Pirezidaantii Laayiberiyaaf yeroo biyya alaa deemu guyyaatti durgoo $2,000 murtaa'eef

Pirezidaantii Laayibeeriyaa- Joorji Wihaa

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantiin Laayibeeriyaa Joorji Wihaan yeroo hojiif gara biyya bakkee deemu durgoo isaa guyyaatti dolaara 2,000 akka argatuuf murtaa'uu Ministeerri Faayinaansii biyyattii beeksise.

Joorji Wihaan daawwannaa isaa miilanaatin Waancaa Addunyaa Kaataritti gaggeeffamu daawwachuuf garas ni deema jedhame.

Daawwannaan Kaataritti taasisu kanaan guyyaa sagaliif kan achi turu yoo ta'u dolaara 18,000 argata jechuudha.

Pirezidaantin Laayibeeriyaa Joorji Wihaan kaayyoon gara Kaatar deemuu isaa inni guddaan ilma isaa taphicha irratti hirmaatu daawwachuufi jedhame.

Kuni ammoo namoota hedduu biratti komii kaasee jira.

Joorji Wihaan daawwannaa biyya alaatti taasisu torban lama dura kan eegale yoo ta'u walii galatti bajatni ramadame meeqa akka ta'e Ministeerri Faayinaansii biyyaattii Saamu'eel Tweah ifa hin goone.

Ministeerri Faayinansii Laayibeeriyaa Saamu'el Tweah miidiyaa biyya keessaa tokkotti akka himetti durgoon Joorji Wihaadhaf kaffalamu waanuma kana dura pirezidaantiin isa dure turte argachaa ture akka ta'eedha.

Paartii biyya bulchu Congress for Democratic Change dabalatee namoonni hedduun akkamitti qarshiin hanga kanaa guyyaatti nama tokkoof dirgoo kaffalama jechuun qeeqaa jiru.

Akkasumas baasii mootummaa hir'isuudhaf kan inni kana dura waadaa galeen faallaa akka ta'e kaasun isa qeequ.

Joorji Wihaan torbee lama dura kaabinee isaa walitti qabuun Sadaasa 1 hanga 23 tti daawwannaa Waancaa Addunyaa dabalatee hojiif gara biyyoota bakkee akka deemu itti himee ture. Miidiyaalen biyya keessaa akka gabaasanitti Joorji Wihaan gara Kaatar deemun isaa ilma isaa tapha Waancaa Addunyaa irratti hirmaatu daawwachuuf akka ta'eedha.

Ilmi isaa US tti kan dhalate yoo ta'u US dhaaf tapahata. Kanaanis Joorji Wihaan ilmi isaa yeroo US fi Weels wal faana taphatan ni ilaala jechuudha.

Joorji Wihaan ofii isaa taphataa beekamaa addunyaa irratti maqaa gaarii horate ture.

Gareen komunikeeshinii pirezidaantii ammoo daawwannaan pirezidaantichi biyyoota bakkeetti taasise kun biyyattiidhaf fandii argamsiisaa jira jedhan.