Ijoolleetti bilbila kennu kan qabnu umurii kamitti?

Madda suuraa, Adam Berry/Redferns/Getty Images
Addunyaa irratti bilbila ismaartifoonii qabachuun baramaa ta’eera. Ijoolleen hanga parsantaa 91 ta’an bilbila ismaartifoonii ni qabatu jedhama.
Ijoolleen yoo bilbila hin qabanne maal ta’u? Ykn faayidaan addaa isaan argatan jiraa?
Kun bara kana dhimma wal falmisiisadha. Ofii isin ijoollee keessanitti bilbila kennitu moo ni dhorkattu?
Akka maatitti bilbilli ismaatifoonii ijoollee waan hin taanef saaxila jettanii yaadun waanuma eegamuudha. Namoonni addunyaa irratti bebbeekamoo ta’an yaada kana ni deeggaru.
Maadoonan daa'imashee angafaatti waggaa 13tti bilbila itti kennuu isheetti akka gaabbituu fi deebitee umurii sanatti akka itti hin kennine dubbatte.
Gama biraatiin ammoo bilbila jireenya guyyuu keessatti ni fayyada jettan ni qabattu- bittaa onlaayiniitif, viidiyoon bilbila bilbiluuf fi suura maatitif itti fayyadamuu dandeessu. Hiriyoonni ijoollee keessanii hundi daree keessatti bilbila yoo qabatan, ijoolleen keessanitti hin dhagahamuu?
Dhiibbaa ismaartifooni fi miidiyaan hawaasaa ijoollee irratti qabu ilaalchisee gaaffiwwan hin deebine jeddutu jiru, haata’u garuu qorannoon jiru dhiibba fi fayidaa inni qabu agarsiisa.
Adumatti ammoo bilbila ismaartifoonii ykn miidiyaa hawaasaa fayyadamuun fayyummaa ijoollee irratti dhiibbaan inni qabu qorannoodhan waanti mirkanaa’e jiraachuu baatus, kun garuu waan hundumaa ibsa jechuudha.
Qorannoowwan heddu kan isaan irratti xiyyeeffatan dargaggoota umurii 18 gadiirratti malee darggaggoota sanaa ol jiran irratti miti.
Ragaalen bahaa jiran akka agarsiisanitti, sadarakaa guddina isaanii keessatti umuriin ykn yeroon itti ijoollen dhiibbaf saaxilaman akka jira.
Ijoolleen keessan ismaartifoonii fayyadamuudhaf gahaniiru jettanii yeroo murteessitan wantoonni yaada keessa galchuu qabdan ijoo ta’an akka jiran ogeeyyin ni ibsu.

Madda suuraa, Nicolas Asouri/AFP/Getty Images
UK'tti dhaabbata odeeffannoo to’atu ‘Ofcom’ jedhamu irraa ragaan argame akka ibsutti ijoollen UK'tti ijoollen hedduun isaanii ganna 11 ismaartifoonii qabu. Ganna 9tti dhibbeentaa 44'tu qabata, ganna 11'tti ammoo ijoollen ismaartifoonii qabatan dhibbeentaa 91 ta’u jedhame.
UStti ammoo maatin %37 ta’an ijoollen isaanii umurii 9-11 jiran ismaartifoonii mataa isaanii akka qaban dubbatan. Awurooppatti qorannnoon biyyoota 19 keessatti gaggeeffame akka ibsutti ijoollen umurii 9-16 jiran %80 ta’an guyyaadhan ismaartiifoonii qabu.
“Ijoollee warra jajjaboo gaafa ilaalle ammoo %90 oli kan ta’an ismaartifoonii qabub,” jetti UStti kan argamu Yuunivarsiitii Kaalifoorniyaatti pirofeesara xiinsammuu kan taate Kaandis Odgaars.
Kaandis akka jettutti sooshaal miidiyaa fayyadamuu fi fayyaa sammuu gidduu walitti dhufeenyi homtuu hin jiru. Qorannoowwan walitti dhufeenyi akka hin jirre keessatti hangi dhiibbaa poozitii fi negatiivii xiqqaadha.
Miidiyaan hawaasaa akkamitti ijoollee irratti dhiibbaa akka fidu murteessuu kan danda’u ka ijoolletti dhiyoo jiruudha
Yuunivarsiitii Kaambiriijitti ogeettii xiinsammuu yaalii kan taate Eemii Orban ragichi kan hin xumuramne ta’uu bira geesse.

