Namoonni tokko tokko maaliif yeroo hunda guyyaafatu?

Gareen hiriyoota kamuu yoo xinnaate nama guyyaafachuun beekamu tokko qabaachuu mala. Tarii namni sun ammoo sumayyuu ta’uu danda’a ta’a.
Ofii namoonni maaliif sa’aatiidhaan bakka hojii ykn bakka beellama isaaniitti argamuuf rakkatu?
Haata’u malee, namoonni sa’aatii eegurratti rakkoo qaban kunneen keessaayis yeroo baay’ee gabaabaa ta’e keessatti hojii garii hojjachuun kan milkaa’anis jiru.
Egaan kunis eenyummaa keenyarratti kan hundaa’u ta’uu mala.
Fakeenyaaf, namoonni yeroo hunda guyyaafachuun beekaman kunneen, yeroodhuma hunda dhiifama gaafachuun beekamu. Kanaafis sababiiwwan garaa garaa himatu.
Namni yeroo hunda sa’aatii muraasaan guyyaafachuun gara hojii dhaqu tokkoo jiraachu mala. Haata’u malee, sa’aatii xiqqoodhaaf guyyaafachuun sun abbaa sanaaf sa’aatii xiqqoo haa ta'u malee, dhaabbata mindeessee ykn namoota kaaniif baayyee kan aarsu ta’u danda’a.
Qorannoon bara 2014'tti dhaabbata YouGov jedhamuun Ameerikaa keessatti dhimma kanarratti gaggeeffame tokko, lammiilee Ameerikaa shan keessaa yoo xinnaate namni tokko torbaniitti guyyaafachuun gara hojii dhaqa jedha.
Rakkoon kun ammoo namoota umurii dargaggoota keessatti argaman irratti caalaa akka mul’atu hime.
Kanaaf, qaama hawaasaa kana maaltu mudate? Tokko tokkoon keenya kaan caalaa guyyaafachuun kun nurratti cimaa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhimma kana ture barrreessituun kitaaba Late jedhamu, Girees Peesiin gadi fageenyaan ilaaluu rakkina sa’aatii kabajurratti qabdu irratti hubachuuf kan barbaadde.
‘‘Gama eenyummaa keenya ilaalatuun guyyaafachuun dhimma filannoo dhunfaati. Madaallii gama tokkoon ammoo namoonni sa’aatii isaanii eeguun hojii yeroodhaan (ganamaan) ka’uf yaadda’an jiru. Madaallii gama biraatiin ammoo kanneen yeroo eeggatanii argaman jiru’’ jechuun gama lamaaniin wal bira qabdee ilaalti.
Namoonni sa’aatii kabajurratti rakkina qaban, waan irra dedebii’un hojjatamu hin jaalatan. ‘‘Sababiisaas akka salphaatti waan mukoofnuf, hojii baramaa hin jaallannu. Waan tokko yoo deebiisne jaallannee ammo haala salphaatti xiyyeeffannoo itti kennuu dandeenya. Yeroo sana sa’aatii gabaabaa keessattilleen haala gaariin hojjachu dandeenya,’’ jechuun bakka namoota guyyaachuu amaleeffatanii bu'uun ibsiti.
Kana malees, osoo bakka teessuma isaanii ilaalamee, jara sa’aatii eeguun rakkoo qaban minjaala mi’aan gutamaafi haalaan hin qixoofne hubattu jetti. Kunis sababii osoo waan dura eegalan hin xumuriin kan biraatti darbaniifidha jetti Girees.
Kanaafu, sa’aatii guyyaafachuun waan umama dhunfaa keenyaan waliin hidhata qabudhaa laata? gaaffii jedhu isinitti kaasuun waan hin oolleedha.
Barreessaan kitaaba ‘The expected Effect’ jedhu, Daaviid Roobsan gamasaatiin, eenyummaan dhuunfaa keenya waan ittiin ibsamu keessaa tokko hubannoo ykn murte waan tokko hojjachuuf dhunfaan taasifnu (conscientiousness) keenyaan jedhan.
Murteen dhunfaa waa raawwachuuf taasifnu kunis wantoota eenymmaan keenya ittiin ibsamu shan kan akka waliigalu danda’uu (agreeableness) fi kaka’imsaaf itti dhagahamu (extroversion) keessaa isa tokkodha jedhu.
Haalli kun baayyee barbaachisaa yoo ta’u, kanas gaaffiiwwan akka ‘hangam qulqulluudha? Hangam jireenya qindaa’aafi karooraa jiraatu? Sa’aatii eegurratti attam jiru? jedhan gaafachuun isaan madaalun ni danda’ama jedhu. Gaaffiilee kunneen hunda hangam akka jireenya sosora qabu akka jiraattan kan mul’isaniidha.
Haata’u malee namoonni dadhabina isaanii kana hubatanii garuu, haala ittiin of fooyyeessu danda’an irratti sammuu keessatti kan waa baayyee yaadan jiraachu malu.
Girees Peesi ammo, namoonni sa’aatii isaanii eeggachu hin dandeenye (timebenders) yeroo baayye waa’ee sa’aatii irratti ilaalcha addaa qabu jetti.
‘‘Dheerinni daqiiqaa hunda namoota maraaf walfakkaataa miti. Yeroo tokko tokkoo sa’aatiin nutti dheerachu ykn nutti gabaabachu danda’a. Tarii xiyyeefannaan kee waan tokkorra ta’e sirumaa waa’ee sa’aatii yeroo itti dagattu jiraachu mala.
''Gama biraanis yoo sa’aatii hojii tokko itti galachitu qabda yoo ta’e, dhugaatti cimnee hojjachu dandenya'' jetti.
Haaluma walfakkaatun, qorannoonni oggeessoota saayikoloojii Yunivarsitii Waashingitaniin bara 2016'tti hojjatame tokkos, waanuma yaada kanaan walfakkaatu adda baase.
Isaaniis dandeettii namoonni sammuun sa’aatii madaalu qaban qoratan. Kanaanis namoonni muraasni umamaan kaan caalaa waa’ee sa’aatiin darbu yaadun hubannoowwan sanatti fayyadamuun gara fulduraatiif sirriitti karoorsu akka danda’an adda baafame.

