Paayilatoonni sa’aatii dheeraa oofan akka hin mugneef qoricha fudhatuu?

Xiyyaara

Madda suuraa, Getty Images

Mee sa’aatii meeqaaf xiyyaaraan balaliitanii beektu? Sa’aatii 2, 10 ykn 15 ykn isaan oliif? Sa’aatii dheeraaf yoo balaliitaan ni raftuu?

Tarii imaltoonni balalii sa’atii dheeraa irratti rafuu danda’u ta’a. Garuu balaliiftoonni ykn paayilatoonni hoo maal godhu?

Addunyaarratti sarara balalii dheeraadha jedhaman keessaa tokko kan Niiw Yoork irraa gara Siingaapooriitti taasifamudha.

Balaliin kunis sa’aatii 18.5 ykn guyyaa tokko guutuuf sa’aatii muraasa qofatu kan hafu jechuudha.

Tibbana dhimmi paayilatoonni osoo addaan hin kutiin sa’aatii dheeraaf balaliisuun isaaniifi dadhabbiin itti dhagahamu mata duree dubbii ta’eera.

Kanaafis ka’umsa kan ta’e ammoo erga balaliisaa fi gargaaraan xiyyaara Indoneeshiyaa tokko osoo qillensarra jiranuu rafanii argamuun gabaafameen booda ture.

Balaliin xiyyaara Indooneeshiyaa kunis ka’umsa ta’ulleen, dhimmi paayilatoota irriba ykn boqonnaa malee sa'aatii dheeraaf xiyyaara oofuun kun dhimma waggoota dheeraaf ijoo dubbii ta’eedha. Keessattuu dhaabbilee loltummaa keessatti dhimma baramaadha.

Kanaaf dhimmi kunis furmaata ajaa’ibsiisaa argateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tibba Waraanaa Addunyaa Lammaaffaatti balaliisaan Naazii tokko humna qilleensaa Biritaaniyaan rukutame kufe.

Kisii paayilatichaa keessatti qoricha onnachiisaa Meetaamfiitaamiin jedhamu argan. Qorichi yeroo sanatti irra jira bashannanaaf fayyidaarra oolfamu, namoota xiyyeeffannaan gadaanaa qabaniin faayidaarra oolfama.

Waraana Qilleensa Jarmaniitti paayilatoota dadhabaniif qoricha filatamaa ture. Bilisummaadhaan qoricha fudhachudhaafis waan danda’aniif maqaa masoo ‘‘soogiidda paayilatii’’ jedhu argatee turre.

Humni Gamtaa Biriteenoota hammatu balaliiftoonni xiyyaara waraana Jarman qoricha onnachiisaa kana ni fudhatu jedhanii shakkan illeen garuu sirriitti hin beekan ture.

Qorichicha qorannoof ergamuun osoo baayyeen hin turiin Ingilizoonni baayyee osoo hin turiin qorichicha osumaan oomishu eegalan.

Kana hordofuunis qorichi onnachiisaan kun baayinnaan raabfame. Awurooppaatti ergamawwan waraanaa hedduu halkan keessa raawwachuuf qorichi kun gumaacha olaanaa taasiseera.

Kun tibba jalqabaatti ture. Awurooppaatti waraanaa Galoo Galaanaa (Iraaqiifi Kuweeti) bara 1990-91 ture keessatti ammoo qorichi onnachiisaan biraa Deekstiroomeetaafetaamiin jedhamu baayyee faayidaarra oolaa ture.

Waraana Iraaqi Kuweetii ture irrattis balaliiftoonni jettii waraanaa haleellaa boombii irratti hirmaatan irra caalaan qoricha onnachiisaa fudhatu turan.

Qorichi kun ammas taanaan balaliiftoota waraana Ameerikaatti hojiirra ni oola. Ergamawwan waraanaa sa’aatii ykn guyyoota dheeraa fudhatan irratti balaliiftoonni dadhabbiin itti dhagahamuun akka balaaf hin saaxilamne jechuun qorichi kun tajaajila irra oola.

Haata’u malee qorichicha callisanii fudhachuun salphaa miti. Qorichonni kunneenis araada namatti ta’uu danda’u.

Baroota 1940mota kanneen haala malee itti fayyadaman hedduu turan. Bara dhiheenya keessa dhaabbileen waraanaa barbaacha filamaata gara biraa irratti argamu.

Tibba Waraana Addunyaa lammaffaattis balaliiftoonni humna qileensa Jarman qoricha Meetaamiifeetaamiin jedhaman fudhataa turan. Isaanis qoricha Modaafiinii jedhamu filatan ture.

