Barataan yunivarsitiirraa eebbifamun hojii dhabe digiriisaa 'deebisee galchuuf' ta'uu ibse

Asaffaa Alamuu waggaa sadii dura Yunivarsiitii Asoosaa irraa eebbifam

Madda suuraa, Asefa Alemu

Ibsa waa'ee suuraa, Asaffaa Alamuu waggaa sadii dura Yunivarsiitii Asoosaa irraa eebbifame

Barataan gosa barnootaa barateen hojjechuuf hojii waan dhabeef hojii humnaa hojjetee guyyaadhaan kaffalamuuf, waraqaa digiriisaa 'ofirraa galchuuf' murteessuu hime.

Asaffaa Alamuu waggaa sadii dura Yunivarsitii Asoosaa irraa gosa barnootaa injinaringitiin qabxii olaanaadhaan eebbifame.

Barataan kun gosa barnootaa kanaan qacaramee hojjechuufis ta'e dhuunfaadhaan hojjechuu waan hin dandenyeef, waraqaa barnootaa kana yuuniversitichatti deebisuuf murteesseera jedhe.

''Gosa barnootaa Siivil Injinariingiin eebbifamuunkoo jireenyakoorraatti jijjiirama fide homaa hin qabu,'' kan jedhu Asaffaan, yeroo ammaa maallaqa hojii guyyaan hojjetu irraa argatuu fi qonna ooyiruu haadhasaarraa midhaan argamuun jiraataa akka jiru dubbate.

Barataan kuni waraqaa itti eebbifame akka deebisu haa himu malee adeemsi waraqaa ragaa digirii deebisuu jiraachuun isaa hin beekamu.

Asaffaan yeroo ammaa iddoo dhalootasaa Dabra Maarqos jiraata.

Barnoota sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa qabxii olaanaan erga goolabee booda Yunivarsiitii Asoosaa seenuun barnoota Siivil Injinariingii barate.

Abbaasaa du'aan of biraa dhabe, haati isaa molokseedha. Wayita yunivarsitii turetti haalli keessa ture ulfaataa ta'uu hime.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Tumsa hiriyoota koo yuuniversitiinan barnoota kiyya hordofee xumure,'' jedha Asaffaan.

Asaffaan barnootasaa yuuniversitii qabxii waliigalaa 3.45 fiduun eebbifame.

Wayita yuuniversitiidhaa ebbifamee ba'u qabxii isa dorgomsiisuu danda'u kanaan damee konistiraakshinii keessatti hirmaatee bu'a qabeessa ta'uuf karoorfatee ture.

Garuu waanti inni yaade fi waanti inni ta'ee argame fardaa fi lafa ta'e, inumaa hoji-dhabdummaasaatti qaana'uu qe'ee dhalootasaatti deebi'uufillee hamilee akka dhabe BBCtti hime.

Goojjam Bahaa Aanaa Dagaa Daamoot, ganda baadiyyaa Qollaa Ayishuu jedhamtutti barnoota sadarkaa jalqabaa barate.

''Deemsa sa'atii tokkoo olii lukaan deemeen baradhe. Barnoota kiyya sadarkaa fooyya'aadhaan xumure. Hangan yuuniversitii seenutti sadarkaa 3ffaa fi 5ffaa keessaa ba'ee hin beeku,'' jedhe Asaffaan.

Haala kanaan barnootasaa xumuree har'a yeroo hoji-dhabaa jedhamu isa qofaaf osoo hin taane hawaasa naannoosaafillee miidhaa xiin-sammuu akka ta'e dubbate.

''Amma kanan jiraadhu Dabramaarqos. Ganda baadiyyaa keessa dhaladhe hin deemu. Sababiin hin deemneefin qaba. Barataa sadarkaa (collee)n ture.

''Naannoo kiyyaaf nama fakkeenya ta'un ture. Amma 'Asaffaanfaa eebbifamanii hojii dhaban' jedhamaa jira.

''Barattoonni sababa kiyya miira abdii kutannaa keessa akka hin seenneef jedheen ergan yuuniversitiirraa eebbifamee bakka dhaloota kiyyaa hin deemne,'' jedhe.

Asaffaan erga eebbifamee naannoo dhalootasaa - Naannoo Amaaraan alatti magaalaa Finfinnee fi naannolee Itoophiyaa kaan keessa naanna'uun hojii barbaaduutti guddoo hifateera.

Bakka hedduutti dorgomuun qormaata hedduu qoramuus, dhaabbilee mootummaas ta'e dhuunfaatiin qacaramuuf carraa hin arganne.

Dargaggoon umrii waggaa 29 Asaffaa Alamuu, hojii argachuuf dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaatti eyyannoowwan garaagaraa galchuurra taree, hojii argachuuf akka isa gargaaruuf gara Lixa Harargee imaluun fedhiisaatiin hojii mootummaa hojjetaa akka ture hime.

Goojjam irraa hanga Finfinnee, Finfinnee hanga Jigjigaatti jooruun, mana barumsaallee yoo ta'e barsiisuuf tattaaffiin taasise akka hin milkoofneef hime.

''Manneen barumsaa mootummaa hanga jaarmiyaalee dhuunfaatti darbees hanga waajjiraalee mootummaatti bakkii waraqaa kiyya hin galchin hin jiru,'' kan jedhu Asaffaan, dhaabbata tokkorraa kan hafe qaamni qormaataaf waamellee akka hin turre ibse.

Asaffaan qacaramee hojjechuuf ga'umsa akka qabu dhibbaa dhibba amana.

Dorgomee hojii akka hin arganne kan taasise 'hojimaata badaa' biyyattii ta'uu ibse.

''Maallaqa yookiin fira hin qabdu taanaan hojii hin argattu,'' jechuun adeemsi qacarrii iftoomina dhabuurraa hoji-dhabaa ta'ee akka hafe hime.

Kanaafis qabxiin inni sadarkaa tokkoffaarraa hanga yuuniversitiitti argatee fi carraan isa mudate agarsiistuu guddaa ta'uu ibse.

Kanaafuu digiriin kun na hin fayyadne jechuun yuuniversitii isa barsiise Asoosaatti deebisuuf akka jedhu hime.

''Karaan naannoo Amaaraa irraa gara Asoosaa geessu cufaa waan ta'eef deemuu hin dandeenye. Xiyyaaraan deemuuf ammoo maallaqa hin qabu. Wayitan deemuu danda'utti geesseen ofirraa deebisa,'' jedhe.

Waraqaa kana deebiisuun isaa baasii barnootaa mootummaaf kaffaluu qabu kan irraa dhaabu ta'uu hima Asaffaan.

''Birrii kuma 31tu narra ture. Yeroo ammaa dhala waliin kuma 40 waan caalun se'a. Waraqaa kana deebisuun koo idaa kana narraa haqa. Mootummaan ''idaa kana ni kaffala' jedhee akka na hin eegnee fi kaffaluufis humna akkan hin qabne akka naaf beekamuuf kun carraa guddaadha,'' jedhe.

Adeemsi ittiin waraqaa barnootaa iddoo irraa fudhatanitti deebisan akka hin jirre kan hubatu Asaffaan, ''seerri hin jiru jedhee callisee hin taa'u. Wayitan waraqaa barnootaa kana deebisuuf gara moora ayuuniversitii deemu waan yuuniversitichi deebisu waliin kan ilaallu ta'a, '' jedhe.