Namichi daa'ima isaa ji'a sadii gudeeduun himatame hidhaa waggaa 24'n adabame

Madda suuraa, East Hararghe Communication
Baha Itoophiyaa Godina Harargee Bahaatti namichi intala iaa kan taate, daa’ima ji’a sadii gudeeduun miidhaa irraan gahuun himatame hidhaan waggaa 24 itti murame.
Murtee kana Manni Murtii Olaanaa Godina Harargee Bahaa dhaddacha gaafa Fulbaana 5, Bara 2015 ooleen murtesseera.
Taateen nama kanaan raawwate kunis ummata mufachiisuu poolisiin ibseera.
Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa irraa poolisiin BBC’n dubbise akka himanitti, yakki suukaneessaan kun kan raawwatame Aanaa Gooroo Guutuu keessatti.
Badiin kun ALI Adoolessa 24 bara 2014 raawwatuu Abbaa Adeemsaa Qorannoo Yakkaa kan tahan Komaander Girmaa Maammoo BBCtti himaniiru.
Galmeen qorannoo poolisii akka ibsetti, yakki kun halkan keessa wayita haatii daa'imaa irribarra jiran raawwate.
Itti aantuun Daayirektarootii Idileessa Koorniyaa qajeelcha poolisii godichinaa, Inispeektar Roozaa Xilahuun daa'imti yakka kun irratti raawwate guddoo miidhamuu BBC’tti himan.
‘’Miidhaan daa’imarra gahe miidhaa baay’ee ulfaataadha. Ammas guututti hin fayyine mucayyoon,'' jechuun ibsan.
Yeroo ammaa wal’aansa dabalataaf hospitaala erga geeffamtee booda '‘beellamaan deddeebi’aa jirti’’ jechuun BBC'tti himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Poolisiin akka ibsetti yakki raawwatamuu kan dhagahan eeruu maatiin poolisiif kennan hordofeeti.
Battala eeruun qaqqabetti shakkamaa kana to’annaa jala oolchuun ragaa namaa fi mana yaalaa irratti qulqulleessaa turre jedhan Komaandar Girmaan.
Himatamaan kun yakka kana raawwachuuf maaltu akka isa kakaase gaaffii poolisiin gaafateefis ‘dubara waan taateef jibbuurraa ka'ee akka ta'e’ deebii akka kennee tures himan qondaalli Poolisii kun.
Haata'u malee miira himatamaan kun keessa ture BBC’n hin odeeffanne.
Ragaan qorannoo poolisii fi kan mana yaalaa abbaan kuni intalasaa kan ji’a sadii kana haala sukaneessaa ta’een gudeeduu isaa waan mirkanaa’eef manni murtii torban kana hidhaa itti mure.
Yakki kun sukaneessaa fi safuu hawaasaa kan cabse akka ta’e kan himan komaander Girmaan, ta’iin akkanaa naannoo sanatti takkaa dhagahamee waan hin beekne ta’uu himan.
Aadde Roozaanis waan '‘Yeroo jalqabaaf wanti kuni kan nu qunname,’’ jechuun yeroo ammaa '‘hawaasi baay’ee nu deeggaraa jira, balaaleffataas jiru’’ jechuun ibsan.
Daa’imni kun Hospitaala Hiwoot Faanaa Hararitti yaala argachaa jiraachuu Komaandar Girmaan himaniiru.
Yakkoonni akkanaa Itoophiyaa keessa yeroo raawwatan kuni kan jalqabaa miti.
Sababoota gara garaa irraa kan ka'e garuu gudeeddiin gara caalu gara mana murtii akka hin geeffamneefi dhokfamani akka hafan taasifamu jedhu ogeeyyiin.












