Guyyaan Hijaabaa addunyaa maali? Hijaabi aadaa moo amantii?

Calaqqee naamusa amantii Islaamaa keessaa tokko uffannaa hijaabaa yookiin uffannaa naamusaa kan jedhamuudha.

Hijaabni sona amantii irra darbee akka mirga dubartii tokkootti ilaalama jedhu kanneen dhimma hijaabaa irratti quuqamuun hojjetan.

Dubartoonni hijaaba kan uffatan dirqamsiifamanii osoo hin taane fedhiisaaniin ta'uu hubachiisuu fi hijaaba uffachuun miira akkamii akka qabu namoota kaaniif ibsuu kaayyeffatee bara 2013 kan eegale guyyaan kun, kan bara kanaas Guraandhala 1, 2022 guyyaa Roobii kabajamee oola.

Guyyaan Hijaabaa waggaatti yeroo tokko kabajamu kun sadarkaa Itoophiyaatti bara 2019 kabajamuu eegale.

Bara 2013 Guyyaa Hijaabaa Addunyaa jechuun kan eegalte namni Baangilaadish lammummaan Ameerikaa taate Naazmaa Kahaan, kaayyoon guyyichaa hubannoo dogoggoraa dhimma hijaabaa irratti jiru sirressuudha jette.

Guyyaa kana muslimoota qofa osoo hin taane dubartoonni amantii biraa hordofanillee hijaaba uffachuun miira hijaaba uffachuun qabu akka baraniif ni affeeramu.

Hijaabi maali?

Hijaaba jechuun kallattiin wayita hiikamu golgaa yookiin haguuggii yoo ta’u, amantii Islaamaa keessatti garuu hiiki isaa sanaa oli.

Qajeeltoo naamuusaa kan akkaataa uffannaa akkasumas haalaa fi amala dubartiis ta’e dhiira irraa eegamu jechuudha.

Amantiin Islaamaa saaxilamummaa qaamaa fi qaamota miiraa akka hir’isan ajaja jedhu dureewwan amantichaa. Ajaji kun kan ittiin mirkanaa’u keessa tokko uffannaa hijaabaati.

Barsiisaa Amantii Islaamaa kan ta’an Ustaaz Nuuraddiin Qaasim, hijaaba jechuun uffannaa naamusa amantii Islaamaa, kan dubartiin tokko qaamashee haguuguun kabaja ittiin gonfattuudha jedhan.

‘’Namni kamuu qaama isaa kan uffataan haguugamuu qabu saaxiluu hin qabu. Qaamni dubartii ammoo maatii fi abbaa manaa irraa kan hafe namni biraan kan arguu hin qabnetu jira. Kun naamusa amantiiti, dubartiif ammoo kabaja.’’

Dubartiin hijaaba uffatte tokko carraan miidhaa saalquunnamtiif saaxilamuushee xiqqaadha kan jedhan Ustaaz Nuuraddiin, kunis sababa qaamashee kan saala faallaa hawwatu saaxiltee hin mul’ifneef ta’uu eeran.

‘’Kanaaf hijaabi gaachana dubartiin tokko miidhaa saalquunnamtii ittiin ofirraa qolattu jedhamee fudhatamuu danda’a,’’ jedhu.

Hijaaba, Niqaaba- qaama guutuu haguuguu

Hiika hijaabaaf kennamurratti yaadi garaagaraa beektota (scholars) amantii Islaamaa biraa kan ka’u jiraatus, ‘’garuu hiiki walii galaa isaa kan hunda waliigalchu naamusa yookiin uffannaa amantichaa ta’uusaati,’’ jedhan Ustaaz Nuuraddiin.

‘’Ulamaa’onni rifeensarraa eegalee qaamashee hunda haguuguu qabdi kan jedhan jiru. Gariin ammoo wayita Salaataa fuulaa fi harka mul’isuun rakkoo hin qabu jedhu.’’

‘’Hundi kan irratti waliigalu garuu dubartiin muslimaa tokko qaamashee baastee saaxiluu hin qabdu kan jedhuudha. Akkasumas uffata saala faallaa ofitti harkisuuf ishee saaxilu uffachuu hin qabduudha hiikaan hijaabaa,’’ jedhan.

Hijaabi shaashiidhaan mataa haguuggachuu qofa akka hin taane fakkeenya karameellaa fudhachuun ibsan.

‘’Karameellaan kan saamsamaa ta’e yookiin kan haguugamee fi kan hin haguugamnetu jira. Isa haguuggii qabu namuu ni hawwa, garuu tuquu hin danda’u. Akkanumallee jarmii yookiin baakteeriyaadhaan kan faalame miti.

