Hospitaala Royaal Darbii: Hijaaba qulqulluu takkaa qofa fayyadee gatamu hojiirra oole

Hospitaalli Royaal Darbii hijaaba qulqulluu baakteriyaa irraa bilisa taheefi takkaa qofa fayyadee gatamu hojjettoota kutaa wal'aansa baqaqsanii hodhuuf yoo qophaa'u kun kan jalqabaati jedheera.

Hakiimni reefuu qacaramte Faaraah Rooslaan, amantiin Musliima taatee barattuu fayyaa yeroo turtedha yaada kana kan burqisiiste.

Hijaabni isheen guyyaa guutuu uffattee ooltu kutaa wal'aansaa uffadheen yoon gale qulqulluu gatii hin taaneef jetteetti.

Hijaabni kun akka biyyaalessaatti hojiirra ooluu ni danda'a jedhamee haa yaadamuyyuu malee, Tajaajilli Fayya Biyyalessaa Inglaand fedhii namoota dhuunfaa irratti murtaaa'a jedheera.

Faaraah, yeroon barattuu ture hijaabuma guyyaa uffadhee ooleen iddoo wal'aansaatti fayyadama, kanaaf guftaan/hijaabni fayyadamaa ture qulqulluu hin turree jechuudha jetti.

''Ofirraa baasee hojjechuuf fedhii ijaa hin qabaanneef kutaa wal'aansaatii akkan kabajaan bahu taasifamee ture, innis infeekshinii hir'isuuf jecha ture,'' jetti.

Kanaaf ani amantii koof jecha uffannaa keewwachuun narra jiraatuufi jaalala kutaa wal'aansaa keessatti hojjechuu walitti araarsuun qaba ture jetti.

Rooslaan huccuu kana otoo hin qopheessiin dura biyya dhalootashee Maaleziyaatti akkatti fayyadaman ilaaltee: ''Waan kana akka biyyaalessaatti faayidaarra akka oolu otoo jajjabeessinee natti tola,'' jetti.

Hakiimni baqaqsanii wal'aanuu Jiil Teerney gorsituu Rooslaan yoo taatu, guftaan mataa akkasii UK'tti kan jalqabaati jetteetti

''Dhimmichi badaa xiyyeeffannoon kan itti kenname miti, otoo hojiirra oolee baasii xiqqoon faayidaa guddaa argachuun ni danda'ama,'' jetti

Hospitaalichis baatii Muddee ammaa irraa kaasee hijaaba kanaan faayidaa kennuu akka jalqabe dubbatti.