Barattuu qabxii olaanaa galmeessuun bilookiin mana barnootaa maqaasheen mogga'e

Madda suuraa, Nuhaamii Dambal
Barattuu Nuhaamii Dambal jedhamti, shamarree ganna 19 yoo taatu kan dhalattee guddattee Magaalaa Asallaatti.
Isheenis qormaata seensa Yuunvarsiitii 700 keessaa 650 galmeessuun barattoota shamarranii qabxii olaanaa akka biyyatti fidan keessaa tokkodha.
Nuhaamiin qormaata kanarratti gosa barnoota herregaa 100 keessa 100 argachuun seenaa galmeessite.
Qabxii olaanaa galmeessiste kana hordofuunis, manni barnootaa isheen keessatti barataa turte waggaa lama kana bilookiin mana barnootaa isheen keessatti barattuu maqaasheetiin moggaafameera.
Iccitii qabxii olaanaa galmeessisuu ishee duuba jiru Nuhaamiin BBC himteetti. Abbaan ishees akkatti milkaa'ina isheef gumaachan ibsan, itti dhiyaadha.
Barana baarroota kuma 900'tti dhiyaataniifi qormaata biyyaaleessaa fudhatan keessaa harka 3 qofti parsantii 50 ol deebisuu Ministeerri Barnootaa himeera.
Bara barnootaa 2014 qabxiin olaanaa akka biyyaatti galmaa'e 666 yoo ta'u kan galmeessees barataa barnoota saayinsii uumamaa Mana barumsaa Bultii Addaa Dasee, Miikiyaas Adaaneedha.
Barattoonni akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessisan barattoota manneen bultii addaa naannoolee adda addaa keessatti argamanidha.
Nuhaamiin manneen barnootaa bultii addaatti hin baranne, garuu qabxii olaanaa galmeessisuurraa ishee hin hambisne.
Maatiin ishee barattoota shamarranii keessaa akka Itoophiyaatti isheetu qabxii olaanaa galmeessise, shamarran keessaa qabxii olaanaa fiduun sadarkaa jalqabaarra jirti jedhan.
BBC’n garuu Ministeera Barnootaarra ragaa kana hin mirkaneeffanne. Nuhaamiin barattoota qabxii olaanaa akka biyyatti galmeessisan keessatti eeramti.
'Halkan guutuu taa'aa bulle' - Abbaa Nuhamiin
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Dambal Gammadaa Jaldee abbaa Nuhaamiinidha. Godina Arsii magaalaa Asallaa jiraatu. Obbo Dambal waggoota 20’n darbaniif barsiisaa turan.
Ijoollee afran horatan keessaa Nuhaamiin sadaffaarratti dhalatte jedhan.
Nuhaamiin ijoollummaarraa kaastee barattuu qaxalee ta'uu ragaa bahaniif. Kutaa tokkoffaarraa hanga kutaa 10ffaatti 1ffaa baate.
Barnoota qophiinaa kan seensa yuunvarsitii (preparatory) Mana Baranoota Yaadannoo Ayyalach Dagafuu jedhamutti baratte.
Manni Barnootaa kun yaadannoo haadha atileetii beekamaa Hayilee Gabra Siillaasee kan ta’an Ayyalach Dagafuutiin moggaafame.
A.L.I bara 2013 kutaa 11ffarraa gara kutaa 12'tti wayita darbitu Nuhaamiin qabxii giddugaleessaa 99.3% galmeessisnaan Atileet Haayileen maqaa isheetiin bilookii mana barnootaa tokko moggaase.
Maqaan bilokii kanaa ‘Naamii Dambal Gammadaa’’ jedhame. Nuhaamiin moggafaamuu isaatti yeroo sana ittin boone jette.
''Maqaa kootiin moggaafamuutti baayyeen gammade, ittin boone yeroo sanatti, qabxiin galmeesse barattoonni kaan jabaataniif jajjabina ta’a,’’ jette.
Milkaa’ina isheef ka’umsi yeroo isheettii sirnaan gargaaramu ta’uu dubbatte. Yeroo waan hin malleetti hin qisaasessisu jetti. Ni qo'atti.
Kana qofa miti, barsiisonni fi maatiin ishee milkaa’ina ishee duuba jiraachuu afaan guutte haasofti.
Guyyaa firiin qormaataa ibsame maatiin ishee gammachuurraa kan ka'e hirriba malee waliin taa'aa bulle jedhan.
Nuhaamiin tooftaa akkamiin qo'atti?
Nuhaamiin tooftaa ittiin qo’attu wayita dubbattu, barsiisaa dura deemtee akka qo'attu himte. Barnoota guyyuma baratte irra deebite bilchessitee qo’atti.
Barsiisaan wayita barsiisu sirnaan hordofti, waan hin galleef barsiisaa ishee gaafatti.

Madda suuraa, Nuhaamii Dambal
Yeroo kaan kitaabota akka asoosamaa fi beekumsa ishee gabbisan biroo itti dubbisuu jaalatti.
‘Barnoonni anaaf kaniin itti ''bohaaru’’ jette.
Nuhaamiin iddoo guddaan gaha jettee duraanuu akka amantu dubbatti. Mul'ata bira galmaan gahuu feetu qabdi.
Barattoonni kaanillee barata cimaarratti’ hirkachuu hin qaban jechuun gorsiti. Nuhaamin carraa biyya hambaatti barachuu yoo argatte barattee astiroonomara ta’uu feeti.












