Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Hijaabi calaqqee amantii ta'e calaqqee eenyummaa keenyaas akka ta'un fedha'- Dizaayinara Hijaabaa Hanaan Ahmad.
''Ani kanan dhaladhe maatii amantii Islaamaa fi Kiristaanaa hordofan irraati. Uffannaa hijaabaa calaqqee amantii Islaamaa ta'e kuula wayyaa eenyummaa koo calaqqisiisu irratti bocee qopheessuu kootiin, akkaataa namoonni hijaaba itti hubatan irratti jijjrrama fideera,'' jetti shamarree Hanaan Ahmad.
Hanaan ijoollummaarraa hijaaba uffachaa guddatte, fedhii fi jaalalli faashiniif qabdu hijaabarratti hojiirra oolchuun milkaa'uu himte.
''Haati koo uffata aadaa kuula qabu hedduu jaal'atti. Kana argaan guddadhe waan ta'eef ogummaa faashinii qabaadhee osoon waan isheen feetu hojjedheefii jedhaan hawwaa ture. Yaada na keessa bule kanan hijaabarratti hojiirra oolche,'' jechuun waan ishee kakaase himte.
Guyyaan Hijaabaa Addunyaa sadarkaa Itoophiyaatti kabajamuu eegaluun ammoo akka carraa isheef uume himte Hanaan.
Dubartoonni hijaaba kan uffatan dirqamsiifamanii osoo hin taane fedhiisaaniin ta'uu hubachiisuu fi hijaaba uffachuun miira akkamii akka qabu namoota kaaniif ibsuu kaayyeffatee bara 2013 kan eegale guyyaan kun, kan bara kanaas Guraandhala 1, 2022 guyyaa Kibxataa kabajamee oola.
Guyyaan Hijaabaa waggaatti yeroo tokko kabajamu kun sadarkaa Itoophiyaatti bara 2019 kabajamuu eegale.
Hijaabi calaqqee Muslimaa(dubartoota) ta'uu kan himtu Hanaan, bara 2019 wayita guyyaan kun Itoophiyaatti kabajamuu eegale hijaaba kuula aadaan faayame agarsiisaaf dhiyeessuun guyyicha miidhessite.
''Yeroo baayyee hijaabi bifa gurraachaa qabu, kan nuti uffannu Sa'uudii Arabiyaarraa kan dhufeedha. Itoophiyaan biyya amantii Islaamaa jalqaba fudhatte taatee osoo jirtuu maaliif mallattoon nu ibsu irra hin jiraanne jedheen, hijaaba irratti kuula aadaa biyya keenyaa calaqqisiisuu irratti bocuu eegale,'' jetti Hanaan.
Xiyyaarota Itoophiyaa fi Imireetis irra keessummeessituu taatee hojjechaa kan turte Hanaan, erga biyyatti deebitee faashinii hijaabaa yeroo jalqabaaf agarsiistee booda fudhatamummaa guddaa argatteen itti fuftee hojjechuuf hamilee argachuu himte.
''Hojii kiyya namoonni hedduun yoo jaallatan, muraasni qeeqaniiru. Warri qeeqan hijaabaa fi faashiniin waliin hin deemu jedhan. An garuu boca itti gochuun alatti danaa hijaabaa ganamaa hin geeddarre. Dimshaashumatti namoota muslima hin taane dabalatee hedduun naaf jaallataniiru,'' jechuun jalqaba wayita faashinii hijaabaa dhiyeessitu miirri namoota akkam akka ture ibsite.
''Abaayaa jiru irratti sona calaqqee keenyaa dabaluun ammayyeessee hojjechuun dogogoggora ta'ee natti hin mul'anne.''
Abayaan uffata dubartoonni muslimaa uffatan, kan qaama guutuu gubbaa hanga miilaatti haguugu yoo ta'u, hijaabni ammoo kan isaan mataasaanii ittiin haguuganiidha.
Hanaan hijaaba dubartoonni uffatan irratti dabalataan uffata dhiironni muslimaa uffatanis bifa aadaan hojjechuun beekamti.
Akkuma kan dubartootaa kan dhiirotaa irrattis kuula aadaa bocuun hojjetti.
Biyyoota akka Ameerikaa fi kaan keessatti uffannaa hijaabaa gocha mankaraaristummaa fi shorokeessummaan walqabsiisuun ni jira, Itoophiyaatti garuu amantiirratti rakkoon akkasii hagas mara hammaataa miti jette Hanaan.
''Hawaasa amanitin walkeessa jiru waan ta'eef waliif kabajee waliin jiraachuun beekama. Agarsiisni faashinii hijaabaa dhimma kanarratti hubannoo namootaa ni dabale. Hijaabi uffannaa dubartii tokko bareechu ta'uu hubatan. Inumaa namoonni Muslima hin taaneyyuu fudhataniiru. Agarsiisa kiyyarratti isaanis argamanii turan.''
Hanaan namoonni muslima hin taanellee hijaaba isheen bifa faashiniin qopheessite akka irraa bitatanii fi ammas akka qopheessituuf akka jajjabeessan himti.
Marsaa lamaaf erga agarsiistee booda sababa weerara koronaavaayirasii agarsiisuuf akka rakkatte kan himtu Hanaan, kan baranaarratti garuu qopheessitoota guyyichaa waliin ta'uun agarsiisa faashinii hijaabaa qopheessaa jiraachuu dubbatte.
Hanaan hojii faashinii hijaabaa kanaan namoota 10'f carraa hojii uumteetti, ofiisheetii yeroo ammaa namoota mudoo dhageettii qabaniif haguugduu funyaanii fi afaanii hojjetti.
Meeshaalee qulqullina eeggachuuf gargaaran shamarranii fi jaarroleef hojjechaa jiraachuus himte.
Erga hojii xiyyaara irra hojjechuu dhiistee magaalaa Finfinneetti deebitee booda barnoota leenjii ogummaa faashinii yeroo gabaabaaf erga fudhattee booda, hojiishee jalqabaa biyya Hindiitti bocuu himte Hanaan.
''Abaayaa irratti qixa sirrii ta'een kuula bocuun rakkisaa ture. Furmaati ture Hindii deemee maashina uffatarratti kuula bocu-embroidery machine-fayyadamuu ture. Ergan karaarra buufadhee garuu biyyuma keessattin hojjechuu itti fufe,'' jette.
Yeroo dhiyoo as Itoophiyaa keessatti kuula wayyaa calaqqee aadaa saboota biyyattii ta'een bocanii huccuu faashinii qopheessuun heddummaataara.
Hanaanis kuula naannolee hundaan Abaayaarratti bocuun qalbii namootaa hawwatteetti.
Guyyaan hijaabaa biyyoota addunyaa 140 caalan keessatti kabajamu kun erga jalqabamee yeroo gabaabaa ta'us, hubannoo dogoggoraa hijaabarratti ture sirreessuu keessatti ga'ee olaanaa gubaacheera jette Hanaan.
Dubartoonni amantiiwwan garaagaraa hordofan hijaaba uffachuun miira isaa akka dhandhaman fi hubannoo waa'ee hijaabaa kennuu kaayyeffatee bara 2013 dubartii sababa hijaaba uffattuuf miidhaan irra gaye-Nazmaa Kaan jedhamtuun kan eegale guyyaan kun, akka Itoophiyaatti Guraandhala 26 kabajamuuf jira.
Odeessaalee hijaabaa kaan: