Laayibeeriyaatti beeksisa qacarrii loltootaa 200f dubartoonni 7,000 ol dhiyaatan

Madda suuraa, Getty Images
Laayibeeriyaatti miseensota waraanaa 200 ta'an mindeessuuf beeksisa baheef dubartoonni 7,000 ol dhiyaachuun dhagahame.
Waraanni biyyattii kan Ameerikaadhaan leenji'u xiqqoon, dabalataan miseensoota 200 ta'an qaxaruun baay'ina isaa guddisuuf beeksisa baase.
Beekisisichaanis imaammata haaraa wal-qixxummaa saalaa mirkanneessuu jedhuun walakkaan isaanii dubartoota akka ta'u gaafate.
Haata'u malee lakkoofsi dubartoota mindeeffamuuf dhiyaatanii kan eegameen ol baayyee olaanaa ta'uun gabaafame.
Guyyaa Wiixataa dubartoonni 7,000 ol mandara waraanaa kan magaalaa guddoo biyyattii Monooroviyaa keessatti makamuun dura leenjii qaamaa taasisuuf dhiyaatan.
Ajajaa waraanaa olaanaan Janaraal Priinsi C. Joonsan BBCtti akka himaniitti, leenjiin madaallii sunis qaxarriin dura dubartoota naannawa Monoroviyaa irraa dhufaniif kan qophaa'eedha.
Kunis sababii dubartoonni naannoo sanaa kan baadiyyaa irraa dhufan caalaa ulaagaa akka hinguunne qorannoon irra gahameef jedhan.
Gama biraatiin ammoo dubartoonni baadiyyaa irraa dhufan, miindeessuuf gama barnootaatiin yoo ilaalaman ulaagaa hin guutan kan jedhan ajajaan kun, gama sanaan gargaarsa akka barbaadan himan.
Namoonni waraanaaf galmaa'uu danda'an yoo xinnaate kan barnoota sadarkaa lammaffaa xumuran ykn kan leenjii ogummaa muraasa qaban ta'uu qabaatu.
Dubartoonni kunneenis fedhii waraanaa keessatti tajaajiluuf qaban olaanaa maddiittis, carraa kana rakkina hojii dhabummaa olaanaa biyyattii keessatti mul'atu keessaa akka ittiin bahuutti ilaalu.
Laayibeeriyaan wal waraansa waggoota 20 dura xumurame keessaa ammalleen bayyanachuuf carraaqaa jirti.
Waraana sanaanis namoonni gara 250,000 ta'an ajjeefamanii ture.












