Akkaan gadi bu'uu qabxii qormaataa baranaaf kan itti gaafatamu eenyu? Furmaanni hoo?

Barattoota qormaata fudhachaa jiran

Madda suuraa, Ministry of Education Ethiopia

Naannoo Amaaraa Aanaa Darraatti kutaa 12 kan xumure barataa Henook (maqaan kan jijjiirame), qormaata kan qorame Yunivarsiitii Dabra Taabor deemuun ture.

Barattoonni qabxii dansaa fiduuf qophii isaan dandeessisu hin taasisne jedhee kan yaadu Henook, keessaafuu wanti marroo duraan mudate barattoonni tasgabbaa’anii akka hin qoramne taasise jedha.

“Qophii gahaa jedhu hin taasifne. Qoramtoonni marsaa jalqabaa haalli keessa dabran, yunivarsiitii keessa ennaa qoramnu kann jalqabaa tahuun… dhiibbaa muraasa qaba ture.“

ALI 2014tti qormaata xumuraa kutaa 12ffaa fudhatan keessaa garri caalan, qabxii gadaanaa fiduun isaanii tibbana dubbii ijoo taheera.

Qabxiin “rifaasisaadha“ jedhame kun akka mul’isutti, barattoota qormaataaf taa’an 980,000 ol keessaa, kanneen 30,000 tahan qofatu, qabxii harka 50 fi isaa ol galmeessuu kann danda’an.

Henook bu’aan qormaataa wayita himamu qabxii Yunivarsiitii galchu fiduudhaa baatus, qormaatichis tahe, haalli qormaataa rakkoo qaba jedhee hin yaadu.

Haatahu malee “adeemsi kenninsa barnootaa du’aadha,” jedha. “Raawwiin kan deeggarame miti. Yaad-rimee baranna… imaammanni barnootaa akkasii sirriidha jedhee hin yaadu.”

Barattoonni harka 50 gadi galmeessan yunivarsiitii galuu akka hin dandeenye Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa himuus, humna simachuu yunivarsiitiiwwaniifi qabxii isaanii tilmaama keessa galchuun, barattoonni dabalataa galuu akka danda’an himameera.

Eenyutu itti gaafatama?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baankiin Addunyaa gabaasa ji’ootaan dura baaseen, biyyoota galii gadaanaa fi giddugaleessa qabanitti, daa’imman umurii 10 gadi keessaa harki 70 tahan, barreeffama salphaa tahe hubachuun isaan rakkisa jedha.

Gaazexaan The Economist raga Baankii Addunyaa kana wabeeffachuun akka gabaasetti, Itoophiyaa keessatti daa’imman umuriin isaanii 10 tahe keessaa harki 85 ol, barreeffama salphaa tahe hubachuun isaan rakkisa.

Yunivarsiitii Finfinneetti qo’annoon Giddugalli Qorannoo fi Qo’annoo Barnootaa taasisees kanuma agarsiisa.

Daarekatarri Wiirtuu kanaa Balaay Hagoos (PhD) BBCtti akka himanitti, qorannoo 2021tti gaggeeffameen, barattoota kutaa 2ffaa keessaa harki 68 ‘zero readers’ warra jedhamanidha.

Kana jechuunis daa’imman barreeffama salphaa isaaniif kenname dubbisanii hubachuuf dandeettii hin horanne – dubbisuu hin dandayan.

Kanneen kutaa 3ffaa keessaa ammoo harka 51 kan tahan dubbisanii hubachuu hin danda’an.

Daayireektarichi akka jedhanitti “qabxiin qormaataa baranaa waan hineegamne hinturre.” Sababiin isaa, wiirtuun isaanii waggoota darban keessa qo’annoowwan taasise kun dhufuu akka malu akeekee ture.

Akka ilaalcha hayyuu kanaatti, barattoonni dareedhaa dareetti kan dabran, gahumsi isaanii madaalameeti ilaalcha jedhu hinqaban.

Hayyuuleen gariin bu’aa qormaataa barana galmaa’ef sirna barnootaa Itoophiyaa itti gaafatama taasisu.

Dr Balaayis kanaan waliigalu. Bu’aan kun “sirni barnootaa waan fidedha," jedhu.

“Ijoolleen gahumsa akka hinqabne odoo beekamuu, imaammatni barnootaa dareedhaa dareetti akka dabran hayyamaaf."

Kanarra darbees, kutaa 4ffaan booda, hangi daa’immanii kutaa tokko kufanii irra deebiin baratanii harka 10 gadidha jedhu.

Itoophiyaa dabalatee biyyoota Sahaaraan gadiin jiranitti, daa’imman barnoota sadarkaa tokkoffaa xumuruuf qophaa’an dubbisuu akka hin dandeenye Baankiin Addunyaa ni hima.

Barattoonni gahumsa odoo hin qabaatiin, kutaadhaa kutaatti dabruun isaanii "sirrii tahuu dhabuusaa qorannoowwan irra deddeebiin taasisneen mul’isuuf yaalleerra,“ kan jedhan Dr Balaay, sirni barnootaa gahumsaaf "iddoo hinqabu" jedhu.

Akka fakkeenyaattis yeroo weerara Kovid, barattoota kutaa 8 fi 10 alatti kaan gara kutaa ittaanutti akka dabran taasifamuu isaati.

“Barataan gara kutaa ittaanutti kan dabru, gahaa tahee ennaa argame callaadha. Sirni barnootaa kun calalee gahumsaan kan dabarsu odoo hin taane, baay’ina lakkoofsaa gabaasuun kan adeemudha.”

Hayyuun kun biyyattii keessa barnoonni bal’inaan kennamuun isaa sirriidha jedhanis, “odoo gahumsa hin qabaatiin garuu gara fuulduratti deemuu garuu tasumaa hin deeggaru,” jedhu.

