Barattoota manneen barnootaa bultii addaa Oromiyaa fi Amaaraa haala rakkisaa keessatti qabxii olaanaa fidan

Barataa Roobeeraa Asmaaraafi Miikiyaas Adaana

Madda suuraa, Midiyaa hawaasaa

Barattoota bara barnootaa 2014 qormaata kutaa 12ffaa fudhatan keessaa qabxii 50 ol kan fidan dhibbeentaa 3.3 qofa ta’uu Ministeerri Barnootaa ibseera.

Haala kanaan barattoota qormaata fudhatan 896, 520 keessaa 29,909 qofaatu qabxii 50 fi isaa ol fidan.

Kunis namoota hedduu rifaasiseera, ajandaa miidiyaa hawaasummaas ta’eera.

Kanneen qabxii darbiinsaa argatan keessaa qabxii olaanaa kan galmeessisan barattoota barnootaa saayinsii uumamaa ta’uun ibsameera.

Akka biyyaatti qabxii bara kanaa isa olaanaa ta’e 666 kan galmeessise barataan barnoota saayinsii uumamaa Mana barumsaa Bultii Addaa Dasee Miikiyaas Adaanee, qabxii olaanaa akka argatu eegus, garuu akka biyyaatti tokkoffaa ta’a jedhee akka hin eegne hime.

‘’Halkan sa’atii shanitti wayita qabxii kiyya dhagahu guddoon gammade. Maatiin kiyyas baayyee gammadan,’’ jedhe.

'Hawwiinkoo Softiweer Injinaringii barachuudha'

Barataa Roobeeraa Asmaraa ALI bara barnootaa 2014 qormaata kutaa 12ffaa kennameen Mana Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa irraa qabxii olaanaa galmeesse.

Daarektarri Olaanaa Waldaa Misooma Oromiyaa Obbo Dajanee Itichaa akka BBC’tti himanitti, barattoota 76 barana qormaata fudhatan keessaa barattoonni 21 qabxii 600 ol fidani.

‘‘Ijoolleen shamarran jaha ta’an 600 ol fidanii jiru,’’ jechuunis himan.

Manni barumsaa kuni booda kana bakka barattoonni akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessan irraa argamaa jiranidha.

Baranas barataa Robeeraan qabxii 700 keessaa 652 galmeesseera. Barnoota herreegaa immoo 100 keessaa 100 galmeessuu dubbate.

‘’Hamman yaade argadheera jedheen yaada ani,’’ jechuun mana barumsaa damee Adaamaatti kan barate Robeeraan BBC'tti hime.

Barataa Robeeraa Asmaraa bara 2014 qabxii kutaa 12ffaa 652 galmeesse

Madda suuraa, WMO

Ibsa waa'ee suuraa, Barataa Robeeraa Asmaraa bara 2014 qabxii kutaa 12ffaa 652 galmeesse

‘’Kutaa sagal kaafnee of qopheessaa turre. Manni barumsaas deeggarsa garagaraa nuuf godhe.

‘’Akkasumas barsiisonni keenya gaaffilee shaakalaa adda addaa nuuf kennuudhaan gargaarsa garagaraa nuuf gochaa turani.

‘’Dabalataan nutis hamma dandeettii keenyaa dhamaatii keenyaan sirriitti dubbisne,’’ jechuun BBC’tti hime.

‘’Gara fuulduraatti ana hawwiinkoo softiweer injinaringii baradhee softiwar injinarii cimaa ta’un barbaada.

''Nama biyyaafi ummata isa barsiise bu’aa tokko buusuun barbaada,’’ jechuun dubbate.

Obbo Dajaneen barattoonni isaan barsiisan kan ‘’dandeettii addaa qaban qofa’’ ta’uu himan.

Manni barumsichaa wagga waggaan kutaa 9ffaadhaa simatee deeggarsa ofiin barattoota barsiisa.

‘’… dhaloota bor biyya kana baatee deemu, lammii dorgomaa ta’e... addunyaadhaaf qopheessaa jirra,’’ jechuun BBC’tti himan.

Haala qormaataan guutame keessatti qabxii olaanaa...

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miikiyaas fi waahillan isaa biroon haala qormaata hedduun guutame keessatti qormaata fudhatan.

Weerarri koronaavaayirasii fi waraanni waliinii biyyattii hudhaawwan ijoo turan. Hundaa ol ammoo haalli qormaati itti kennameyyuu keessummaadha.

Barattoonni kaan haalota kunneen akka sababaatti wayita eeran Miikiyaasiif kun akkamiin qormaata hin taane?

‘’Danqaan tureera. Barnootayyuu turree ji’a Muddee keessa eegalle. Barnoota simisteera lamaan barachuu qabnu simisteera tokkotti xumurre,’’ jedha.

Miikiyaas barattoota kaan irraa addatti carraa argatee fi waan qabxii kana akka galmeessisuuf isa gargaare ibseera.

‘’Nuti waqtii gannaa keessa yeroo argannee barnoota keenya gabbifannee turre. Mana barumsaa bulti addaatti waan barannuuf carraa yaada waliif qooduu qabna. Akka hawaasa tokkootti kan waliin jiraannu barattoota cocollee ta’uun keenya guddoo nu fayyade.’’

