Dhoqqee bukeessuu, biyyoo daakuun dandeettii dhibee ittisuu ijoollee cimsa jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Ijoollen dhoqqeefi dhukkeen taphachuu jaalatti. Miillatti kophee godhatanilleen dhoqqee keessa burraaquu jaalatu. Garuu dhoqqee borcanii yoo guddatan fayyaa isaanii irratti dhiibbaa gaarii ta'e qaba.
Maatiin ijoollee isaanitiin "Dhoqqee hin borciin!" jechuun waanuma barameedha. Maasii qonnaa keessa fiigu, muka yaabuu ykn rooba keessa fiiguun huccuun isaanii biyyoon laaqamee, harkaa miilli dhoqqaa'ee, fuulli burratee galuun waan barameedha.
Har'a maatiin baay'en ijoolleen isaanii akka durii osoo dhoqqee borcanii biyyoo daakanii guddatanii fedha qabu. Bara teekinoolojiin qaroomefi magaalan bababl'ate kana ijoolleen yeroo isaanii baay'ee geemii tapahachuu fi fiilmii ilaaluu irratti dabarsu.
Dirreetti bahanii taphachuun bokkaa keessa deemun, dhoqqee dhoqqeessanii taphachuun baay'inaan waan durii ta'ee hafaa jira.
Dhiyeenya kana qorannoon gaggeeffame akka mul'isutti xuriin qaaman ala jiru maayikiroo orgaanizimii qaama keenya keessa jiru akka qaamni namaa dhibeewwan akka alarjii, asmaa, yaadda'uu fi dhiphinaa wajjin akka ittisuu baru taasisa.
Manaan alatti sochii garaa garaa taasisuun, keessumaa wantoota akka biyyoo, dhoqqee fa'aan maayikiroo orgaanizimii uumamaa fayyummaa ijoollee irratti dhiibbaa gaarii ta'e qaba.

Madda suuraa, Getty Images
Tasgabbii sammuu
Manaan ala taphachuun fayidaa xiin-sammuu guddaa akka qabu qorannoon ni mirkaneessa. Sammuun keenya teessuma lafaa, akkasumas akkaatan ilaalacha sammuu keenyaa bakkeewwan uumamaa manaan ala jiran wajjin kan wal-unatuudha.
Kana jechuun wantoonni uumamaa bakkeetti argaman sammuun namaa dadhabee akka haara'ee humna argatu taasisa. Ijoollen lafa biqiloonni fi wantoonni uumamaa jiran kanneen akka paarki fi daandii magaalaa bakka gamoowwan fa'aa jiran keessa yeroo heddu bashannanan dandeettin waa irratti xiyyeeffachuu isaanii wal-qixa miti.
Ijoollen bakka biqiloonni fi margi ykn waanti magariisni jirutti yeroo dheeraa dabarsan fayyummaa sammuu isaanitiif murteessaa akka ta'e agarsiisa qorannoon.
Ijoollen ala bahanii yoo taphatan dandeettin waa barachuu isaanif baay'ee bu'a qabeessa. Fakkeenyaf, meeshaalee garaa garaa dhisuu, dabsuu, bocuu, dhokkee irraa waa hojjachuun ijoollen miirri fi sochiin isaanii akka wal simu gargaara.
Ijoollen ala bahanii gaafa taphatan ijoollen waanta bakka biraatii hin arganne akka argatan isaan taasisa.
Ijoollen manaan alatti bakkee keessa yoo taphatan fayidaalee biroo heddu fayyummaa isaanif gargaaru akka argatan qorannoowwan garaa garaa ni agarsiisu.

