Saantimni durii dolaara miiliyoona tokko baastu barbaacha waggootaa 20 booda argamte

Madda suuraa, MIRI BAR, ISRAEL ANTIQUITIES AUTHORITY
Saantima takkittii dolaara miliyoona tokko baasa jedhamee fi hatamee ture barbaadanii Israa'elitti deebisuuf waggoota 20 fudhate.
"Saantimni mallattoo seenaa taate kun dhuma irratti gara mana isheetti ergamuuf jirti," jedhan angawaan US sagantaa saantima deebisuu irratti argaman.
Saantimni kun meetii irraa kan hojjatame yoo ta'u waggoota 2,000 dura bara warraaqsa warra Yuhudootaa jedhamuun beekamu kan bocameedha jedhama.
Saantimni "Shekeel" jedhamu kun bara 2002 Israa'el kan hatame yoo ta'u dhuma irratti barbaacha waggoota 20 booda argame.
Kibba Yerusaalem bakka Sulula Ella jedhamuu keessaa saantimni argame kun hatameera oduun jedhu kan dhagahame Abbaan Taayitaa Hambaalee Israa'el (IAA) namni lammii Filisxeem tokko saantima hambaa durii ta'e fudhachuu odeeffannoo dhoksaa erga argatee boodadha.
Saantimni kun dhuma irratti gara US geeffamuun bara 2017 Deenvar Koloraadotti caalbaasiif dhiyaatee akka ture ibse Abbaan Taayitaa Hambaalee Israa'el agarsiisa.
Abbaan Taayitaa Hambaalee Israa’el erga kana baree booda odeeffannoo kana Biiroo Qorannoo Nageenya Biyya Keessaa US gurra buusun saantimittiin akka qabamu godhame.
Fulbaana 12, 2022 sagantaa saantima hambaa durii ta’e kana deebisuuf qophaa’e irratti aangawoonni Israa’eli fi US bakka argamanitti akka deebi’u godhameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sagantaa saantima hambaa durii hatamee ture deebisuu kana irratti UNtti ambaasaddara Israa’el kan ta’an Gilaad Erdaan argamaniiru.
"Har’a michoota keenya wajjiin haftee muraasa hambaa durii kan ta’e saantima shekel deebisuuf wal taanerra, [saantimni kun] bulchiinsa warra Roomaa jalaa walaba bahuu kan agarsiisu,” jedhan hojjataa Biiroo Qorannoo Nageenya Biyya Keessaa US kan ta’an Riikii J Paatel.
Saantimni kun mallattoo warri Yihudootaa itti fayyadaman ofirraa kan qabu yoo ta’u gosni isaa afur qofatu hanga ammaa jira jedhama.
Abbaan Taayitaa Hambaalee Israa’el akka jedhetti saantimni kun Dhaloota Kiristoos booda bara 69 tolfame - kunis waggaa afraffaa bara Fincila Guddaa jedhamudha.
Fincilli kun diddaa Yihuudonni bulchiinsa warra Roomaa diduudhaan kan gaggeeffame yoo ta’u dhuma irratti warra Roomaa jalaa bahuun kan xumurameedha.
Ficilli Yihudoonni warra Roomaa irratti kaasan kun warri Roomaa magaala Yerusaalem balleessufi Dhaloota Kiristoos booda bara 70'tti mana qulqullummaa Yihudootaa isa lammaffaa balleessuudhaan goolabame.
Fincila kana irratti Yihodoonni kuma dhibbaa hanga miliyeenaa oliitu dhume jedhamee tilmaamama.












