Feesbuukiin babal’achuun dhibee sammuu waliin hidhata qabaa?

Sadarkaa addunyaatti Feesbuukiin babal’achuun miidhaa xiinsammuu bal’achuu waliin hidhata qabaachuu ragaan agarsiisu akka hin jirre qorannoon Inistiitiyuutii Intarneetii Oksifoord (OII) mul’ise.

Qorannoon kun biyyoota 72 keessatti itti fayyadamni miidiyaa hawaasaa guddachaa dhufuun akkamitti haala fayyaa keenya akka geeddaru qorate.

Qorannoon kun miidiyaan hawaasaa xiin-sammuu nama miidhaa yaada jedhu kan faalleesse ta'uu qorattoonni falman.

UK dabalatee biyyoonni hedduun seera fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa miidhaa toora interneetiirraa eeguuf baasuuf yaadaa jiru. Namoonni rakkoo xiinsammuu hordofsiisa jedhanii ragaa bahuu fi miidyaaleen gabaasuu hordofuun Meettaan xiyyeeffannoon hordofamaa ture.

Miidyaaleen odeeffannoo dhaabbaticha jalaa miliqee bahe qorannoo Feesbuuk gaggeessee eeruun dhiibbaa xiinsammuu maamiltoota muraasarratti akka qaqqabsiisu gabaasan.

Qorannoon kun Feesbuukii qofa kan ilaale malee, toora miidiyaalee hawaasa Meettaa biroo Inistaagiraamii of keessatti hammatu hin ilaallatu.

Inistiitiyuutii Intarneetii Oksifoorditti Profesara kan ta’an Andiriiw Pirizibiyilski BBC'tti akka himanitti, qorannoon kun gaaffii: "Biyyoonni miidiyaa hawaasaa guutummatti walgahu, nageenyi ummata isaanii akkam fakkaata?" kan jedhu ilaallata.

Pirizibiyilski akkas jedhe: " Yeroo baayyee fayyaaf waan hamaadha jedhamee yaadama. Daataa sassabne fi xiinxalle akkas ta'uu hin agarsiifne."

Hojiin Inistiitiyuutii Intarneetii Oksifoord (OII) kanaan dura Pirofesarichi hojjetan itti fayyadama teeknooloojii dargaggoota ol adeemoofi rakkoo fayyaa sammuu gidduu walitti dhufeenya xiqqaa argan.

Garuu gabaasaan kun dhiibbaa waliigalaa itti fayyadamni Feesbuukii sadarkaa biyyaatti qabu qofa ilaale.

Ta'us miidhaa homaa fayyadamtoota irratti akka qabu hin mul'isne jedhan.