Namichi daa’ima ji’a lamaa ''hirriba na dhorke'' jechuun harka cabse, harki daa’imaa hospitaalatti irraa cite

Madda suuraa, Getty Images
Aangawoonni kutaa biyyaa Naayijeeriyaa-Imo, namni daa'ima isaa ji'a lamaa irratti miidhaa geessisee harka cabse jedhame kun to'annoo jala akka ooluuf gaafatamaniiru.
Dargaggeessi umrii ganna 31 kun daa'ima isaa ‘’hirriba na jeeqe’’ jechuun pilaastikii huccuun irratti fannifamuun rukutee akka ture gabaafame.
Haati warraa isaa BBC'tti akka himtetti namichi bilbila ishee irraa fudhatee, ishee fi daa'ima kutaa tokko keessatti itti cufee ollaatti akka hin himne doorsisaa ture.
Dhumarratti guyyaa lama booda miliqxee erga baatee daa'ima ishee gara hospitaalaatti geessuun hakiimonni harka isaa reebamee guddoo miidhame kana irraa kutan.
Daa'ima kana kan yaalan Dr Chiedozie Mbalewe akka BBC'tti himanitti qaamni isaa kun irraa cituun lubbuu daa'imaa baraaruuf jedhan.
Shakkamaan kun yeroo ammaa baqachaa kan jiru yoo ta'u, haati daa’imaa garuu dhimmicha poolisiif gabaastee jirti.
Gareen gaazexeessitoota dubartootaa fi Komishiniin Mirga Namoomaa Biyyaalessaa haqni daa’ima kanaa akka ba’u gaafatan.
Naayijeeriyaa keessatti miidhaan daa’imman irratti raawwatamu bara 2016 hanga 2021 gidduutti dhibbeentaa shaniin dabaluu isaa Unicef gabaaseera.
Qorannoon yeroo dhiyoo Biiroo Istaatistiksii Biyyaalessaa Naayijeeriyaa (NBS) gaggeesse akka agarsiisutti rakkoon kun kutaalee biyyattii- Cross River fi Imo keessatti heddummaata.
Seerotni biyyattii daa’imman miidhaa qaamaa, sammuu ykn miiraa fi miidhaa gosa hundaa irraa eeguuf dhaabbatan jiru, garuu hojiirra oolmaan isaanii gadi aanaadha.