''Kan haguugduun irra ka’e garuu faallaa kana. Waan hundaaf saaxilama. Dubartiin qaamni isii qullaa ta’es akkasuma rakkina adda addaaf saaxilamti,’’ jechuun hiikaa fi faayidaa hijaabaa ibsan.

Hijaaba- duudhaa aadaa fi amantii

Hijaabni aadaa warra Arabaa yookiin kaanii osoo hin taane bu’uurri isaa Qur’aana jedhu Ustaaz Nuuraddiin.

‘’Boqonnaa yookiin Suuraa Qur’aanaa ‘Ahzaab’ jedhamu keessatti ajajamee jira. Bara wallaalummaa- bara jaahiliyyaa, dubartiin qullaa deemti turte. Haala kanarratti suuraan bu’e, ‘akka warra bara jaahiliyyaa sana qullaa keessan hin deeminaa’ kan jedhuudha,’’ jedhan.

Hijaabi amantiis ta’e aadaa biyyootaa ta’uu dura duudhaa dhalli namaa uumamaan hordofuudha kan jedhan jiru.

Dhugumayyuu hijaaba uffachuun amantiiwwan akka Islaamaa, Kiristaanaa fi kaan keessatti ajajamuun dura dhalli namaa uumamaan qaamasaa haguuguun tureera.

Keessattuu dubartoonni qaamasaanii miidhaa qaama saalaa faallaan irra ga’u irraa eeguuf uffata qaamasaanii hin saaxille uffachuun duudhaa dur durii kaasee dhala namaa waliin jiruudha.

Hijaabi duraan aadaa akka turee fi boodarra gara amantiitti akka fudhatame kan ibsanis jiru.

Biyyoota aduu fi dhukkee gammoojjiif saaxilaman- kanneen akka biyyoota Arabaa fi Kaaba Afrikaa keessatti waan fuulaa fi qaama haguugu uffachuun aadaa ture.

Kunis ho’a aduu fi dhukkee ofirraa ittisuuf ta’uu eeru.

Beektonni amantiis ta’e kaan aadaan walqabsiisanii duudhaa kana kaasuu malu, malee uffannaan hijaabaa Qur’aanaan ajajamee jira jedhan Ustaaz Nuuraddiin.

Kanneen aadaa fi amantiin walkeessa jiru jedhan ammoo, uffannaan hijaabaa aadaa bakka amantichi itti babal’achaa ture- Makkaa fi Madiinaarraa dhaalameedha jedhu.

Maqaan uffannaa naamusa amantii ta‘e kanaa afaan Arabaatiin ta’uunsaas agarsiistuu tokko ta’uu kan kaasan jiru.

Amantii fi aadaan dhimmoota walqabatanii deeman ta’uu kan hin haalle Ustaaz Nuuraddiin, ‘’amantii Islaamaa keessatti hiikaan hijaabaa uffannaan olitti. Huccuu yookiin shaarbii qofa uffachuu osoo hin taane, naamusaa fi adaba amantichi gaafatuun walqabata,’’ jedhan.

‘’Isheen kan haguuggatte qaama isheeti malee sammuu ishee miti’’

Hijaaba ilaalchisee ilaalchi dogoggoraa jiru akka waan dubatiin tokko hacuucamtee fi sammuun ishees haguugameetti hubachuudha.

UK Riidiingi magaalaa Berkshire kan jiraattu shamarreen umrii waggaa 20 Hinnaa Amaanii fedhii isheetiin erga hijaaba uffachuu eegaltee booda ilaachi namoonni isheef qaban jijjiiramuu dubbatte.

Waa’ee uffannaa hijaabaa irratti hubannoo dhabuun dubartoonni Muslimaa hedduun hijaaba uffachuuf akka sodaatanii fi ofitti amanummaa akka dhaban taasiseera jetti.

‘’Dubartiin hijaaba qaamasheetti haguuggatte akkuma dubartii kaanii saamuusheetti fayyadamuun dorgomti. Waan dubartiin kaan hojjettu hunda hojjetti. Qaamashee waan haguugdeef wanti addaa ishee mudatu hin jiru,’’ jedhu Ustaaz Nuuraddiin.

Inumaa akkuma hojiin hundinuu naamusa uffannaa mataasaa qabu, kunis fakkeenya uffannaa naamuusaa addunyaaf kan ta’uudha jedhan.

‘’Kan amantaa dhiisiitii hojiin hundillee qajeeltoo fi naamusa uffannaa kan mataasaa qaba.’’

