Yeroo rafan viidiyoo kallattiin tamsaasuun nama duroomsaa jira

Namootni hedduun yeroo rafan ni rifatu – ta’us namoota muraasa qofatu mala ittiin kana gara galiitti geeddaratan argate.

Miidiyaaleen hawaasummaa viidiyoo YouTube, TikTok fi Twitch jedhaman namoota viidiyoo kallaatti yeroo isaan rafan agarsiisu tamsaasan, ‘sleep streamers’ jedhamaniin kan guutedha.

Kaay Kenaat kan dhiyeenya US keessatti jeequmsa kaasuun himatame wiirtuu sochii kanaadha.

Bitootessa keessa ji’a tokko guutuuf tamsaasa kallattii taasiseetti hirribaa isaa irraa dolaraa kuma kudhanii ol argateera jedhamee tilmaamama.

Istiriimaroota addunyaa bebbeekamoo keessaa tokko kan taate Amouranth, Waxabajjii keessa qophii podkaastii The Iced Coffee Hour jedhamu irraatti istiriimii hirribaa irraa gara doolara 15,000 argachuushee himtee turte.

Namootaa tamsaasa kana daawwataniif, istiriimaronni hirribaa kun miira hawaasummaa – nama waliin hirribi qabachuuni danda’u – kennuufi, akkasumas madda bashananaadha.

Yaadi kun waan adda ta’e fakkaata, garuu guutummaatti waan haaraa miti – jalqaba bara 2000’n keessa, qophiin TV Big Brother jedhamu addunyaa keessatti qophii guddaa daawwatamu ta’e – namoota waliin jiraatan kana amoo viidyoo saa’atii 24’f waraabame keessatti yeroo rafan argamuun isaan interneeta irratti beekkamtii argate.

Bara 2004’tti ammoo, Gaaleriin National portrail jedhamu viidiyoo saa’atii tokko yemmuu taphataan kubbaa miilaa Deevid Beekhaam rafu agarsiisu baaseera.

Hin rafta, hin mo’atta

Malli istirimii hirribaa biroonis mul’achaa jiru. Istiriimarooti akka rafaniif kaffaluurra, daawwatoonni istirimaroota hirribaarra dhorkuuf kaffalu. Maallaqa gumaachuun, namootni sagalee iyyu, ibsaa nama jeequ ykn wantoota istiriimarota hirriba dhorku fayyadamuu danda’u.

Viidiyoon akkanaa akka geemi akshiniidha, kana jechuun istiriimaroonni salphaatti rafuuf yaalu, taphattoonni – dawwattoonni ammo akka isaan dammaqaniif waan danda’an hunda godhu.

Viidyoon akkanaa kan eegalame TikTok irrattidha. Istirimarootii hirribaa kan akka Jeeki Boom fi Istaanlii (stanleyMov)- kan istiriimii hirribaa isaarra maallaqa kiraa manaa isaa danda’u akka argatu himu- viidiyoo akkanaa kallattin tamsaasu.

Daawwatoonni carraa addaa argachuuf maallaqa hedduu kaffalu. Fakkeenyaaf, doolara 95 kaffaluun daawwatoonni meeshaa StanleyMov harka isaatti kaawwatu fayyadamuun eltirikiin isa riffachiisu danda’u.

“Yeroo baayyee yemmuun istirimmii hirribaa taasisu, boodarra viidyoo YouTube’f ta’u sanarra hojjechuufidha, kanaaf anaaf elktirikiin qabamuun wanta ani chaanaliikooo YouTube irra jiruuf fayyadamudha,” jechuun BBCtti himeera.

“Kun uumama keenya yoo ta’e hin beeku garuu, namootni tokko tokko yemmuu namni miidhamu arguu jaallatu.”

Istirimii irraa maallaqa argatus – kaffaltii akka ibsaa ibsuuf doolara 12 ykn ibsaa guddaa itti ibsuuf doolara 24 – ammaaf viidiyoo akkanaa tamsaasuu akka dhaabe hima.

“Sababa fayyaa xiinsammuu fi dadhabiidhaan istirimii hirribaa irraa boqonnaa fudhachaan jira.”

“ Waan hunda ofiikoon hojjedha – waggootii sadan darbaniif, torbanitti gara viidiyoo sadii warabaa fi qindeessaa tureera… wantootan maxxansu ilaalchisee ba’aa guddaatu narra jira.”

“Sababiin isaa garuu akkataan barbaaduun gochuu waanan barbaaduufidha. Kanan beekamu qoosakoo, baacookoo fi dandeetti gulaaluukootiinidha. Yeroon kallattiin tamsaasaa jirullee sammuukootti viidiyoota qindeessaan jira,” jedha.

Abjuu Guddaa

Maallaqa gaarii fakkaata – garuu kun yaada gaariidhaa?

Oggeettiin hirribaa Dr Linseey Biroowniing, kitaaba Navigating Sleeplessness jedhamu kan barreessite, yaada lamatu jira jechuun BBC’tti himeetti.

“Saayinsiin akka agarsiisutti yeroo hunda hirriba gaarii argachuun bu’aa fayyaa hedduu qaba,” jetti.

“Ta’us, jireenyi akkanaan hin hojjetu. Maatiin ijoolleen isaanii dhukkubsatanoo? Hirriba gaarii dhabuuf sababoota 100tu jira.

“Hojiinkoo namoota dhibee insomniyaa qaba, kan utuu rafuu barbaadanii sammuun isaanii isaan didu irratti xiyyeefata. Maloota insomniyaa wal’aanuu keessaa tokko ammo soda hirriba dhabuu hir’isuudha, hirriba gaarii dhabuun dhuma addunyaa miti.”

Irra keessa yemmuu ilaalalamu istiriimiin hirribaa yaada gaarii miti, garuu “ akka Jimaatarra machaa’uudha – waan gaarii akka hin taane hundi keenya beekna, garuu ammo hirriyyootakee waliin bashannani, dhuma addunyaas miti,” jetti.

Dabaluunis DR Birawoniing “ yoo wanta “torban lama ykn sadiitti takka gochuun maallaqa hedduu argachuu” kan jedhu ta’e maaliif hin gootu?”

Iliktirikiin qabamuun alatti, wanti daawwatoonni akka yemmuu Amouranth fi Kaay rafan ilaalan taasisu miira hawaasummaadha.

“Namootni jajjabinaaf daawwatu, “ jedha Istaanliin.

“Akka qofaa hin taanetti itti dhaga’ama.