Namichi dogoggoraan waggaa 48f erga hidhamee booda bilisa bahe maal jedha?

Gileen Siimoons dargaggoo waggaa 22 osoo jiruuti himatamaa kan biraa waliin yakka nama ajjeesuun himatamee kan hidhaa bu'e. Bara 1975 manni murtii nama kanatti murtee du'aa murteesse. Booda murtichi gara hidhaa umrii guutuutti gadi cabeef.

Namni kun waggoota 48 mana hidhaatti erga dabarsee booda Adoolessa 2023 ''yakka kee malee hidhamte'' jedhamee hidhaatii gadhiifame. Seenaa US keessatti murtee dogoggoraan bara dheeraa warra adabaman keessaa tokko.

Namni kun badiisaa malee waggoota walakkaa jaarraaf dhiyaatan akkamiin mana hidhaatti akka dabarse, waayee dhibee kaansarii isa qabee jiruuf kaan irratti BBCtti himeera.

Halkan bari'ee yoo ifu, dukkanaa'ee ammoo jiini yoo baatu, urjiilee samii keessa jiran arguu, waqtiin yoo jijjiiramu arguun wanta turtiisaa hidhaa jaarraa walakkaa ta'u keessatti arguu barbaadee hiree dhabe akka ta'e hima.

''Yakkamaa ta'uu dhabuun kee amantaan kee akka jabaatee itti fufu si gargaara'' jedha Simoons ammoo ''amantaan ofirraa qabu yeroon itti dhabe hin jiru yoon jedhe si sobaan jira. Yeroo hedduu dhabeera. Garuummoo akka laastiikii rifeensa itti hidhataniiti, bal'steetu deebista'' jedha.

Simoons bara 1975 qophii bashannana addaarraa namoota yakka saamichaa fi ajjeechaan shakkamanii qabaman keessaayi.

Guyyaa inni qabame ji'a dura hojjettuun suuqii dhuugaatiiwwan alkoolii Roojeers jedhamtu rasaasaan addarra rukutamtee ajjeefamteetti.

Poolisiin shakkiin qabee buufata poolisii geesse. Dargaggeessa ganna 21n ture. Sana dura yakkaan gaafatamee hin beeku. Abukaatoo qacaruus ta'e ofirraa faccisuu hin beekun ture'' jedha Simoons.

Yakkichi Aklahoomaatti wayita raawwatu Simoons Luuwsiyaanaa ture. Garuu ragaa irratti bahameen murteen du'aa itti darbe.

Namni kun murtee dabaa irratti kenname sanaan ''ani jallachuu haqaati hin jedhu. Dogoggoras miti. Gocha ta'e jedhamee godhameedha. Beekaa haqa dhoksan'' jedhe.

Akka Simoons jedhutti barri sun bara jibbinsi gurraachotarritti gaggeefamu yeroo daraaredha. Ammoo Poolisiin galmee yakkaa hedduu qabatee haqa kennuuf dhiibbaan yeroo itti jabaate turee jechuun gurraachummaa isaatiin badii malee hidhamuu akeeke.

Galmeen warra hidhaarraa bilisa bahanii US akka agarsiisutti gurraachotni si'a 7.5 warra kaan caala yakka hin raawwanneen murteen dogoggoraa irratti darba.

Akka Simoons jedhutti mana hidhaa keessatti yeroon itti sammuusaa wallaale tureera. Hanguma barri lakkaa'amaa deeme bilisan gadhiifamuuf abdiin qabu dhumaa deemuus hime.

''Yeroo mara si cinaatii namootni yeroo du'an wayita argitu atis herreega ofii keetii hojjetta.''

Booda ammoo nama kanaaf oduun gaarii hin taane dhufe. Kaansarii Tiruu qabame. Hidhaa osoo hin bahiin waldhaansa Keemooteeraapii fudhachuus hin dandeenye.

''Yoona baroota sana dura turan caala hidhaatii gadhiifamuuf waldhaansoon godhamu cime'' jedhe.

Abdii kutachuun jabaatus osoo abdii hin dhumiin hidhaa bahe.

Erga hidhaa waggoota 48 bahee Simoons yeroo duraaf Ilmasaa, ilmaan ijoollee ilmasaa fi akaakilee isaa waliin ayyana gannoo kabaje.

Gammachuun isaa guddaa ta'uu kan himu namni kun ammoo barootasaa mana hidhaatti badii malee gubataniif garaansaa gadda.

Simoons badii malee bara hanganaa hidhamuusaaf bulchiinsa Aklahoomaarraa dhiifamallee hin gaafatamne.

Ammoo bulchiinsicha keessatti namootni badiisaanii malee hidhaman beenyaa hanga $175,000 argachuu danda'u. Waggaa tokkof hanga $3,600.

Simoons beenyaan kun dafee akka isa qaqqabu hin amanu.

Duula isaaf maallaqa walitti qabuuf addatti gaggeefameen garuu $326,000 sassaabameeraaf.

Deeggarsi walitti qabameef kun kaka'uumsa akka horeefi namoota akkasaa yakka malee hidhaa jiraan akka gargaaruu fedhu dubbate. Ammoo sirna haqaa fooyyessuuf hojjechuun akka barbaachisu dubbate.