Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paayilatii YouTube irratti daawwattoota baay'ee argachuuf xiyyaarra kuffisee waraabe
Namtichi lammii Ameerikaa tokko YouTube irratti dowwattoota baayyee argachuuf jecha ta’e jedhee xiyyaarri kufee akka caccabu taasisuu amanuu abbaan alangaa Ameerikaa ibse.
Namni maqaansaa Tirevor Jaakob jedhamuufi dargaggoo waggaa 29 ta’e kunis, erga balaan akka qaqqabu taasiseen booda akka waan tasa mudate fakkeessuun Mudde 2021 waraabbii viidiyoo YouTube irratti maxxanse.
Viidiyoo sanaanis hanga ammaatti dowwattoota miiliyoona 2.9 ittiin argateera.
Namni kunis erga balaan qaqqabee booda aanga’oonni mootummaa balaa sana akka hin qoranneef bakka xiyyaarri itti kufee ragaalee balleessuu isaatu himame.
Haata’u malee amma balleessaa isaa amanuun, haaluma abbaa alangaa waliin waliigaleetti viidiyicha kan waraabe haaluma namni biraa tokko oomishasaa beeksifatutti akka ture hime.
Gochaa kanaanis hidhaan hanga waggaa 20 gahu akka isa eeggatu himame.
Namtichi balaliisaa xiyyaaraafi paaraashutiin xiyyaarraa utaalee bu’uudhaan ogummaa qabu kunis, mootummaan federaalaa dhimma xiyyaara kufe caccabee kanarratti qorannoo akka hin gaggeessineef odeeffannoo dhoksuufi balleessuudhaaf balleessaan irratti argamuu, mana murtiitti amanuudhaaf waliigaluu Waajjirri Haqaa biyyatti Kamisa kaleessaa beeksiise.
Namni kunis waggaa lamaan dura xiyyaara qofaasaa balaliisu buufata xiyyaaraa Kaaliiforniiyaa Saantaa Baarbaaraa irraa erga kaameeraawwan itti kaa’een booda kan ka’e yoo ta’u, kaameeraawwan qabachuun xiyyaarri qilleensa irra osoo jirtuu utaalee paaraashutiin bu’uun adeemsa wayita xiyyaarri tun kuftu agarsiisuu viidiyoon waraabeera.
Xiyyaarittiin balalii’uuf kaatee daqiiqaa 35 booda bosona Loos Poodires jedhamu keessatti kufuun caccabde.
Inni garuu erga paaraashutiin lafa qaqqabeen booda gara bakka xiyyarittiin itti kuftee caccabde dhaquun kaameeraawwan qaama xiyyaarittii irratti tolfamanii turaniin kan waraabbame walitti qabate.
Kanaanis viidiyoo wayita inni utaalee bahuufi xiyyarittiin gara lafaatti yoo gargaltee kuuftee caccabduu agarsiisuu waraabee YouTube irratti maxxansuun dowwattoota miiliyoonaan lakka’aman itti argateera.
Namoonni viidiyicha YouTube irratti argan tokko tokkos xiyyarittiin kan kufte balaan osoo hin taane ta’e jedheeti jechuun shakkii isaanii ibsaa turan.
Kanaafis Jaakoob paaraashuutii ittiin utaalu kaawwachuun qophaa’ee akka tureefi xiyyaarattii balaarraa oolchuuf yaalii homaatu hin raawwannee jechuun dubbatan.
Balaa sanaan boodas Boordiin Nageenya Geejjiba Ameerikaa taatee sana ilaalchisee gabaasa kan taasisee yoo ta’u, Abbaan Taayitichaas caccabaa xiyyara kanaa walitti qabuu akka irra jiru itti himamus, garuu eessatti akka kufte akka hin beekne himaa ture jedhameera.
Isaan booda gara bakka balaan itti qaqqabee sanaa hilikoptaraan imaluun caccabaasaa eddichaa akka kaafamu taasisuun balleesseera jechuun abbaan alangaa kan hime.
Namni kunis gochaa balaafamaa raawwatee fi odeeffannoo qorannoof barbaachisan balleessuun torbanoota dhufan keessa mana murtiitti dhiyaachun balleessaa isaa amanuuf waliigaleera.
Gochaa kana waliin wal qabatees Jaakoob waggaa darbe hayyamni isaa xiyyaara balaliisuu jalaa haqameera.