Qoricha onnachiisaan Naarkooleepisii jedhamu kunis dhibee narvii dandeettii irriiba to’achuu miidhuu akkasumas guyyaarra ammo irriiba to’annoon olii wallaanuuf tajaajila irra kan oolee baroota 1970mota keessa ture.

Qorichi kun baayyee biratti beekkamtii argachuuf yeroo dheeraa hin fudhanne ture.

Akka hin rafneef gargaaruun alattis bu‘aalee gara biraatis qaba. Qorichichi yaaddachu fooyyeessuuf, hubannoo waliigalaa dabaluuf akkasumas keessattuu yeroo dadhabbiin cimaan namatti dhagahamuutti si’omina dabaluuf faayidaarra oola.

Moodaafiinii faayidaa hangasii qabaatulleen miidhaa maddii mataasaa qaba. Miidhaasaa keessaa dafqa, bowwoo mataa cimaa akkasumas waan hin jirree dhagahuufi arguu (illusion) mudachu mala.

Rakkoolee akkasii qabaatulleen, namoota si’omina barbaadaniif qoricha murteessaadha.

Qorannoo kanaan dura hojjatame tokkoon qorichichi namoonni hanga sa’aatii 64 si’ominaan akka hojjataniif ni taasisa. Kunis buna kubbaayyaa 20 dhuguun wal madaalsiise. Attamiin hojjataa? Maaliifis faayidaarra oolaa?

Qorichoota onnachiisoo miseensoonni humna qileensaa fudhatan keessaa

Paayilatoota jeettiiwwan waraanaa balaliisan gosa qoricha lamaa fudhatu. Isaanis ‘Go pills’ fi ‘No Go pills’ jedhamu.

Qorichoonni ‘Go pills’ onnachiisoo yoo ta’an sochii sirna narvii jidduugalaa dabalu.

Kanaafiidha qorichoota onnachiisoo Ameefetaamiin jedhamaniin maqaan ‘speed’ (saffiisa) jedhamu kan kennameef. Qorichi ‘no go pills’ kan jedhamu ammo kan saffiisa ergaa sammuu fi kutaa qaama keenyaa gara biraa keessaa akka hir’atu taasisaniidha.

Paayilatoonni yeroo si’omina sammuu olaanaadhaaf rafuun murteessaa wayita ta’uutti qorichoota kanneen fudhatu.

Haala akkasiistiin qaamni isaanii akka cimuufi irriibni akka isaan fudhatu taasisu.

Qorichi Moodaafiiniil jedhamu miseensoonni humna qilleensaa Siingaapoor, Hindi, Faransaayi, Neezarlaan fi Ameerikaa akka fudhataniif hayyama argachuun tajaajilarra oolfamaa jira.

Bara 2001tti waraanni Afgaan osoo hin eegaliin dura, ministeerri ittisa UK kuusaa Moodaafiiniil hedduu bituusaa The Guardian UK gabaasa qorannoo taasiseen saaxileera.

Xiyyaara waraanaa

Madda suuraa, Getty Images

Akkasumas ministeerri ittisaa waraana Iraaqi bara 2002 dura qoricha kana ajajeera. Yeroo sanattis Ejansiin qorannoofi qu’annoo ittisaa qorichota irratti yaalii taasisuulleen, balaliistoota humna qilleensaa irratti hojiirra hin oolfamne ture jedhameera.

Ta’us, paayilatoonni humna qilleensichaa qorichiita onnachiisoo kanneen fudatanis ergamanwwan waraanaa dhibbaan lakkaa’aman irratti hirmaataniiru.

Paayilatoonni jeettiiwwan waraanaa qiyyeeffannaa yaaddoodha jedhaman adda baasuufiis ta’e, tarkaanfii fudhachuudhaaf murteessuuf sakandoota muraasa qofaa qabu.

Dadhabbiin kan itti dhagahamu yoo ta’e ammo salphaatti du’aaf saaxilamu danda’u.

Balaliiftoonni waraanoota cicimoo ykn ergama waraanaatiif qofaa osoo hin taane, irriba dhabuun ni rakkatu. Balaliin dheeraafi nufisiioon paayilatootaaf rakkisoodha.

Haalawwan saffiisaa ta’an keessatti qaamni ofiisaatiin waan onnachiisuu (adrenalin) jedhamu maddisiisa. Kunis yeroo gabaabaaf ta’ulleen si’omina dabaluudhaan miira dadhabbii ni hir’isa.

Gama biraatiin ammo ergamniwwna sochii baayyee hin qabne nuffisiisaa waan ta’aniif miira dadhabbii umuu danda’a.

Xiyyaarri Airbus A320 jedhmu tokko baruma kana keessa imaltoota fi hojjattoota xiyyaaraa 153 qabatee magaala guddoo Indooneeshiaa Jaakaartaa irraa gara magaalaa Sulaaweesiitti balalii’u eegale.

