Raafamni xiyyaaraa maalidha, maaliif dabalaa dhufe?

Sababa raafama xiyyaaraan lubbuun nama hedduu haalli itti darbu baayyee xiqqaadha.
Ragaa qabatamaa hedduun jiraachuu baatus, erga bara 1981 hanga ammaa sababa raafama (turbulence) xiyyaaraan namoonni lubbuu dhaban afuri. Miidhamni garuu lakkoofsa hin qabu.
Ameerikaa keessatti qofa namootni 207 ta'an sababa raafama xiyyaaraa miidhaan irra gaheera. Kanneen keessaa 166 kan ta'an hojjettoota xiyyaara keessa sosso'an kan teessoo qabatanii hin jirreedha.
Dhaabbatni haala qilleensaa to'atuufi paayilatootaaf dhaamsa raafamaa qoodu AVTECH jedhamu, sababa raafama kanaan daandiiwwan xiyyaaraa waggaatti baasii paawundii 180,000 hanga miliyoona 1.5 baasu jedha.
Yeroo ammaa haalota raafama xiyyaaraa uuman 75% ta'an raaguun danda'ameera. Garuu maaliif lakkoofsi raafama xiyyaaraa fi hamminnisaa dabalaa dhufe?
Raafama xiyyaaraa maaltu fida?
Namoonni yeroo baayʼee balali'an, yeroo xiyyaarri tokko raafama keessa seenu, waan akka tasa uumamuu dandaʼu ni beeku. Xiyyaara sochoosuudhaan jijjiirama olka’iinsaa tasa fiduu danda’a.
Akka oggeessa haala qilleensaa BBC fi qondaala RAF duraanii, Simoon Kingiitti, raafamni harki caalaan kan uumamu duumessa bakka qilleensi ol fi gadi bu'u jirutti .
Taateewwan kanneen keessaas baay'een isaa salphaa ta'a, garuu ammoo duumessa cimaa keessatti, sochii jeequmsa qilleensaa raafama giddu galeessaa ykn baayyee hamaa uumuu danda'a.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gosti raafamaa biraa ammoo kan raafama “qilleensa qulqulluu" jedhamu jira. Kunis akkuma maqaan isaa ibsutti, duumessa kan hin qabnee fi mul’achuu kan hin dandeenyedha. Inni kun adda baasuuf baay’ee rakkisaa waan ta’eef baay’ee rakkoo qabaata.
Gosti raafamaa kuni naannoo yaa'a jeettii, "yaa'aa" qilleensaa saffisaan yaa'u kan akkaataa idileetti ol ka'iinsa faana (feet) 40,000 -60,000 irratti argamutti ta'a jedha paayilatiin akaadaamii fi daldalaa aviyeeshinii, Guuy Graatoon.
Qilleensa yaa'a jeettii keessa jiruu fi qilleensa naannoo jiru gidduutti salphumatti sa'aatii tokkotti garaa garummaa saffisa 100mph qabaachuu dandeessa jedha.
Firikshiniin naannoo yaa’a jeettii kan qilleensa suuta jedhuufi saffisaa ta’e gidduutti uumamu, raafama uuma. Kunis kan yeroo hunda jiruufi kan socho'u hambiisuufilleen rakkisaa ta'a.
Fakkeenyaaf Awurooppaa irraa gara Ameerikaa Kaabaatti balali'aa jirtan yoo ta'e, guutummaatti irraa fagaachuun rakkisaadha kan jedhan Aab Giraatoon, kunis tibbasaatti raafamaa hamaa fiduu danda'a.
Raafamni hangam baalaafamaadha?

Madda suuraa, PA
Xiyyaaronni waan hamaa raafama isaanitti darbachuu danda'u fudhachuuf kan qophaa'anidha jedhu Yunivarsiitii Kiraanfiild keessatti piroofeesara gargaaraa aviyeeshinii fi naannoo Aab Giraatoon.
Raafamni yoomiyyuu xiyyaara tokko barbadeessuu waan danda'u "hin fakkaatu" jechuun dabalanii dubbatan.
Kanas ta'e sana, xiyyaara tokkoof bu'aa tokkollee hin buusu. Kanaafidha kan balaliistonni irraa fagaachuuf ykn saffisa isaanii hir'isuuf kan yaalan. Akkasumas mallattoo saqqii teessoo akka hidhatamuuf ibsaaniif.