Akka maneen barnootaa kaanii barataa collee fi dadhabaa jedhamee kan adda ba’u hin jiru kan jedhu Miikiyaas, ‘’hunduu dandeettii qabuun waltumsinee qabxii gaarii fiduu dandeenye,’’ jedhe.

Miikiyaas carraa argatee, ibsaa fi interneetii akka fedhiisaatti fayyadamee miti kan barate. Kutaa 1-8 mana barumsaa baadiyyaa Kibba Walloo keessatti argamtutti barate.

Rakkoolee kunneen dandamatee akkamiin qabxii guddaa kana akka galmeesse wayita ibsu, ga’een maatiisaa salphaa akka hin taane ibse.

‘’Mana barumsaa abbaan kiyya itti barsiisuttin baradhe. Kanaaf barnoota koof xiyyeefannaa addaan kenna. Kutaa jalqabaarraa eegaleen jabeessee qabe.’’

Miikiyaas akkaataa barnootasaa wayita ibsu, ‘’ani koorsiiwwan onlaayiniin baayyinaan hordofa. Barsiisota koo xiyyeeffannaanin hordofa. Yeroo dheeraa hin dubbisu. Viidiyoowwanin ilala,’’ jedhe.

Miikiyaas gosa barnootaa guddoo sodaatamu Fiiziksii dhibba keessaa dhibba argate. Kun ammoo durumarraa fedhii qaburraa akka madde ta’uu ibse.

‘’Kutaa 6ffaarraa eegalee astiroonoomii fi kanneen hidhata qaban ilaaluun fedhii kiyya olaanaa ture. Fiiziksii hordofuun fedhii koo ture. Gara fuulduraattis barnoota Astro Physics jedhamu hordofuun barbaada,’’ jedhe.

Miikiyaas Nasa keessa seenee hojjechuuf akka mul’ata qabus hime.

Naannoo Amaaraa magaalaa Wagan Xeenaa jedhamtu keessa kan jiraatan abbaan Miikiyaas barsiisaa Adaanee Iwunatuu, ilmisaanii akka sadarkaa gaariirra ga’ee isaan boonsuuf deeggarsa gochaafii akka turan himan.

‘’Mana barumsaa KG irraa eegalee barnootarratti akka xiyyeeffatu hordofaan ture. Barsiistuu gaarii qaba ture. Hunda caalaa ammoo dandeettii addaa uumamaan qabutu kanaan isa ga’e,’’ jedhan.

Dhimmi ijoon Miikiyaas akka milkaa’u godhe yeroosaa sirnaan fayyadamuusaati jedhan barsiisaa Adaaneen.

Ministeerri barnootaa maal jedhe?

Kanaaf sababi maali jennee Ministeera Barnootaatti daarektara damee kominikeeshinii Aadde Amalaworqi Hizqeel gaafanneerra.

‘’Kun akka biyyaatti rakkoo dameen barnootaa keessa jiru kan mul’isuudha. Kanaan dura qormaata hatuun, karaalee garaagaraan qaawwi kun haguugamee tureera,’’ jedhan.

Aadde Amalaworqi dabaluun, ‘’Barana sirna kenniinsa qormaataa irratti jijjiiramni bu’uuraa uumameera. Barattoonni mooraa yuuniversitiitti akka qoraman taasifaman. Kanarraa ka’uun hannaa fi walirraa garagalchuutti karaan cufameera. Adeemsa kana keessatti kanneen qixa sirrii ta’een xiyyeeffannaan baratan qabxii gaarii galmeessisaniiru,’’ jedhan.

‘’Barattoonni naannawa isaaniirraa fagaatanii mooraa yuuniversitiitti qoramuun, bakki keessummaa itti ta’uun akkasumas haalli qabatamaa biyyattiin keessa turte ida’amee bu’aansaa kana ta’eera.’’

Isaan kana haa jedhaniyyuu malee barattoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman kanneen qabxii 50 gadi argatanii kufan egereensaanii maal ta’a kan jedhu nama hedduuf gaaffii ijoodha..

‘’Waa’ee qulqullina barnootaa kan dubbannu yoo ta’e, waa’ee egeree Itoophiyaa kan dubbannu yoo ta’e, iddoo tokkotti waan haaraa eegaluutu nu barbaachisa. Amma kan ta’e isa kana,’’ jedhan.

Barattoota qabxii darbiinsaa argatan kuma 29n alatti kanneen hafan akkam ta’u kan jedhuuf, ‘’dandeettii simannaa Yuuniversitiiwwanii ilaalamee, barattoonni kufan kunneen bakki hanqina isaanii barnoota dabalataan gabbateefii qormaata akka fudhatan taasifamu,’’ jedhan.

‘’Kanaan achi adeemsa qorumsaa bara kana eegalame akkuma jirutti hojiitti kan hiikamu ta’a.’’

Qormaata kutaa 12ffaa bara 2014 fudhachuuf barattoonni galmaa’an waliigalatti 985,384 turan.

Kanneen keessaa 77,098 qormaatarratti hin argamne. Barattoonni 20,170 kan ta’an ammoo naamusaa fi qajeeltoo qormaataa eeguu dhabuun qormaata dhiisanii kan ba’aniidha.