Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xayyaarriifi dirooniin waraanaa Itoophiyaan haaraa bitte dandeettii waraanaa hangamii qabu?
Humni Qilleensa Itoophiyaa xayyaarota waraanaafi diroonii dandeettii waraanaa rayyaa ittisaa cimsu jedhaman hidhachuu beeksise.
Humni qilleensaa jeettii waraanaa Raashiyaan oomishte SU-30 fi diroonii Turkiin oomishte Baraaktar Akinchi akkasumas xayyaara nam-maleessa bitachuu Kibxata kaleessaa, Amajjii 16, beeksisee ture.
Sirna wal-harka fuudhinsa xayyaarota waraanaa kanarratti lakkoofsa xayyaarota bitamaniifi eenyu akka dhiyeesse waanti ifa ta'e hin jiru. Haa ta'u garuu jeettin waraanaa SU-30 tokkoofi diroonin Baraktar Akinchi tokko miidiyaa biyyaalessaa ETVn agarsiisera.
Ajajaan Waliigalaa Humna Waraana Itoophiyaa Fiild Maarshal Biraanuu Juulaa jeettii waraanaa Raashiyaan omishte SU-30 "xayyaara filatamaadha" jechuun yoo ibsan humni qilleensaa jeettiwwan waraanaa ammayyaa hidhachuunsaa "qaamoleen Itoophiyaa salphaatti qoccoluu barbaadan akka adabatan" taasisa jedhan.
Ajajaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Leetinant Jeneraal Yilmaa Mardaasaa xayyaaronni humni qilleensaa fudhate marsaa jalqabaa ta'uu ibsuun gara fuulduraatti xayyaarota waraanaa akka dabalaman ibsan.
"Dandeettii loluu humna qilleensaa baay'ee kan dabalaniidha... yeroo wal-fakkaatatti lolo qilleensarraa akkasumas qilleensarraa haleellaa qiyyaafannoo lafa jirurratti gageesuu danda'a," jechuun dandeettii xayyara waraanaa haaraa kana ibsan Jeneraal Mardaasan. Haaluma wal-fakkaatun,
Baraaktar Akiinchi
Diroonin Turkii Baraaktar Akiinchi jedhamu kun diroonii kan adura Itoophiyaafi biyyoonni biroo heddu itti fayyadaman Baraaktar TB2 jedhamanirra fooyya'uun kan omishameedha.
Dhaabanni Turkii Baraaktar jedhamuufi diroonniwwan nam-maleeyyii kana Omishu akka ibsetti, diroonin Akiinchi jedhamu kun haleellaa xayyaaronni waraanaa raawwatan hunda kan raawwachuu danda'uudha.
Diroonin kun qilleensarraa qiyyaafannoo waraanaa lafa jiru haleeluu qofa osoo hin taane lola qilleensarraan qiyyeeffannoo diinaa qilleensarratti rukutee kuffisuu kan danda'uudhas jedhame.
Diroonin Akiinchi jedhamu kun lafarraa ol-fageenya km14 fagaatee sa'aatii tokkotti saffisa km370 deemuu kan danda'uufi sa'aa 24f osoo addaan hin kutin qilleensarra turuu kan danda'uudha.
Dhaabbanni Turkii diroonii omishuun beekamu Baraaktar, dirooniwwan omishu keessaa Akiinchin diroonii teeknolojii ammayyaan deeggarameedha.
Diroonin kun ofumaan kan lafaa ka'u qubatuufi erga qubatee boodas bakka dhaabatu kan deemudhas jedhame. Bobaba'aadhan kan socho'aniifi motora lama kan qaban yoo ta'u osoo addaan hin kutin km5000 balali'uu akka danda'ntu himama.
Diiroon kunis akka baayiraaktar TB 2 waraanaaf faayyiidaarra oolfamuusaa gaabaasaaleen jiraachu baatan illeen, waraanni Turkii diroonii nama maleessa kana erga agatanii waggaan lama darbeera.
Gabaasaaleen akka agarsiisanitti, gostii diroonii kanaatiis humna qilleensaa Turkiitiin alatti biyyoonni akka Azarbaajaan, Paakistaan fi Kiirgizitaan jiran itti fayyadamaniiru.
Saawud Arabiyaanis diroonii kana bitachuudhaaf waliigaltee mallatteessuu gabaasaaleen kana dura bahan mul’isaniiru.
Itoophiyaan bittaa dirooniin Turkiifi hojii gaggeessaa olaanaa dhaabbata omishaa diroonii waliin walitti dhufeenyaa gaariidha jedhamu akka qabdutu beekama.
Itoophiyaan waraanaa Kaaba biyyattiitti waggaa lamaaf gaggeeffamee ture irratti diroonii Tarkii baayiraaktaar-TB-2 jedhaman dabalatee xiyyaaroota nama maleeyyii humnoota Tigraay irratti fayyadamun ishee olaantummaa argamsiisuun ni amanama.
Torbanoota muraasaan duras Humni Raayyaa Ittisa Itoophiyaa waggaa hundeeffama isaa 88ffaa wayita kabajeetti, hojii gaggeessaa olaanaa dhaabbata diroonii oomishuu, Haaliik Baayiraakitaar’f meedhaaliiyaa ulfiinaa badhaasusn isaa ni yaadatama.
Sukoyi SU-30
Jeetiin waraanaa Suhoy SU-30 kan Gamtaa Sooviyeetiitti oomishamu eegale, waggoota sodommaan darban keessa foyyaa’insii taasifamuunii faayyiidaarraa olfamaa ture.
Jeetiin waraanaa kunis akkuma dirooniitti yeroo wal fakkaataatti qiyyeeffannaawwan lafarraa fi xiyyaaroota diinaa qilleensa irratti haleeluu danda’a.
Jeettiin waraanaa Suhoy SU-30n kan oomishame gosa SU-27 duraanii irratti hundaa’udhaan. Yeroo ammaattis jeettiiwwan waraanaa humni qilleensaa itoophiyaas hidhatee jiru keessaa SU-27 fi jeettii miigiin Raashiyaan oomishe kanneen eergaman keessatti argamu.
Jeettii Ameerikaan hojjattee F-16 waliin kan wal madaalu jettiin SU-30n mootaroota lama kan qabu yoo ta’u, haala qilleensaa kamuu keessatti balaliiftoota lama qabachuun ergamasaa akka bahatu taasifamuun kan hojjatameedha.
Jeetiiwwan SU-30 jedhamaniifi diina irratti olaantummaa guddaa kennuu kan danda’an yoo ta’u, jettiiwwan gosa SU kana duraatiin kan adda itti ta’u dhimmi guddaan haala salphaa ta’een garagaluu danda’usaaniti.
Biyyoota jeettiiwwan kanneen qaban keessaa Raashiyaan dursaan eeramti. Waraanaa Yukireen waliin gaggeeffamaa jiru irrattis Mooskoon jeettiiwwan waraanaa SU-30 bal’inaan bobbaaftee jirti.
Yukireen waraana kanaan bulchiinsa Kaariikiiv keessatti jeettii waraanaa Raashiyaa SU-30 rukuttee kufiisuu irra dedebiin ibsite jirti.