Ogeeyyiin akka jedhanitti, haalawwan garmalee hamaa ta’an keessatti, qilleensi garmalee cimaa ta’uu isaarraa kan ka’e, raafamni xiyyaara irratti miidhaa caasaa geessisuu danda’a.
Raafamni cimaan sochii hamaa inni fiduu danda’u irraa kan ka’e, sababii sochii jeeqamaa uumuuf, imaltoota qilleensaa irraan balaa ga’uu danda’a. Imaltoota sabbata teessoosaanii hin hidhatiin kaaniis xiyyaara keessa qaxxaamursee darbachuu danda’a.
Garuu ogeeyyiin nageenya aviyeeshinii akka jedhanitti, du'aa fi miidhaan sababa raafamuutiin qaqqabu baay'ee xiqqaadha.
Ogeessi aviyeeshinii Joon Istiriiklaandi akka jedhanitti, balalii miliyoonaan lakkaa'aman hojjetaman keessatti miidhaan raafama hamaadhaan mudatu ''baay'ee xiqqaadha''.
Boordiin Nageenya Geejjibaa Biyyaalessaa Ameerikaa bara 2009 -2022 gidduutti daandiiwwan qilleensaa Ameerikaa keessa jiran irratti ''miidhaa raafama hamaa'' 163 akka mudate ibseera - waggaatti giddu galeessaan gara 12 jechuudha.
Paayilatoonni raafama attamiin to'atu?
Paayilatoonni yeroo hunda osoo balaliinsa hin eegaliin dura odeeffannoo meetirolojii dabalatee, raaga aviyeeshiinii addaa ni argatu.
Yeroo sarara balaliinsaa isaanii karoorsanittis odeeffannoo kana qalbiidhaan qoratu.
Kana jechuunis fakkeenyaa, haala qilleensaa hamaa irraa goruu ni danda'u jechuudha. Haata'u malee, raafamni haala qilleensa qulqulluu keessaa jirurraa goruudhaaf baayyee rakkiisaadha, sababii adda hin baanef.
Xiyyaarrii sarara walfakkaataa irraa fulduraan balali'aa jiruu biraas raafama jiru kamuu ni gabaasa jedhu Aab Giraatoon.
Paayilatoonni naannoolee kanneen irraa gooruuf ykn dhiibbaa isaa hir'isuudhaaf saffiisa xiyyaaraa hir'isuuf yaalu.
Hojjattoonni xiyyaaraatiis raafama attamiin akka to'atan irratti ni leenji'u.
Imaltoonni nagaan akka turaniif maal gochu danda'u?
Imaltootaaf gorsi kennamu, akka saqqii hidhatanii turanii fi meeshaa ulfaataa tokkollee akka hin baanneedha.
Paayileetonni imaltoonni yeroo hunda akka saqqii hidhatanii taa'an gorsu, sababiin isaas yeroo hunda raafamni haala sirriidhaan tilmaamamuu waan hin dandeenyeef.
Raafamuun baayyataa jiraa?
Qorattoonni muraasni jijjiramni qilleensaa raafamni yeroo baayyee akka mudatu taasisuu dubbatu.
Bara darbe keessa, saayintistoonni Yunivarsiitii Riidiingi UK keessatti argaman, bara 1979 fi 2020 gidduutti, sarara Kaaba Atlaantiik idilee namoonni itti baay’atu irratti raafamni cimaan %55 dabaluu isaa himu.
Sababii Dabalaa kanaatis qilleensa ho’aa yaa'aa kaarbooniitiin, jijjiirama saffisa qilleensaa, olka’iinsa olaanaarratti dhufuun akka ta’e himu.
Guuy Giraatoon raafama caalaan nu mudataa akka jiru yaada kan dhiyeessan yoo ta'u, itti dabalunis, sababiin gara biraa saffiisaan balali'uu keenya ta'uu mala jedhan.
Kana jechuun samiin hojiin itti baay'ata jechuudha. Kana jechuunis, xiyyaarota naannoo sana jiran biroo irraa fageenya xiqqaa nageenya qabu eeguu waan qabaniif murtoon paayilatiin raafama irraa fagaachuuf murtee taasisuurratti rakkisaa ta'a.