Paayilatiin mummeenis gargaaraasaatiin xiqqoo muguuf waan ta’ef itti gaafatamummaa guutuu fudhadhu jedhaan. Balaliisaa gargaaraanis waliigale. Haata’u malee waan hin eegamne mudate.

Gabaasa dhiheenya kan Koreen Geejiba Biyyaaleessa Indoonishaa baaseen, xiyyaarichi daqiiqaawwan 28’f paayilatoo malee ture jedhe. Balaliiftoonni lamaanu mudganii ture.

Taateen kunis kan gaaffiiwwan biyyaaleessaa kaaseefi keessattuu rakkoo dadhabbii olaanaa paayilatoota balaliinsa daldalaa irra hijjatanii kan ifa baase ture.

‘‘Waggoota muraasaan dura paayilatoonni haaraan waraanaa yaaliirra turan, ergama wayita xumuraniitti dadhabbii ittisuudhaaf bunni gahaa akka hin taanee komiisaanii ibsanii turan’’ jedhan Leetanaa Koolaneen Yaaraa Wiingeelaar Jaagti, Ministeera Ittisa Neezarlaandiitti ittigaafatamaan kutaa wallaansa Aerospace.

Itti dabalunis, ‘‘waan gara biraa balaliinsa irratti akka si’omanii turan gargaaru barbaadaa turan’’ jedhan.

Modaafiiniil filamaata akka ta’e baruudhaaf yaalii gageessaniiru ture.

Tola ooltoonni miseensoonni humna qilleensa Royaal Neezarlaandi ta’an sa’aatii 17f akka hin rafne taasifame.

Achumaanis Moodaafiiniil, Kaafeeyiin (buna) ykn pilaaseeboo akka fudahtan taasifame. Si’ominaafi haalli irribasaanii yoo xinxalamu kaafeeyiinii fi moodaafiiniil bu’aa qabeessa ta’un irra gahamulleen modaafiiniil yeroo dheeraaf turuudhaan bu’aa qabeessa ta’u yaaliichi agarsiiseera.

Halkan guutuu osoo hin rafiin turee moodaafiiniil erga fudhataniin booda osoo hin rafiin guyyaa ittaanu biraa hojjachu akka danda’an itti dhagahamee akka ture ibsu.

‘‘Modaafiiniil waan fudhataniif miirri dadhabbii hir’isuun caalaa si’omaa akka ta’an taasiisuun dhagahameera’’ jedhu Leetanaal koleeneel Yaaraa.

Waraanaa keessatti irriiba dhabuudhaan kan rakkatan paayilatoota qofaa miti. Akkuma balaliiftootaa kanneen ergama waraanaa irratti kanneen hilikoptaroota balaliisaniifi kanneen meeshaa fa’anis irribaa malee dadhabiidhaan hojiisaanii raawwatu.

Akkasumas to’attoonni tiraafika qilleensaa kanneen xiyyaara waraanaa deeggaranis akkasuma irriba dhabu.

Xiyyaara lafatti siqee imalu

Madda suuraa, Getty Images

Murtee rakkisaa qoricha onnachiisaa fudhachuu

Qoricha akka moodaafiiniil paayiilatootaa fi hojjattoota waraanaatiif kennuun salphaa miti.

Qorichoota onnachiisoo kanneenii wal qabatees gaaffiileen naamusaafi seeraa cimaan ka’an jiru.

Hojjataan balalii waraanaa tokko qoricha onnachiisaa ergamsaatiin barbaachisaa ta’ee argame fudhachuuf yoo hayyamamaa ta’u baate hoo maaltu ta’a? gaaffiin jedhu tokko.

Kanaafis humni qilleensaa Kaanaadaa fakkeenya. Kaanaadaatti namni tokko qoricha akka fudhatuuf dirqisiisuun seeraan hin deeggaramu. Garuu ammo hojjattoonni waraanaa ergama itti kenname hojjatanii haala milkaa’een raawwachuuf dirqama seeraa qabu.

Kanaafuu hojjattoonni humna qilleensaa qoricha i=onnachiisu fudhachuuf didan illeen garuu sababii dadhabii ykn irribaatiin ergamsaanii irratti qaawwi kamuu mul’achu hin qabaatu. Ergamsaanii haalan bahu qabaatu.

Balaliiftoonni kunneen yoo akka tsaa irribni qabee rakkoon mudate lubbuu namoota hedduu dabalate xiyyaaroota doolaara miiliyoonaan bitaman galaafachu danda’u.

‘‘Humna qilleensa Neezarlaandi Rooyaal namoonni qoricha onnachiisaa akka fudhataniif dirqiisiisuu dhiisuun dhimma bu’uraati’’ jedhan Wiingeelaar Jaagiir.