Madda suuraa, Idrees Abbas/Getty Images
Gama biraan ammoo dargaggoota tokko tokkoo bilbilli jireenya isaanin kan wal qabateedha- hawaasa wajjin wal-qunnamuuf, yookin waa’ee fayyaa baruudhaf itti fayadamu. Yeroo heddu ijoollen yeroo nama dubbisuuf bilbilatti fayyadaman, hiriyoota fi maatii isaanitti bilbilu.
Sababa ismaartifoonii fayyadamaniif ijoollen yeroo heddu ala hin bahan jedhamanii komatamanis qorannoon Daanishitti ijoollee umurii 11-15 jiran irratti gaggeeffame garuu, ismaartifoonin ijoollen bilisaan akka socho’anii fi naannoo hin beekne baruuf akka isaan gargaaru ni agarsiisa. Muuziqaa dhaggeeffachuun, hiriyoota fi maatii wajjin wal-qunnamuun haala manaan ala jiru akka baran bilbilli akka isaan gargaare dubbatan ijoollen qorannoon irratti gaggeeffame kun.
‘Namoota hedduuf bilbilli sodaachisaa ta’aa dhufuu danda’a’
Ragaan qorannoo ijoollee umurii 10 hanga 21 jiran lakkoofsan 17,000 ta’an irratti gaggeeffame akk agarsiisutti dubartoota umurii 11 hanga 13 fi dhiirota umurii 14 hanga 15 gidduu jiraniif miidiyaa hawaasaa humnaa ol fayyadamuun jireenya isaanii gara booddetti akka hin gammanne isaan taasisa.
Maatin umurii kana keessatti ijoollee isaanitiif yoo murteessan of-eeggannoo cimaa taasisuu qabu- haa ta’u garuu sadarkaan guddinaa keessatti jijjiiramni ijoolen agarsiisan miidhaa miidiyaan hawaasaa fidutti akka xiyyeeffatan isaan taasisuu danda’a.
Ijoollen yeroo umurii dargaggummaa eegalan, hubannaan isaanii saffisaan jijjiirama, kuni ammoo akkaataa itti dargaggoonni yaadanii fi miira isaanii irratti dhiibbaa qabaata. Walitti dhufeenya hawaasaa[hiriyaa] fi sadarkaadhaf akka caalmatti iddoo kennan isaan taasisa.

Madda suuraa, Richard Baker/Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Sadarkaa guddinaa keessatti dargaggummaan yeroo baay’ee murteessadha,” jetti Eemii Orban. Umurii dargaggummaatti ijoollen hiriyoota isaanitiin oofamu, waan namni biraa yaade gochuuf ariifatu jechuun ibsiti Eemin.
Umuriin alatti wantoonni biroo itti fayyadama miidiyaa hawaasummaa ilaalchisee ijoolle fi dargaggoota irratti dhiibbaa geessisan jiru- garuu qorattoonni kana irratti reefu hojjachuu eegalu. “Kuni naannoo qorannoon irratti xiyyeeffatuudha,” jetti Eemii Orbaan.
Yuunivarsiitii Veenatti qorattuu muummee komunikeeshinii kan taate Anjaa Isteevik, ijoollen ismaartifoonii fayyadamuun miira itti gaafatamummaafi of-danda’uu akka kennuuf dubbatti. Haa ta’u garuu ijoollen sadarkaa itti bilbila mataa isaanii fayyadamuuf itti gaafatamummaa qabanii fi dhiisan ta’uu to’achuun gahee maatii akka ta’e himti.
Waanti maatin dagachuu hin qabne ijoollen bilbila fayyadamuu isaanitti gammadoodha moo miti kan jedhuudha jetti Anjaan.
Sooniyaa Laavingtan ogeettii komunikeeshiniiti. Maatin, ijoollen isaanii bilbila akka fayyadaman yeroo kennaniif wajjin geemii fa’aa taphachuu fi appilikeeshinii isaan fayyadu itti agarsiisuu akka qaban dhaamti.
Maatin akkaataa ijoollen isaanii bilbila itti fayyadamuu qaban mana keessatti seera yoo baasaniif, fakkeenyaf, bilbill ijoollee isaanii bira akka hin bulle yeroo godhan, ofii isaanitiif akkaataa itti fayyafama ismaartifoonii isaanii of-ilaaluu qabu.
"Ijoollen nama fakkeessu ykn [isaan sobu] hin barbaadan,” jettu Sooniyaa Lavingtan. Maatin isaanii waan ofii isaanii gochuu dhiisuu hin barbaanne gaafa itti himan hin jaalatan. Fakkeenyaf, yeroo nyaataa nyaatan bilbila fayyadamuu ykn bilbila qabatanii kutaa ciisichaa seenuu fa’aa ijoollee isaanii dhorkanii ofii godhu yoo ta’e ijoollen hin jaalatan.












