Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kooriyaan Kibbaa meeshaa waraanaa Yukireeniif erguuf mamii keessa jiraachuu sanadi miliqe bahe mil'ise
Sanadoonni icciitii Peentaagoon US jalaa miliqun bahan, qondaaltota sadarkaa olaanaa Kooriyaa Kibbaa gidduutti marii dhimma meeshaalee waraanaa Yukireeniif eerguu fi dhiisuu irratti taasifamaa ture mul’isan.
Sanadni dhoksaa BBCn arge kun, kan Ameerikaan michuu biyya taateef Kooriyaa Kibbaa waggoota kurnaniif basaasaa akka turte kan agarsiisedha.
Sanadichi waa'ee waraanaa, michiita Ameerikaafi dhimma Chaayinaas ilaalchisee odeeffannoo kan hammateedha.
Odeeffannoon miliqee baha kunis walitti dhufeenya Kooriyaan Kibbaa Ameerikaafi Raashiyaa waliin qabduu balleessuuf kan dana'u akka ta'e himameera.
Kooriyaan Kibbaa odeeffannoo kana qorataan jira jettuulleen, haasaawwan waajjira pirezidantii ishee keessatti taasifaman buutuun akka hin danda'amne garuu beeksiifte jirti.
Ta'us ammoo mariin jedhamu kunis waajjira lafa keessaa keessatti kan gaggeffamee ta'u hin danda'u jettee jirti.
Sanadni BBCn ilaalee kunis Kooriyaan Kibbaa Yukireeniitti meeshaalee waraanaa girguruudhaaf mamii keessa galuushee kan mul'isuudha.
Ameerikaan Yukireen hidhachiisuuf Kooriyaa Kibbaa irratti dhiibbaa taasisaa kan turte yoo ta'u, garuu Kooriyaan Kibbaa imaammata ishee biyyoota waraanaa keessa jiraniif meeshaa waraanaa dhiyeessuun dhorku eeruudhaan mormaa turte jirti.
Bara darbe Kooriyaan Kibbaa kusaa meeshaa waraanaa ishee sababii waraanaa Yukireenitiin dhume guuttachuuf meeshaa waraanaa cimaan kan ittiin dhokaafamu Ameerikaatti gurguruuf waliigalte turte.
Ta'ulleen meeshaalee kanneen Ameerikaan akka Yukireeniif hin kenniinee fi ofuma isheetiif akka qabattuu Kooriyaan Kibbaa qaama waliigalte akka ta'uuf cimsitee keessaa jirti.
Sanadiin amma miliqee baha kun akka mul'iseetti, mootummaan Kooriyaa Kibbaa waliigaltichi akka isa yaaddeessee fi Ameerikaan meeshaalee kanneen dabarsitee Yukireeniif kennuu akka dandeessuu shakkii agarsiisa.
Sanadichi tarree marii icciitii baatii tokkoo ta'uuf gorsitoota nageenya biyyaaleessaa olaanaa pirezidantii Kooriyaa Kibbaa Yuun Suuk Yool lamaan jidduutti taasifame kan hammateedha.
Gorsaan ministeera haajaa alaa pirezidaantichaa Yoon Yi Mun-hui gorsaa nageenya biyyaalessaa yeroo sanaa Kim Sung-hanitti akka himanitti mootummaan ''Ameerikaan fayyadamaa dhumaa'' meeshaa waraanaa kanaa akka hin taane yaaddoo guddaa qaba.
Pirezidaanti Baayiden dhimma kana irratti kallattiin Pirezidaanti Yoonitti bilbiluu malu jechuunis,akkasumas Kooriyaan Kibbaa imaammata Yukireen meeshaa waraanaa kennuu yoo jijjiirte akka waan Ameerikaan dhiibbaa irra geesseetti fakkaachuu dandeessi jechuun yaaddoo qaban turan.
Akka sanada kanaatti, gorsaan nageenya biyyaalessaa Kooriyaa Kibbaa, Kiim, sana booda, ''misaa'eloota kana dafanii gara Yukireen geessuun kaayyoo Ameerikaa isa guddaa ta'uu isaa ilaalcha keessa galchuun, kanaa mannaa misaa'ela Poolaanditti gurguruu akka danda'an yaada dhiyeessan.
US Kooriyaa Kibbaa meeshaa waraanaa Yukireeniif akka kennitu barbaaddushee hin dhoksine.
Kooriyaan Kibbaa dandeettii meeshaa waraanaa sadarkaa olaanaa saffisa guddaadhaan hojjechuu qabduun bu’aa waraana kanaaf gumaacha guddaa gochuu akka dandeessu ni amana.
Garuu isaan hariiroo Raashiyaa waliin qabdu miidhuu sodaachuun, kana gochuuf fedhii hin qabdu turte.