Lammileen Raashiyaa hedduu waamicha waraanaa diduun baqachuu eegalan

Madda suuraa, Reuters
Vilaadmir Puutin humni eeggataa 300,000 ta’u waraana Yukireen irratti akka hirmaataniif waamicha dhiyeessanii turan.
Namoonni hedduun, keessumaa dhiironni, waraana jalaa baqatanii gara Joorjiyaa seenuf konkolaataa hiriiree jiru heddutu mul’ata jedhame.
Namni maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate tokko BBC'tti akka himetti, Pirezidant Puutin waamicha waraana irratti hirmaachuu akkuma taasisaniin paaspoortii isaa qofa qabatee baqate.
Namoonni ijaan argan akka jedhanitti Joorjiyaa seenuf daangaa irratti hiriirri konkolaataa hanga 5km dheerata jedhame.
Namoonni biroo ammoo gara daangaa Joorjiyaatti cehuuf dabaree eeggachuun sa’aatii 7 akka itti fudhate himan.
Joorjiyaan biyyoota ollaa lammiilee Raashiyaa osoo viizaa [eeyyama biyya seenuu] hin gaafatin simattu keessaa tokkoodha.
Fiinlaand Raashiyaa wajjiin daangaa 1,300 km dheeratu kan qabdu yoo ta’u, lammiileen Raashiyaa garas osoo hin deemin dura viizaa isaan barbaachisa.
Ta’us gara daangaa biyyattiitti sochiin namootaa akka jiru beeksifteetti.
Bakkeewwan biroo xiyyaaran deemaman kanneen akka Istaanbul, Beelgireed yookiin Dubaayi fa’aa Raashiyaan humni eeggataa waraanaf akka galmaa’u beeksisuu hordofee tikeetin xayyaaraa baay’ee olka’ee jira jedhame.
Bakkeewwan tikkeetin xayyaaraa gurguramee dhumes akka jirutu gabaafame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Raashiyaan humni eeggataa waraana irratti akka hirmaatu waamicha gochuu hordofee magaalota Mooskoo fi Seent Pitarisbarg dabalatee magaalota gurguddoo biyyattii keessatti mormiin ka’ee jira.
Kanaanis namoonni hanga 1,300 ta’an hidhamaniiru.
Namoota hiriira mormii irratti hirmaachun hidhaman keessaa kaan isaanii waraana irratti akka hirmaataniif waraqaan ajajaa itti kennameera jedhama.
Waa’ee namoonni erga to’atamanii booda waraana irratti akka hirmaataniif waraqaan waamichaa itti kennamuu kan gaafataman dubbii himaa mootummaa kan ta’an Dimitrii Peeskov gochichi waan seera biyyattii faallessu homaa akka hin qabne dubbatan.
Waamichi duula waraanaa Raashiyaan taasifte kun bifa biyyattii keessatti kana dura hin baramneen mormiin mudataa jira.
Ministeerri Ittisaa UK waamicha Raashiyaan taasifte kana irratti yaada kenneen, “… sochiin kun kan agarsiisu, Raashiyaan loltoota Yukireen keessatti fedhaan loluu dhabuu isheeti” jedha.
Odeeffannoon tika Ministeera Ittisaa UK akka ibsutti Raashiyaan waamicha taasifte kanatti yoo milkoofte illee namoonni waraanaaf galmaa’an ji’oota keessatti leenjii fudhatanii waraanaaf gahoo ta’uudhaaf rakkoodha.
Raashiyaan garuu waamicha kanan taasise namoota kanaan dura leenjii waraanaa xumuraniifi jetti.
Haa ta’u garuu, lakkoofsi namoota waraanaaf waamamanii kan ifatti ibsameen oli ta’uu mala jedhame.
Gaazexaan Vovaya jedhamuu akka gabaasetti Raashiyaan dhoksaadhaan hanga waraana miliyoona tokkoo leenjisuu dandeessi.












