Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeviin Istiriiklaand: Namticha dogoggoraan ganna 42 oliif erga hidhamee yakkarra bilisa jedhame
Lammiin Ameerikaa jiraataa kutaa bulchiinsa Mizuhuri ture Keeviin Istiriiklaand bara 1978 yakka ajjeechaa sadiin balleessan itti muramuun dogoggooraan ganna 42 oliif erga hidhamee booda bilisaa bahuun hidhaarra gadhiifame.
Keeviin Istiriiklaand umrii isaa ganna 62 yoo ta’u, ganna 18tti wayita hidhamuu kaase yakka sanarra bilisa ta’usaa himataa ture. Taatulle murtoon Waxabajjii bara 1979 irratti dabarfame.
Aab Istiriiklaand ’’guyyaan kun ni dhufa jedhee hin yaadne ture,’’ jedhe.
Seenaa Mizuhuri keessatti nama ganna hunda caala dheeraa dogoggoraan hidhame ta'us, akkaata seera bulchiinsa Mizuhuriin beenyaa maallaqaa argachuun isaa shakkisiisadha.
Akka ragaa namoota hiidhaa gadhiifaman akka biyyaalessaatti galmaa’eetti bara1989 asitti Aab Istiriiklaand seenaa Ameeriikaa keessatti nama dogoggoraan ganna dheeraaf hidhame isa torbaffaadha.
Abbaan murtii Kibxata darbe kana saffisaan Aab Istiriiklaand guyyoota 15,487 erga hiidhamee booda akka hiikamu ajaja dabarse.
Ogeeyyiin seeraa sagantaa ‘Midwest Innocence Project’ hojjatan Aab Istiriiklaand akka hiidharraa hiikamu ji’ootaaf dhama’aa turan BBCtti akka himanitti, oduu kanatti’’hedduun gammanne’’jedhan.
‘’Abbaan murtii kamiyyuu ragaa isaa ilaale, Aab Istiriiklaand nama nagaa ykn yakkarraa bilisa ta’uusaa akka hubatu ni amanna, isuma kanatu raawwatame,’’jedhe sagantichatti Daarektara kan ta’an Tirisihaa Rojoo Bushnel ibsa baasan keessatti.
Tirisihaa Rojoo itti dabaluun:’’Homtuu ganna 43 inni dhabe hin kennuuf, mana isaatti wayita deebi’u yeroosaa jalaa hatameef bulchiinsa beenyaa saantima duudee tokko otoo hin kaffalleef deebi’e gala jette.
‘’Suni haqa miti’’
Bulchiinsi Mizuhuri hidhamtootaaf beenyaa kan kaffalu hidhamtoota ragaa qaccee sanyii (DNA)tiin deeggarame qabaniifi, ragaa namni bahuun miti akka ‘Midwest Innocence Project’ jedhutti.
Aab Istiriiklaand hidhaa umriin guutuu kan itti murame carraa dhiifaman gadhiifamuu akka hin arganneetti ture.
Nama kanarratti murteen kan darbe saamicha mana namaa magaalaa Kansaas tokkotti Ebla 25, 1978 raawwatametti hidhata qabda jedhamuun ture.
Halkan sanatti namoonni qawween haleellaa raawwatan namoota sadii mana keessatti rasaasan dhahan.
Maqaan namoota halleellaa sanaan miidhamanii: Shirii Bilaak nama ganna 22, Laarii Ingiraam nama ganna 22 fi Joon Wooker nama ganna 20 turan.
Miidhamaa arfaffaan Siintiyaa Doogilaas namni ganna 20 madaa’ee akka nama du’e fakkaachuun booda miliqe.
Poolisiin hiriyaa ishee ta’u shakkuudhaan yeroo sanatti ol adeemaa kan ture Aab Istiriiklaand qabee hidhuun, Aadde Doogilaas hiriira keessa nama kam akka ta’e akka filattu taasifamutu gabaafame.
Aab Istiriiklaand yeroo sana mana taa’e TV daawwataa akka ture poolisiitti himee ture.
Raqaan qabatamaan yakka sana raawwachuu isaatti hidhata qabu hin argamne.
Dhaddacha jalaqabaarratti abbootiin murtii bara 1979 irra abbootii murtii 12 keessa namni gurraachi tokko erga yakkarra bilisa jedheen booda walii galuu dadhabuun goolabame ture.
Dhaddacha marroo lammaffaarratti abbootiin murtii 12’n warreen adii kan turan yoo ta’u, Aab Istiriiklaand balleessaa du’aan nama adabsiisu tokkofi ajjeecha gara jabumaa lama biroo raawwachuun balleessaan itti muramee ture.
Waggaa tokko booda Aadde Doogilaas ragaa addatti ijaan argite jedhamte deebite haalte, sagantaa ‘Midwest Innocence Project’ jedhamuuf akkas jechuun barressite:’’Yeroo sanarraa kaase ifa hin turre, amma garuu waa danuun beeka, yoon danda’e nama kana gargaaruun fedha,’’jette.
Aadde Doogilaas otoo seera duratti ragaa Aab Istiriiklaand irrratti baate deebitee hin kaasiin duute.
Haata’u malee, haati, oboolettii fi intalli ishee mana murtiitti ‘’nama sirrii hin taane filte’’jedhanii hundi isaanii dhugaa bahan.
Abbaan Alangaa godina Jaaksan murtoo baleessaa irratti darbe sana Sadaasa darbe kanarra kaase ilaalaa turuun saffisaan akka gadhiifamu ajaje.