“Qorichoota kenneen fudachu dhiisuunsaanii fallaa dadhabbii saanii ta’u danda’a. Garuu dadhabbiisaanii guutuummaan hin badu. Kanaaf, dadhabiisaanii hambisuuf yeroo hojii dabalate dhimmoon xiyyeeffannoon kennamuuf qabaatan biraa jiru’’ jedhu.

Fakkeenyaaf balaliiwwaniifi ergamni halkan taasifaman hangam barbaachisaadha kan jedhu gaafachuu barbaachisa jedhu Wiingalaar Jaagti.

Ergamawwan waraanaa tokko tokko hambisuun gonkumaa dadhabamulleen, garuu kaan ilaaluun akka barbaachisu dubbatu.

Qorichoonni kunneenis akkuma kaanii dhiibbaa maddii qaama ykn sammuu irratti qabaachu malu. Qorannoowwan hedduun akka mirkaneessaniitti qorichoonni kunneen murteesaaniitti garmalee akka amanan taasisan.

Kun ammo balaliiftoonni xiyyaara waraanaa sa’aatiin km 1,915 ol balalii’an haala salphaatti du’aaf akka saaxilaman taasisu danda’a.

Naaziiwwan tibba waraana addunyaa lammaffaatti balaliiftootaaf qoricha onnachiisaa kennuun rakkoon wal fakkaataan mudate ture.

Bara 1940 tibba waqxii arfaasaafi bonaa qofaatti kiniiniin meetaamfiitaamiin miiliyoona 35 hojjattoota waraanaatiif raabsamee ture.

Ta’us balaliiftoonni xiyyaara waraanaa qorichoota kanneen fudhatan ergamnisaanii milkaa’adha jedhamanii amanan illeen, dhugaansaa garuu sanarraa kan fagaateedha.

Olee bulee qorichoonni kunneen yaaddoon balaa hordofsiisu jedhu umani. Qorichi onnachiisaa Modaafiiniil araada qabsiisuu danda’u.

Qorichoonni kunneen balaliiftoonni humna qilleensaatiin alatti bara 2000 keessa barattoota halkan guutuu ciminaan qo’achu barbaadaniif akkasumas hojjatoota daangaan yeroo kaa’ameen baramaadha.

Xiyyaara waraanaa

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Balaliiftoonni xiyyaara daldalaa hoo?

Paayilatoonni xiyyaara daldalaas yeroon hojiisaanii kan balaliiftoota waraanaa caalaa to’annoon irratti ni taasifama.

Ta’us dadhabbuu dandamachuudhaan waggaan sa’aatii 1,000 samii irratti dabarsu dana’u. Bara darbe qorannoo balaliistoota 6,900 hirmaachisuun hojjatame tokkoon, kanneen %72.9 ta’an erga shiftiisaanii xumuraniin booda dadhabiisaaniirraa bayyanachuuf boqonnaa gahaa akka hin qabne itti dhagahama.

Paayilatoonni harka sadii afur ta’an ammo hojiirra ta’anii muganii akka beekan ibsan.

Leetanaal Kooleeneel Wiinglaar, ‘‘paayilatoonni halkan guutuu akka imalan barbaadna? Ykn balaliiftoonni nama akka ta’aniifi hir’ina mataasaanii akka qaban fudhachu wayya? Namni hundi hundi irriiba akka barbaachisu fi boqonnaan akka isaan barbaachisu hubachuun barbaachisaadha’’ jedhu.

Paayilatootaan alattis qorichoonni kunneen hojjattoota kunuunsa balaa tasaa ykn balaa ibiddaa sa’aatii dheeraaf hojjatanifis bu’aa qabaachu akka danda’u kaasu.

‘‘Oggeessoonni kunneen dadhabbiin kan itti dhagahamaa jiru ta’ulleen, hojii dogongorarraa bilisa ta’e hojjachuutu irraa eegama’’ jechuun dubbatu.

Qorannoon tokko akka mul’iseetti, doktaroonni halkan guutuu tajaajila wallaansaa kannee turan haala fooyya’een hojiisaanii raawwachu danda’aniiru.

Oggeessoonni fayyaa qoricha onnachiisaa Modaafiiliin fudhatan kunneen, hojiisaanii karooraan raawwachuu, dandeettii yaadachuusaaniif, rakoolee furuudhaan akkasumas of eeggannoodhaan murteewwan raawwachuun caalaa bu’a qabeessa turan jedhameera.

Haata’u malee, gaaffii naamuusaa balaliiftoonni waraanaa akkuma, oggeessoonni fayyaas qorichoota onnichiisa kanneen akka fudhataniif dhiibbaa isaan irratti taasifamu danda’a jedhan ni ka’a.