Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humnootiin addaa biyyoota lixaa Yukireen keessa jiraachuu sanadi iccitii US miliqee bahe mul'ise
Loltoonni biyyoota Lixaa leenjifi gahuumsa addaa qaban Yukireen keessa jiraachuu odeeffannoon icciitii US jalaa miliqee bahe ni ibsa.
Ragaalen icciitii US jalaa miliqee baheefi marsaa intarneetirratti qoodamaa ture akka ibsutti loltoota US dabalatee kan UK, Faransaayifi biyyoota biroos Yukireen keessa jiru.
Sanadoota kana keessaa kaan isaanirratti "icciitii guddaa" kan jedhu irratti barreeffameera.
Isaan keessaa sanadi tokko biyyoonni lixaa loltoota gahuumsafi leenjii waraanaa addaa qaban Yukireen keessa akka jiran eera.
Akkasumas odeeffannoowwan icciitii waa'ee haleellaa Yukireen Raashiyaa irrattti gaggeessuf jirtuus ni tarreessa.
Mootummaan US icciitin kun eessaa miliqfamee akka bahe qorataa akka jiru ibse.
Odeeffannoon kun ji'a Bitootessaa keessa intarneetiirratti kan gadi lakkifamee ture yoo ta'u, sanadi icciitii gaafa Bitootessa 23, 2023 bahe akka ibsutti biyyoota Lixaa keessa loltoota heddu Yukireen keessaa kan qabu UKdha.
Biyyoonni akka US, Faransaayi, Laatviyaa, fi Neezarlandis fa'aas loltoota isaanii Yukireen keessa qubsiisaniiru.
Loltoonni lakkoofsan guddaa ta'uu baatanis leenjifi gahuumsa addaa warra qaban ta'uusaanin Yukireenif humna cimaa ta'u.
Loltooni biyyoota miseensa NATO ta'anii Yukireen keessatti argamuun isaanii Raashiyaa ammoo heddu dheekkamsiisa.
Yeroo dhiyoo as Raashiyaan loltoota Yukireen qofa osoo hin taane, loltoota NATO wajjinisYukireen keessatti wal-lolaa akka jirtu ibsitee turte.
Sanadi icciitii US jalaa bahe kun loltoonni biyyoota Lixaa kun Yukireen keessa baka kam akka jiraniifi maal hojjataa akka jiran waanti ibsu hin jiru.
Ministeerri Ittisaa UK waa'ee loltoota Yukireen keessa jiranii irratti waan jedhe hin qabu.
Grauu, fuula Tiwitara isaarratti waa'ee odeeffannoo miliqee bahe jedhamee "sadaraka yaaddoo nageenyaa olaanaa ta'e" jechuun ibse.
Waraanni humna addaa UK gartuuwwan waraanaa garaagaraa irraa kan walitti dhufe yoo ta'u, waraana addunyaarratti gahumsa guddaa qabu jedhaman keessaa tokkoodha.
Akka seera UKtti mootummaan waa'ee waraana humna addaa biyyattii yaada hin kennu.
Biyyoonni akka US garuu waa'ee waraana isaanii odeeffannoo uummataaf ni kennu.
Ministiirri Ittisaa US Liyood Ostin madda sanada miliqee bahee kanarratti qorannoo yakkaa eegaluu ibsan.