Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baankiin Daldaalaa maqaa maamilootasaa birrii fudhatan hin deebisiin ifa godhe
Baankiin Daldala Itoophiyaa sababa ‘rakkoo sistamaa’ mudatee tureen kanneen maallaqa kansaanii hin taane fudhatanii hin deebisne jedhe maqaafi lakkoofsa herreegasaanii ifa godhe.
Baankichi maamiltootasaa maallaqa fudhatan hin deebisne jedhe 565 ta'an maqaa, lakkoofsa herreegafi damee lakkoofsi herreegasaanii itti galmaa'e ifa godheera.
Baankichi har'a, Bitootessa 26, akka jedhetti namoonni kunneen walumaa galatti birrii miliyeena 10 kan ta'u hin deebisne.
Tarree maqaa namootaa baankichi maxxanserraa hubachuun akka danda'amutti, maallaqa isaanif hin malle fudhatanii hin deebisne kanneen jedhaman kun hedduunsaanii maamiltoota Baankii Daldalaa Itoophiyaa Naannoo Somaalee, damee Jigjigaati.
Dabalataanis achuma Naannoo Somaalee dameewwan Faafan, Fiiq, Dagahaaburifi Iftiinitti kanneen maallaqa isaanif hin malle fudhatanii hin deebisin ni heddummaatu.
Baankichi rakkoon sistamaa isa mudachuu erga beeksiseen booda kanneen maallaqa isaanif hin malle fidhataniiru jedhe keessaa heddumminaan barattootta yuunivarsiitii ta'uu beeksisuun maallaqa fudhatan akka deebisaniif waamicha gochaa ture.
Bifuma wal-fakkaatun Baankiin Daldalaa Itoophiyaa har'a, Bitootessa 26, ibsa baasen birriin miliyeena 800 ol fudhatamee akka tureefi kana keessaa harka 78 deebisiisuu beeksiseera.
Hanga kaleessa ALI Bitootessa 16 bara 2016’tti birriin fudhatame keessaa miliyoonni 622.9 deebi'uusaa pirezidaantiin Baankii Daldalaa Itoophiyaa Abbee Saanoo himaniiru.
Halkan rakkinichi itti uumametti maamiltoonni baankichaa 25,761 daddabarsa maallaqaa kan taasisan yemmuu ta’u, lakkoofsi daddabarsa maallaqaa taasifames kuma 238 akka ta’e ibsicharratti himameera.
Maallaqa fudhatame keessaa dhibbeentaa 22 hafe deebisiisuuf hojjetamaa jiraachuu kan himan pirezidaantichi, isa keessaa birrii miliyoona 118 baankonni akka hin sochoone akka taasisaniif xalayaa barreessuufii deebii isaanii eeggachaa akka jiranis himaniiru.
“Halkan sanaan maallaqni ATM’n bahe ni jira. Maallaqni bahee qisaasamaaf saaxilamu nijira. Gareen jalqabarratti fudhate (maallaqicha) gara mana dhugaatii fudhatanii deeman. Bifa kanaan maallaqoonni badiif oolan turaniiru. Isaan kanatu deebisuuf isaan rakkisa” jedhan.
Baankichi namoota maallaqa karaa seeraan alaatiin fudhatan akka deebisan, yoo deebisuu baatan immoo maqaafii suuraa isaanii akka maxxansu beeksisee ture.
Amma immoo maqaa namoota maallaqa isaanif hin malle fudhatan jedhee ifa godheera.