCtti himan.

Obboleettiin ishee Natsaannet Balaachoo BBCtti akka himtetti, Tsiggeen kaadhimamtee kan jirtu yoo tahu, heerumuuf waldaatti banrnoota gaa’ilaa barachuun guyyaa cidha ishee eegaa turte.

‘‘Tsiggeen baankii Daashan keessa waggaa tokko hojjetteetti. Kaadhimamtee wana turteef barnoota amantaa waldaatti barattee ture’’ jette.

Poolisiin magaala Hawaasaa namni hojjettuu baankii Daashan Tsiggee Balaachoo bute miseensa poolisii tahuu fi eegduu kantiibaa magaalichaa ta'uu hime.

Shakkamaan kun miseensa poolisii addaa akka turee fi maqaan isaa Yehowala Mabiraat akka jedhamus poolisiin himeera.

Shakkamtootni yakkicha keessaa harka qabu jedhaman jaha to’annoo jala ooluu fi namni shamarree kana butes barbaadamaa jiraachuu himan.

Obboleettiin Tsiggee, Natsaannat balaachoo akkamiin butiin kun obboleettii ishee irratti akka raawwate akkasiin BBCtti himte.

‘’Guyyaa sana [Kibxataa, 23/2023] mana hin bulle. Waan akkasii ishee irratti argamee hin beeku. Namootni mana kireessaniif osoo hin galiin waan bulteef gara lafa hojiishee deemanii gaafatanii dhabanii nutti himan,‘‘ jette.

Sana booda namootni mana kireessaniif gara waajjira poolisii deemanii gabaasa gochuu himti Natsaannat.

Maatiin Tsiggees erga dubbii kana dhagahanii gara waajjira poolisii deemuun iyyataniiru.

Poolisoonni kana dura waan sodaattu qabdii? jedhanii yoo na gaafatan, kana dura namni sodaattu tokko akka jiruu fi akka ishee hordofu natti himuu isheen isaanitti hime jetti Natsaannat.

‘‘Bakka hojii isheetii ammoo yeroo baatuu fi galtu namni odeeffannoo shakkamaaf kennituuf akka jirtu natti himtee ture. Anis kanan poolisiitti hime.‘‘

Poolisoonni magaalichaas gara baankii Daashan Tsiggeen hojjetaa turtee deemuun dubartii odeeffannoo kennuun shakkamtu qabanii moobaayila ishee keessaa ergaa gabaabaa sa’a Tsiggeen itti baatu namichaaf ergite argachu dubbatti.

Dabalataan ergaa shakkamaan deebisee isheef barreesseef argachuu himte.

Namni ishee hordofaa ture kun ammoo eegduu dhuunfaa kantiibaa magaalaa Hawwaasaa akka tahe bira gahamuu himte.

Namni butii kana gaggeesseefi Tsaggaan sana dura hariiroo homaatii akka hin qabne Natsaannat BBCtti himteetti.

Butiin barsiifata boodatti hafaa waggoota dheeraaf Itoophiyaa kutaa adda addaa keessatti gaggeeffamaa ture yoo tahu, booda kana hafaa dhufeera.