Suuraan shamarree Musliimaa warra Islaamummaa morman duratti suuraa kaate ijoo dubbii taheera

Shamarreen Musliimaa warreen Islaamummaa morman wajjin suuraa kaate, ''jibba isaanii jaalalaafi kolfaan deebisuun barbaade' jette.

Shaaymaa Isamaa'eel 'akkana gochuu kootti deeggarsi argadhee baayyee guddaa ture'' jechuun BBC'tti himtetti.

Suuraan Shamarree ganna 24 hijaaba uffattu qubasheen ''mallattoo nagaa'' agarsiisuun kaatee fuula tiwiitarii irratti 'like' 200,000 ol argateera.

Suurichi Waashingitan Diisii yeroo walgahii Islaamaatti kaafame.

Shaaymaan baha Ameerikaa jiraatti, ijoollee rakkoo guddina sammuu qaban waliin hojjetti.

Kora Hawaasa Musliimaa Ameerikaa 44ffaa Musliimooti 24,000 argaman irratti hirmaachuuf gara Waashingitan dhufte.

''Namooti baayyee irratti argamniiru, sagantichis guddaa ture garuu yeroo gadi baanu warra daandii qarqara dhaabatanii nu morman argine''

''Guyyaa duraa arginee irraa fagaanne, iyyaa turan, dhaadannoos qabatanii turan achiin isaan waraabne."

'Nan murteesse'

Shaaymaan mormitoonni kunneen mallattoowwanifi sagalee guddistuu fayyadamuun ergaa isaanii farra-Islaamaa dabarsaa turan jetti.

Poostara ''Islaamni amantii jibbaati jedhu qabatanii turan, achi teenyee jibba akka dhaggeefataa jirrus nutti himaa turan. Ana waanti akkasii dhiibbaa narraan hin gahu. Itti koflaan ture."

Shaaymaan mormitoota kunneen guyyoota sadiif ergan argee booda, ''nan murteesse'' jetti.

''Hiriyyaa koon suuraa na kaasin jedhe. Otoon kofluu akka na arganin barbaade, jibba isaanii jaalalaanin deebisuu barbaade."

''Natti waan aaran fakkaata garuu deebii hin kennine."

Ergaa deeggarsaa

Miidiyaa hawaasummaa irratti kumaatamaan jaalatamuu irrayyuu ergaa deeggarsaa argachaan jira jetteetti

Miidiyaa hawaasummaa irratti, suuraan kee kuni godambaa warra mirga namoomaaf falman wajjin ol-kaa'amuu qabafaa naan jedhus jetti.

Niiwuzilaanditti yeroo haleellaa masjiida Christchurch sana qofa dha ''ifatti Musliima'' tahuun koo kan na yaadesse jetti.

Bitootessa 15,2019 warri olaantummaa adii leellisan namoota 50 ajjeesan- biyyattiin seera meeshaa waraanaa akka geeddartu taasiseera.

''Kuni kan mudate Ameerikaa waan taheef miti, amma akkasumatti akka jibbamnu faa natti dhagahamaa jira'' jetti.

Shaaymaan namooti sababii amantii isaaniif kiyyeefaman akka hir'isu abdii qabdi.

''Namooti namummaa kabajan baayyeetu jiru, dubartooti akka koo hijaaba uffatanis baayyeetu jiru'' jetti

''Baruullee faashinii dubartoota Musliimaa baasu, yeroo ani ijoollee ture hin aragitu ture'' jetti