Haata’u malee jarri akkasii sunis waan hundatti miti kan guyyaafatan. Fakkeenyaaf, gonkumaa sa’aatiin balaliinsi isaanii jala dabare hin beeku, sa’aatii baaburaa eeggachunis akkasuma, garuu daa’ima mana barnootaatti geessuufi bakka qophii hawaasummaa dhaquuf yeroon gahanii hin beekan ta’a.
Direeesis qorannoo iseetiin dhimmi tokkoo waa’ee namoota yeroo hunda guyyaafatanii irratti adda baafte, jarri kun waan hundatti yeroo hin guyyaafatan. Fakeenyaaf ‘‘waan caalaa isaan ilaalattu irratti yeroon argamu ni danda’u. Kana jechuunis, yoo turre ta’e wanti hordofu akka jiru beekna jechuudha,’’ jetti.
Kanaafuu, namoonni kunneen kan irra caalaa guyyaafatan yoo barfachusaaniitti addabbii hin jiraanneefi hojii harksaanii jiru galchuuf sa’aatiin itti hin geenyedha jetti.
Haata’u malee, dhimmoota addabbii ykn miidhaa isaaniif qaburratti sa’aatiin argamuun kun ammo namoota yeroo hunda akka barfatanii bakka hojii ykn bakka waamichaa dhaqab beekan irratti miidhaa olaanaa qabaata jetti.
Waan kana ta’eefu, sa’aatii kabajun attam murteesaa akka ta’e hubachuufi sa’aatii kabaju jechuun qabatamaa, waan dhokachu hindandee fi miidhaa kan qabau ta’u sammuutti qabachun barbaachisaadha jetti Gireesi.
Guyyaaffachuun amala adabamu qabuudha kan jettu Girees, sa’aatiin kabajamu malee akka waan qilleensarratti hojjachu akka faffaaku kaafti.

Rakkoon kun furmaata ni qabaataa?
Garee hiriyyoota keessanii keessatti namni guuyaafachuun beekamu tokko ni jira ta’a. Tarii innis suma ta’u mala. Yoo yeroo hunda akka guyyaafatuutti kan namoonni si eegan ta’e, qabatamaanis guyyaaffachu malta ta’a.
Devid Roobsan gamasaatiin, rakkoon namoota yeroo hunda sa’aatii dabarsuun beekamanii tokko, guyyaafachuu akka waan kan umama isaaniitii hidhata qabuutti fudhachuun sirreessuuf yaalii taasisuu dhisuudha jedha.
Ilaalchi nuti eenyummaa keenyaaf qabnu mataansaa jijjirama amalaa fiduufi dhiisu irratti gahee qabaata. Tarii of sobuun amala hin taaneen akka itti fufnu nu gochu danda’a jedha Deevid.
Haata’u malee namni kami amala amalli eenyummaan isaa ittiin ibsamu geeddarachuf filachu ni danda’a. Eenyummaan kan akka dhagaatti jabaatufi dhalootaan kenname osoo hin taanee, kan sororachuu danda’udha jedhu qorannoon saayikoloojii dhiheenya kana gaggeeffaman.
Kanaafu, namni kamu sa’aatii eeguudhaaf ta’e bakka hojiifi manasaa qindeessuudhaaf of leenjisuu ni danda’a jedha Deevis. Wanti barbaachisu yoo jiraate, yeroofi xiyyeeffannaa kennuun deebiisanii of leenjisuudha jedhan.
Haata’u malee sa’aatii hordofuun jijjirama ofirratti fiduun eenyummaa namootaa irratti hundaa’a. Namoonni muraasni kaan caalaa dafee fooyyee argamsiisu danda’a. Ta’us, hanga dhumaatti guyyaafachuun keenya fudhatamu qaba jechu miti.
Guyyaafachuun keenya balaa ykn dhiibbaa inni qabaatu hubachuun barbaachisaadha. Of leenjisuudhaan ammo amala keenya geeddaruun sa’aatii argamu fooyyeessu ni danda’ama jedhu qorattoonni dame kanaa.












