'Warri michuu Somaaliyaa fakkaatan, diinumma Itoophiyaaf qaban irraati'- Redwaan Huseen

Pirezidaantiin Masirii Abdal Fattaa al-Siisii biyyi isaanii dhimmi Somaaliyaafi nageenyasheetiif yaaddoo ta'u akka jiraatu hin hayyamtu jedhan.

Duraanuu dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Abayyaa irratti Itoophiyaa waliin wal dhabdee kan qaban Abdal Fattaa al-Siisiin, ''Masirriin qaamni kamiyyuu walabummaa Somaaliyaatti akka bu’u ykn nageenya isheef yaaddoo tahu hin hayyamtu,’’ jedhan.

‘’Masirii ykn obbolaashee [michootashee] tuquuf hin yaaliinaa. Isaan [Somaaliyaa] akka gidduu seennu nu gaafannaan, ni seenna’’ jechuun dubbii miidiyaarratti dubbataniin akeekkachiisan.

Gorsaan Dhimma Nageenyaa Biyyaalessaa Ministira Muummee Itoophiyaa, Ambaasadar Reedwaan Huseen, dubbii pirezidantii Masirii Abdal Fattaa al-Siisii kana booda ergaa karaa X [kan duraan Tiwiitara ture]n baasaniin, ''kun michummaa Somaaliyaaf osoo hin taane diinummaa Itoophiyaaf qaban irraa ka'uun'' jedhan.

Itoophiyaan carraa ulaa galaanaa argachuuf Amajjii 1, 2024 Somaalilaand waliin walhubannoorra erga ga'anii Gaanfa Afrikaatti muddamni dhalateera.

Somaalilaand akka qaama bulchiinsa isheetti kan ilaaltu Somaaliyaan, waliigaltee kana akka weerara irratti raawwatameetti fudhachuun michootashee birmannaaf waammachaa jirti.

Ambaasadar Reedwaan, waliigalteen Somaaliilaandi waliin taasisan dhimma daldalaaf qofa malee lafa kutanii ofitti dabaluuf miti jedhan ergaa

Abdal Fattaa al-Siisiin pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud Masirii-Kaayirootti wayita simatanitti ture dubbii kana kan dubbatan.

''Ergaan Itoophiyaaf qabu tokko….Somaaliyaa irraa cittuu lafaa tokko qabachuufi to’achuuf yaaluun tasumaa waan isiniif eeyyamnu miti’’ jedhan Al-Siisiin.

Rooyitars akka gabaasetti, dubbiin pirezidaant Al-Siisii muddama kamiyyuu waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaafi Somaaliilaand hordofee dhufu gidduu seenuu akka danda’an agarsiisa.

Amajji 1, bara 2024 guyyatti Itoophiyaan ula galaanaafi buufata waraanaa Galoo Galaana Aden irraa argachuuf Somaaliilaand waliin waliigaltee Wal hubannoo walii mallatteessitee ture.

Akka waliigaltichaatti Itoophiyaan waliigaltee liizii waggaa 50 turuun qarqara galaanaa naannoo buufata doonii Barbaraa km 20 dheeratu hojii daldalaa fi buufata waraanaa irratti ijaaruuf oolu argatti.

Bakka isaa ammoo Itoophiyaan Somaaliilaandiif adeemsa keessa beekamtii biyyummaa kennitiif kan jedhu waliigalamuu karaa Somaaliilaand himameera.

Kun Somaaliyaa akka malee kan aarse yoo tahu, ergasii michummaan Masirii fi Ertiraa waliin gootu haalaan dabalaa dhufe.

Duraan jila isaanii gara Moqadishootti erguun akka isaan waliin dhaabatan kan himan Al-Siisiin, Dilbata [Amajji 21, 2024] ammoo pirezidaantii Somaaliyaa Kaayirootti simataniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Masirii torban darbe maddi rakkoo tasgabbii dhabuu mudatee Itoophiyaadha jedhan.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ammoo dubbii ‘’fudhatama hin qabne’’ jechuun deebiseef.

Dubbii jabaa Masiriifi Itoophiyaa gidduun tibbana dhagahamu kun dhimma walabummaa Somaaliyaa waliin walqabatee jalqabe miti.

Marii marsaa hedduun waliigaltee dhaabbataa dhumaarra gahuu kan hin dandeenye Itoophiyaafi Masiriin, dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Abayyaa irratti erga wal dhabanii bubbuleera.

'Michummaa Somaaliyaaf osoo hin taane diinummaa Itoophiyaaf'

Itoophiyaan ifatti Masirii maqaa eeruu baattuulleen, nageenyaafi tasgabbii Somaaliyaatiif wareegama lubbuu kaffaluu eeruun kutannoo nagaafa qabdu cimsuun hojjechaa turuu himte.

Gorsaan Dhimma Nageenyaa Ministira Muummee Itoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, waliigalteen Somaaliilaand waliin taasisan dhimma daldalaaf qofa malee lafa kutanii ofitti dabaluuf miti jedhan.

Karaa fuula X isaanii kan maxxansan Ambasaaddar Redwaan, kun lafa biyya biraa ofitti dabaluu ykn walabummaa biyya kamiyyuu tuquu miti,’’ jedhan.

‘’Itoophiyaan kutannoo nageenyaafi tasgabbii Somaaliyaatti fiduuf qabdu dafqaa fi dhiiga ilmaan isheen agarsiifteetti,’’ jedhan Ambaasaaddar Redwaan.

Itoophiyaa fi Somaaliyaan biyyoota olla walii kan daangaa lafarraa qofa waliin qooddatan osoo hin taane, obboloota afaan, aadaa fi uummata tokko waliin qabanidhas jechuun hariiroo jechaan caalaa lafarra jiru ibsan Ambaasaaddar Reedwaan.

Galmi keenya walirratti kan hirkatedha kan jedhan Ambaasaaddar Reedwaan, waliigalteen wal hubannoo Somaaliilaand waliin mallatteessine, kan wal utubuu fi michummaa biizinesii Itoophiyaan akka ulaaa galaanaa argattu taasisudha jedhan.

‘’Kun lafa biyya biraa ofitti dabaluu ykn walabummaa biyya biraatti bu’uu miti’’ jedhan.

‘’Dhugaan jiru kana tahee osoo jiruu, qaamoleen [actors] tokko tokko yeroo Somaaliyaan rakkoo hamaa keessaa galtee deeggarsa barbaadaa turtetti birmannaa hin gooneef har’a michuu dhiyoo Somaaliyaa of fakkeessanii dhiyaachaa jiru.

‘’Waanti isaan kakaase michummaa Somaaliyaa waliin qaban osoo hin taane diinummaa Itoophiyaaf qabanidha,’’ jechuun Ambaasaaddar Redwaan X irratti maxxansan.

‘’Ajandaan isaanii Gaanfa Afrikaa keessatti nageenyaafi tasgabbii fiduu miti. Kanarraa fagoodha, waan isaani facaasuu barbaadan jeequmsa fi wal dhabdeedha.’’

Muddamni amma dabalaa dhufe kun kan fayyadu qaama alaa carraa kana eeggataa jirudha kan jedhan Redwaan, Itoophiyaan ibsa baasuu ykn dubbii hammeessuu qofa osoo hin taane biyyoota olla ishee waliin karaa nagaa mari’achuun furmaata jettee amanti jedhan

Itoophiyaan erga Ertiraan irraa foxxoqxee waggoota 30 darbaniif ulaa galaanaa malee turte.

Somaaliilaand ammoo erga 1991 as ofiin of bulchaa turtus beekkamtii biyyummaa ammayyuu osoo hin argatiin jirti.