Hijaabi faayidaa malee miidhaa hin qabu kan jedhan Ustaaz Nuuraddiin, dubartoonni baakteeriyaa fi jarmiirraa akka of eeganiifillee carraa guddaadha jedhu.

‘’Fakeenyaaf tibba koronaan addunyaa weerare namuu akka maaskii godhatu dirqamni darbee ture. Dubartiin hijaaba uffattu garuu durumaanuu haguuggii waan qabduuf of eeggannoo qabdi,’’ jechuun bu’aa hijaabni fayyaa ofii eeguu keessatti qabu ibsan.

Akkuma aadaattiyyuu hawaasi biyya lafaa garaagaraa uffannaa duudhaasaa mul’isu kan garaagaraa qaba.

Boodatti deebinee yoo ilaalle hawaasi keenya mataatti shaashii uffatu, uffata guutuu qaamasaanii guutuu haguugu uffatu jedhan Ustaaz Nuuraddiin.

‘’Maqaan hijaabaa yeroo ka’u qofa hiika osoo hin hubatin jibbuutu ture. Kanaafuu hiikasaa dhugaa hubachiisuun barbaachisaadha. Kanaaf guyyaan hijaabaa kabajamuun ga’ee guddaa qaba,’’ jedhan.

Dubartiin tokko faayidaasaa hubattee fedhiishee yoo ta’e hijaaba akka uffattu, yoo hin feene ammoo akka dhiistu gochuun dirqama amantii Islaamaati.

‘’Amantiin Islaamaa waa’ee hijaabaa qofa osoo hin taane dhimma kamuu dirqamaan namarratti hin fe’u. Kan nurraa eegamu qixa sirrii ta’een namaaf ibsuudha. Fudhachuu fi dhiisuun mirga abbaati,’’ jedhu Ustaaz Nuuraddiin.

Guyyaan akkanaa kan barbaachiseef, hijaaba jechuun uffannaa naamusa amantii Islaamaa ta’ee fi qaama ofiif eeggannoo gochuuf jecha fedhii ofiitiin uffatan ta’uu hubachiisuufi.

‘’Amantii Islaamaa keessa wanti dhiibbaadhaan ta’u tokkollee hin jiru. Inumaa amanitin Islaamaa dubartiif bakka guddaa kenneera. Qur’aana kabajamaa keessatti addatti Suuraan yookiin boqonnaan tokko addatti waa’ee dubartootaa kan haasa’uuf dubartoonni utubaa dhalootaa waan ta’aniif,’’ jechuun iddoo amanitin Islaamaa dubartootaaf kennu ibsan.

Hijaaba uffataan olitti…

Amantiin Islaamaa uffannaa naamusaa kan ta’e- hijaaba qofa uffachuu kan ajaju osoo hin taane, hojii naamusa qabuu fi amanticha madaal hojjechuus ajaja jedhan Ustaaz Nuuraddiin.

‘’Jalqabuma dubartiin hijaaba ofirraa qabdu waan fokkataa raawwachuuf ni qaanfatti. Amantichis uffannaa qofa osoo hin taane waan badaarraa akka of qusatanii fi waan gaarii irratti akka xiyyeeffatan ajaja.’’

Uffannaan hijaabaa masjiida keessatti qofa osoo hin taane, bakka hundatti kabajamuu qaba jechuun dhaaman.

‘’Hijaaba kan ajaje jecha Rabbii guddaa kan ta’e Qur’aana. Rabbiin masjiidatti sodaatan fulaa hunda jira. Kanaafuu namni itti amanee hijaaba uffatu bakka, yeroo fi haala hunda keessattuu naamusa kana kabajuu qaba,’’ jedhan.

Akkuma addunyaattuu amantiin walqabatee rakkoon jiru tokko, ‘’yeroo bakka waaqeffannaatti argaman qofa waan gaarii hojjetanii achii deemnaan waan biraa hojjechuudha,’’ jedhu barsiisaan amantii Islaamaa kun.

‘’Biyya keenya keessatti kan argaa jirrus waanuma akkasiiti. Keessattuu dubartoonni hijaaba uffatan wayita manaa ba’an ofirraa baasu. Masjiida qofatti uffatanii yeroo achii ba’an ofirraa baasu. Garuu Rabbiin bakka hundattuu nama arga. Kanaaf bakka hundattuu hijaaba uffachuun barbaachisaadha.’’

Dubartiin tokko yoo maatii keessa jiraatte, yookiin ammoo abbaa manaa waliin jiraatte malee yeroo kaan haala kam keessattuu hijaaba uffachuu akka qabdu amantiin Islaamaa ajaja.