Guyyaan hijaaba addunyaa yeroo jalqabaaf Itoophiyaatti kabajame

Guyyaan Hijaaba addunyaa ogeettii fayyaa lammii Baanglaadish Naazmaa Kahaan jedhamuun bara 2013tti kabajamuu jalqabe barana Guraandhala, 1 kaleessa Itoophiyaatti yeroo jalqabaaf kabajameera.

Itoophiyaatti yaada guyyaa kana kabajuu kanneen burqisiisan keessaa tokko kan tahan Aadde Sumayaa Mahaammad waa'ee kabaja guyyaa kanaa nuutti haasa'aniiru.

Finfinnee hoteela Intarkontineentaalitti abbootii amantaa dabalatee, keessummoonni bakka argamaniitti guyyichi kabajameera jedhan qindeessituun sirna kanaa Aadde Sumayaan.

Kaayyoon guyyaa hijaabaa kabajuun kan jalqabames dubartoonni Musliima tahaniifi hin taane guyyaa tokko hijaaba uffatanii akka oolaniifi namoonni dubartoota Musliimaa Hijaaba uffataniif beekamtii akka kennaniif jedhu.

Yeroo ammaa kanatti biyyooti 143 ol tahan guyyicha ni kabajus jedhaniiru.

Hawaasni Musliimaa Itoophiyaa keessatti lakkoofsa guddaa kan qabu yoo tahu dubartoonni Musliimaa qaama hawaasa kanaa tahan ''sababii uffanna hijaaba isaaniin ni qollifatamu,'' jedhu Aadde Sumayaan

Kana malees, ''dubartoota hijaaba uffatan irratti ilaalcha dogoggoraa hawaasa keessa waan jiruuf isa kana sirreessuufi waa'ee hijaabaa beeksisuun kaayyoo kabaja guyyaa kanaati,'' jedhan.

Kaayyoon inni biraan dhaabbilee biyya keenyaa kanneen akka Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii, Fayyaa, Daandii fi kanneen biroo hijaaba danbii uffannaa isaanii keessatti akka hayyamaniif dhiibbaa gochuufi jedhan.

''Dubartiin Musliimaa haala uffanaa ishee fi barnootashee, hojii isheefi hijaabashee keessaa tokko akka filattuuf yeroo itti dirisiifamtu baayyee dha,''

Kunimmoo hirmaannaan dubratoota Musliimaa gama siyaas-diinagdee biyyatti irratti taasisan akka hir'atu godhaa jedhan.

Kanaaf guyyaan kun carraa dubartoonni Musliimaa biyyatti ajandaa fi gaaffii isaanii itti kaasan akka tahu ijaa barbaannuufi kana kan jalqabne.

Kabaja guyyaa kanaa irratti fiilmiin dokimantarii dubartoota sababii hijaaba uffataniif jiruu isaani guyyuu irratti rakkoo isaan mudatu agarsiisu dhiyaachuu, dubartootni Musliimaa muuxannoo isaani dhugaa bahuufi waraqaan qorannoo dhimma kana ilaallatu dhiyaachuullee himan.

Dubartiin Musliimaa maaliif hijaaba uffatti?

''Dubatiin Musliimaa hijaaba kan uffattu inni jalqabaa uumaa isheef bitamuu agarsiisuufi,'' jedhan Aadde Sumayaan.

Gam biraan immoo,''dubartiin eegamtuu akka taatee erga warreen ishee qocollaniifi miidhuu barbaadaniif kan ergaa iiti dabarsitu dha, kuni dhiira eeguuf jecha kan keewwattu otoo hin taane filannoo ofiisheeti.

Dabalataan immoo hijaabni mallattoo eenyummaa ittiin agarsiisaniifi sonawwan Islaamummaa keessaati jedhu qindeessituun kabaja kanaa Aadde Sumayaan.

Guyyaa kana gaafa kabajanis dubartoota hijaaba gosa hunda uffatan irratti xiyyeefachuuni jedhan.

Guyyicha kana booda waggaa waggaan ni kabajna jennee yaadanas jedhaniiru.