Sirni barnootichaa barattoota aangessuuf barbaadaa, gama kaaniin ammoo gahumsa qabaachuu baatanis, kutaa ittaanutti akka dabran heeyyamuunsaa, waljala dabruu sirnaa agarsiisa jedhu.

“Sirni barnootaa yoo sirraa’uu baate, jijjiiramni dhufuu hin danda’u. barsiisota miti kan gaafatamuu qaban. Barsiisota waan kana keessa kan isaan galche sirna barnootichaati.”

Gama kaaniin ogeeyyiin marsaalee hawaasaarratti yaadasaanii qoodan, gadi bu’uu qabxii barattootaaf ministira barnootaa gaafatama godhu.

Biyya Norweey kan jiraataniifi yunivarsiitii keessa kan barsiisan Darribee Dammaqsaa, ministirichi “kufaatii qulqullin barnootaa siyaasa paartii isaaniif” itti fayyadamaniiru jechuun qeequ.

Hayyuun dhimmoota diinagdee irratti qeeqaa fi barreeffama garagaraa dhiyeessuun beekamanii fi Kuwait Institute for Scientific Research (KISR)tti qorataa kan tahan Ayyala Galaan (PhD) gamasaaniin, “ministeerri barnootaa hooggansa sirna barnootaa amma jiru kanaan gammadoo hin taane qaba,” jechuun itti gaafatama taasisu.

‘Yeroo hirriibaa itti dammaqan’

Barattoota qormaata biyyoolessaa kutaa 12eessoo fudhatan keessaa harka 96 kan tahan hin milkaa’in hafaniiru.

Kuni akkaan na yaaddesse kann jedhe Ministeerri Barnootaa, barattoonni qabxii yunivarsiitii isaan seensisu fiduu dadhaban, gosoota barnootaa qabxii gadaanaa itti galmeessisan yunivarsiitiwwan keessatti ganna tokkoof akka baratan heeyyameera.

Ganna tokkoon booda qormaata madaallii isaanii kennamu kan dabran taanaan, barnoota isaanii waggaa tokkeessoo eegalu jechuun Ministirichi Piroofesar Birhaanuu Naggaa himan.

Ibsa Piroof. Birhaanuun kennaniin, akkaan hir’achuun qabxii barattootaa ‘‘agarsiiftuu rakkoolee hedduu waggootaaf gangalchaa as gaheefi, sadarkaa sirni barnootaa haguugamee ture irra jiru kan agarsiisedha,” jedhan.

Dhimma kanarratti qorannoowwan hedduu kan gaggeessan Dr Balaay, qabxii ammaa kana akka "akeekkachiisaatti” ilaalla jedhan.

Hayyuun kun dabaluun barattoonni qabxii gahaa hin fidne abdii akka hin kutanne gorsuun, sirni barnootaa garuu xiyyeeffannoo argachuu qaba jedhu.

‘‘Sirni barnootichaa oggaa fooyya’u, dhimmoota hedduuf furmaata fidee dhufa. Kaayyoon imaammatichaa lammii gahumsaan ijaaruudha. Kanatu tahaa turee? Kan jedhu tasgabbaa’anii ilaaluun barbaachisaadha.”

Waan fala taha jedhanii kaahan keessaas, barsiisummaaf kanneen gahumsa fooyya’aa qaban gara sirna barnootaatti galuu qabu kan jedhudha.

‘‘Namni tokko ‘qabxiin koo gadi bu’eera’ oggaa jedhu, ‘barsiisummaa galmaa’i’ yeroo itti jedhamu keessa jirra,” jechuun kan qeeqan Dr Balaay, ogummaa barsiisummaaf kabajni kennamuu malaaf jedhu.

Dhimmi barsiisotaa ennaa kahu, si’eessituu fi kanfaltiin madaalawaa tilmaama keessa akka seenu kan dhaaman qorataan kun, kanfaltiin gadaanaa barsiisotaaf kennamu, sababa hir’ina qulqullina barnootaaf gumaachan keessaati jedhu.

Qo’annoo Yunivarsiitii Finfinneetti Giddugalli Qorannoo fi Qo’annoo Barnootaa taasiseen yaadolee furmaataa kaahe keessaa, gibirri barnootaa [Education Tax] isa tokko tahuu himu.

Akka yaada kanaatti, shaqaxa kamuurratti gibirri ykn ashuuraan barnootaa jiraachuu qaba; kunis baasii barsiisootaa ni haguuga jedhu.

Jaarmiyaan qorannooo kun qo’annoo kana wayita gaggeesseetti, muuxannoo kana Kooriyaa Kibbaarraa fudhachuu himuun, gosti gibiraa kun hojiirra yoo oole bu’a-qabeessa akka tahus abdii qabanis himan.

Gibirri barnootaa Kooriyaa Kibbaa - ‘Education Tax Act’ 1990’oota irraa eegalee kan hojiirra oole ennaa tahu, qulqullina barnootaa guddisuuf baasii bahu haguuguuf kan ooludha.

Dr Balaay Hagoos qabeenyi barnootarra oolu hunduu, ogeessa gahumsa qabu as baasuuf kan dandeessisu waan taheef, hunduu kanaaf tumsuu qabu jedhu.

“Qaamni murteessaa rakkoos tahe furmaataa kanaa mootummaadha. Mootummaan sosochii kana gara oliirraa yoo jalaqabsiise, sadarkaan hanga maatiitti gadi bu’a. Hunduu tumsuu qaba. Yoo kun tahuudhaa baate, haasawa tibba tokkoo calla akka hin taane sodaan qaba.”