Hakiimni humna waraanaa US haadha warraan waliin icciitii Raashiyaaf kennuu turan himataman

Madda suuraa, Getty Images
Hakiimni waraana US fi haati warraa kan siviil taa'ee waliin ta'uun mootummaa Raashiyaatiif basaasuudhaan himataman.
Jaamii Lii Heenerii fi Aanaa Gabri’eelaan icciitii dhukkubsattoota hospitaala waraanaa keessaa Raashiyaaf qooduuf karoorsuu isaaniin himataman.
Lameen isaaniiyyuu basaasaa dhoksaa FBI'tti akka himanitti, kana gochuuf kan isaan kakaase jaalala biyyaa Raashiyaatiif qabdu irraa ka'uun ta'u himan.
Bakka buutonni isaanii hanga ammaatti dhimma kanarratti deebiin kennan hin jiru.
Aanga'oonnii Raashiyaas dhimmicharratti wanti jedhan homaa hin jenne.
Lameen isaaniiyyuu shiraa fi odeeffannoo fayyaa icciitii ta'e baasuun kan himataman yoo tahu, kaleessa Meerilaanditti erga to’atamanii himanni irratti banameera.
Abbaan alangaa haati warraa fi abbaa warraa mootummaan Raashiyaa '‘odeeffannoo waa’ee fayyaa namoota dhuunfaa mootummaa Ameerikaatti hidhata qabanii fi waraanaa akka argataniif gargaaruu barbaadan’’ jedhe.
Himatichi Maj Heeneriin ganna 39 taate, waraqaa qulqullummaa nageenyaa ishee fayyadamuun ragaa fayyaa hospitaala Foorti Biraag argachuuf karoorsiteetti jedhe.
Hospitaala guddaan kun kan waraanaa yoo tahu, ofiis asuma keessa hojjetti.
Dr Gabri’elaaan, 36, bakka hojii ishee hospitaala Joon Kopkiinsi kan Baltimoor keessa jiru keessaa odeeffannoo qooduuf karoorsite jedhamuun himatamte.
Ji’oota muraasaan dura erga Raashiyaan Yuukireen weerartee tahe jettee imbaasii Raashiyaa Waashingitan jiruuf gargaarsa kennaa turte jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ji’a Hagayyaa keessa nama imbaasii Raashiyaaf hojjetu fakkaateen wal qunnamte, garuu dhugaan isaa namichi ergamaa FBI dha.
Yeroo wal argan sanattis jedha himatichi ‘’jaalala biyyaa Raashiyaan qabduun kakk’uun deeggarsa dandeesu hundaan akka isaan gargaartu itti himte,’’ gochaan kun ‘’kan ishee ariisisu ykn hiisisu yoo taheyyuu,’’ jedhe.
Himaticha keessatti haati warraa ishees shira kanatti akka dabaamtu gooteetti.
Bakka bu’ichatti haati warraa ishee carraa ragaa medikaalaa hospitaalichaa barbaadamu argachuu akka dandeessuu fi odeeffannoo US akkamiin Yuukireen deeggaruuf loltoota akka leenjistu kennuufiif waadaa galuu hima.
Guyyuma sana irra deebiin wal arguun Raashiyaaf dhimmitee akka hojjettuufi barbaachisaa yoo tahes human waraanaa raashiyaatti makamuuf fedhii akka qabdu himteetti jedha himatichi.
Danbii Fayyaa biyyattii ‘Health Insurance Portability and Accountability Act’ cabsuu irratti garuu akka walii hin gale himtus ammas yakka Kanaan himatamte.
Dr Gabri’eellaan dhimma akkasii akka hin qabnee fi odeeffannicha xumura ji’a Hagayyaa keessa dabarsitee kennuuf waliigaltee ture.
Gabri’ellaan dabalataan haati warraa ishee yeroo waraanaati US akkamiin hospitaala waraanaa akka hundeessitu irratti haati warraa ishee ergamaa Raashiyaa nama fakkaate kanaaf odeeffannoo akka qqoduuf waadaa galteetti.
Dabalataan waa’ee odeeffannoo leenjii waraanaa kana dura Ameerikaan loltoota Yuukireeniif kennitees dabalata.
Maj Heneriin ofisera waraanaa US osoo hojiirra jirtuu warra saala isaanii jijjiiratan keessaa tahuu ishee ifatti beeksifte kan jalqabaati.
Bara 2015 humni waraanaa maqaa ishee fi saala ishees ifatti jijjiirachuu akka dandeessu eeyyameef.
Baruma sanas lamaan isaanii wal fuudhan.












