Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Somaalilaand deebii doorsiisa Masriif kenniiteen 'jiddu-seentummaa qaamolee alaa kamuu cimseen morma' jette
Somaalilaand waliigaltee wal hubannaa (MoU) Mootummaa Itoophiyaa wajjin dhimma ulaa galaanaarratti Amajjii 1, 2024 taasisan hordofee muddama dhalateen booda, jiddu-seentummaa qaamolee alaa kamuu cimsitee akka balaaleeffattu ibsite.
Somaalilaand kan akka biyya walabaatti of ilaaltu garuu Somaaliyaan ammoo akka qaama bulchiinsa ofiitti kan amantu, kana kan jette erga Pirezidaantiin Masirii Abdal Fattaa al-Siisii, dhimma waliigaltee isaanii kana ilaalchisuun tibbana dubbii dorsiisaa dubbataniin boodadha.
Pireezidant al-Siisiin, biyyisaanii dhimmi Somaaliyaafi nageenyasheetiif yaaddoo ta'u akka jiraatu hin hayyamtu jechuun himan.
''Masiriin qaamni kamiyyuu walabummaa Somaaliyaatti akka bu’u ykn nageenya isheef yaaddoo tahu hin hayyamtu," jedhan.
''Masirii ykn obbolaashee [michootashee] tuquuf hin yaaliinaa. Isaan [Somaaliyaa] akka gidduu seennu nu gaafannaan, ni seenna’’ jechuun dubbii miidiyaarratti dubbataniin akeekkachiisan.
Ministeerri Dhimma Alaa Somaalilaand ibsa gaafa Wiixataa baaseen, Masrii wajjin hariiroo gaarii qabaachuu ibsuun, garuu "jiddu-seentummaa qaamolee alaa kamuu cimsinee balaaleeffanna," jedha.
Dabaluunis "qaamoleen fedhii qaban hunduu tasgabbii naannichaa fi hariiroo ijaarurratti akka xiyyeeffatan jajjabeessina," jedha.
"Kanaanis Masriin tattaaffiishee dippiloomaasii lola ollaasheetti adeemaa jiran kanneen akka Sudaan, Liibiyaa fi Gaazaatti akka xiyyeeffattu jajjabeessina."
Ibsi kun dabaluun, Somaalilaand qaamolee akka kaan wajjin tahuun Gaanfa Afrikaatti nagayaa buusuuf qophii tahuus hima.
"Rippabliikiin Somaaliilaand Gaanfa Afrikaatti nagaa fi misooma cimsuuf marii dippiloomaasii biyyoota hunda wajjin taasisuu ittifufa."
Haasaa Abdal Fattaa al-Siisii hordofee Gorsaan MM Itoophiyaa, Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, ergaa karaa X [kan duraan Tiwiitara]n baasaniin, ''kun michummaa Somaaliyaaf osoo hin taane diinummaa Itoophiyaaf qaban irraa ka'uun,'' jedhan.
Ambaasaaddar Reedwaan, waliigalteen Somaaliilaand waliin taasisan dhimma daldalaaf qofa malee lafa kutanii ofitti dabaluuf miti jechuunis barreessan.
Itoophiyaan carraa ulaa galaanaa argachuuf Amajjii 1, 2024 Somaalilaand waliin walhubannoorra erga ga'anii Gaanfa Afrikaatti muddamni dhalateera.
Somaalilaand akka qaama bulchiinsa isheetti kan ilaaltu Somaaliyaan, waliigaltee kana akka weerara irratti raawwatameetti fudhachuun michootashee birmannaaf waammachaa jirti.
Bulchiinsi akka biyya walabaattii of ilaaltu Rippabliikin Somaalilaand, biyyoota kaanirraa beekamtii hin qabdu.
Ministirri Dhimma Alaa Masirii torban darbe maddi rakkoo tasgabbii dhabuu mudate Itoophiyaadha jedhan.
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ammoo dubbii "fudhatama hin qabne" jechuun deebiseef.
Dubbii jabaa Masiriifi Itoophiyaa gidduun tibbana dhagahamu kun dhimma walabummaa Somaaliyaa waliin walqabatee jalqabe miti.
Marii marsaa hedduun waliigaltee dhaabbataa dhumaarra gahuu kan hin dandeenye Itoophiyaafi Masiriin, dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Abayyaa irratti erga wal dhabanii bubbuleera.