Naayijeeriyaa: Leegoos hijaaba mana barumsaa keessatti dhowwamee ture kaaste

Naayijeeriyaatti kutaan biyyaa Leegoos barataan kamiyyu sababii amantaa isaatiin akka loogiin irra gahuu hin qabne manneen barnootaaf ergaa dabarse.

Ammaan booda ijoolleen durbaa Naayijeeriyaa Leegoos keessa jiran mana barumsaatti hijaaba uffachuun akka danda'an aanga'oonni dubbataniiru.

Erga bara 2014 manni murtii ol-aanaa Leegoos mana barumsaa keessatti hijaabiin akka hin uffatamne dhowwee, mormii guddaatu ture.

Murteen kun ol-iyyannaadhaan waggaa lamaan booda kuffiifameera garuu kutaan biyyaa sun gara Mana Murtii Waliigalaatti geessuudhaan dhowwaan mana barumsaa irra jiru hin ka'iin ture.

Falmii kan Mana Murtii Waliigalaa akkuma jirutti ta'ee ijoolleen durbaa amma hijaabii mana barumsaatti uffachuu ni danda'u jedhameera.

Hijaabiin barattootaa garuu "gabaabaa, mijataa, qulqulluufi bifa yuunifoormii waliin walfakkaatu ta'uu qaba" jedhame.

"Barataan kamiyyu sababa amantii isaaniitiif loogiin irra gahuu hin qabu," jedhan.

Waldaa Barattoota Musilimaa Naajeeriyaa kan Laagoos irraa kan ta'e Saheed Ashafa, akka jedhutti tarkaanfiin kun baayyee kan nama jajjabeessudha.

"Karaa nama saalfachiisuufi sirrii hin taaneen miseensonni keenya miidhaamaa, salphinni irra ga'aafi hijaabii uffatanii akka daree barnootaa hin seenne dhowwamaa turuu," balaalleffateera.

Murteen kun kan taasifameef, manni barnootaa kutaa biyyaa sana keessa jiru Oyoo jedhamu tokko barattoonni hijaabii uffatanii akka mana barumsaa hin seenne dhorkuu waliin walqabatee mormii ka'eerraan ture.

Dubbiin mana barumsaatti ka'e kun ammoo maatiin mormii kaasanii University of Ibadan International School akka cufatullee taasiseera.

Uummanni Naajeeriyaa tilmaamaan Musiliimaafi Kiristaanatti walqixa hiramaadha.

Musiliimonni baayyinaan kan jiraatan gara kaaba biyyattii yommuu ta'u warri Kiristaana ta'an ammoo gara kibbaa jiraatu.

Laagos ammoo uummata amantaan isaanii makaa ta'e qabdi.