Madda suuraa, Getty Images
Qaamaa fi sammuu fayyaalessa
Waanti nama sodaachisu yoo nu mudate, qaamni keenya malli ittisa dhibee infilaameeshinii qaamaa maddisiisa.
Infilaameshiniin waanta qaamni keenya dhibee ittisuuf dursa itti fayyadamuudha.
Qoraannoon garaa garaa akka aagarsiisanitti ijoollen yeroo isaanii heddu baadiyaatti guddatan dhiphina sammuu dandamachuu irratti kan ijoollee magaalaa keessatti akka guddatan gargaara.
Ogeeyyin akka jedhanitti teeraappiwwan akka dhoqqeen qaama dhiqachuu (mud baths) fi bishaan albuuda qabuun dhiqachuun fa'aa qaama keenyaf fayidaa qaba.

Madda suuraa, Getty Images
Biqiltoota bakka tokkoo buqqisuun iddoo biraa dhaabuu
Daa’imummaa irraa kaasun baakteeriyaa miidhaa hin geessifne tuttuquun fayidaa inni qabu giddu galeessa godhachuun saayintistoonni daa’imummaatti naannoo wajjin tuttuqqii taasisuu jajjabeessuf qorannaa gaggeessaa jiru.
Ijoollen daa’imummaa irraa ka’anii baala mukaanfi biyyee tuttuquudhan orgaanizimoota maayikiroobayimii gogaa isaanii akka gabbatu godhu argachuu danda’u.
Fiinland keessatti pirojektiin uumama naannoo jiru gara ijoollee fiduun wal barsiisu hojii eegalee jira.
Qorattoonni daandii cinaa lafa duwwaa fi mana baruumsaa keessa biqiloota fi biyyee bosona lafa gabbataa keessaa fiduun achi keessa dhaabu.
Ijoollen ammoo biqiloota kana fuudhanii mooraa mana baruumsaa keessa akka dhaaban gochuun biyyee tuttuquu akka baran isaan godhu.
Iddoo dhoqqee keessa taphachuu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Wiirtuwwan oolmaa daa'immanii fi kunuunsa daa'immanii heddu ijoollen naannoo isaanii wajjin wal baranii guddachuun fayidaa inni qabu baraa dhufaniiru.
Manneen barnoota oolmaa daa'immanii keessatti baruumsa dareen alaa, fi bakkeewwan dhoqqee ijoollen keessa utaalanii dhoqqee borcanii baratan ijaaruu eegalaniiru. Ijoollenis huccuu isaanii xureessanii, dhoqqee borcanii akka taphatan jajjabeessu.
"Narsariiwwanii fi oolmaa daa'immanii baay'ee keessatti ijoollen iddoo taphaa dhiphaa ta'e akka qaban hubannoon uumamaa jira," jetti Xaaliyaanitti dizaayinii mana baruumsatin ogeettii kan taate Marilisa Modenan.
Marilisan wiirtuu qorannoo fi leenjii dareedhan alatti tapahachuun qabu irratti hojjatu Zeroseiplanet jedhamu qabdi.
Qorannoowwan gara fuulduraatti gaggeeffamuun maatiniifi manneen barnootaa hedduun biyyoo organizimoota fayyaa daa'immaniif gaarii ta'an of keessaa qaban mana keessatti ykn mooraa mana baruumsaa keessatti akka ijoollen ittiin tapahatan gcohuun murteessaa ta'uu ni agarsiisu jetti Marilisan.
Ammaaf maatifi barsiisonni waanuma qabanitti fayyadamuu danda'u. Bakka biyyoofi dhokkee kophaatti ijaarame qopheessun tarii gatiin isaa maatif ulfaataa ta'uu mala. Qe'eedhuma keessatti minjaala durii fa'aa ykn okkoteetti bishaanifi biyyoo naqanii ijoollen akka ittii tapahatan gochuun inuma danda'ama.
Akkanatti ijoollen daa'imummaa isaanitti dhoqqee borcanii, bishaan facaasanii, biyyoofi baala mukaa akkasumas wantota uumamaa naannoo isaanitti argamu kan fayyaa isaanii irraan miidhaa hin geenyen tapahatanii yoo guddatan fayyummaa egeree isaanitiif bu'aa guddaa akka qabu qoraannon garaa garaa ni mirkaneessa.












