Ameerikaatti barattoonni lammii Filisxeem sadii itti dhukaafamuun miidhaman

Maatiin barattoota Filisxeem gaafa Sanbataa Ameerikaa, naannoo Yunivarsiitii Vermoont'tti itti dhukaafamee, poolisiin haleellaa irratti raawwate yakka jibbinsaan akka qoratu gaaafatan.

Hishaam Awaartaanii, Taahisiin Ahimadiifi Kinnaan Abdalhamiid dhihoo mooraa Vermoont, Barlintanitti nama fuulaafi fuula atakaaroo isaan qabee tureen itti dhukaafamee jedhe poolisiin.

Poolisiin sababiin haleellaa irratti raawwate qorachaa akka jiru himus, tahus yeroo haleelamanitti kooffiyaah fi guuftaa aadaa isaanii uffatanii afaan Arabaa haasa'aa turan jedhe.

Poolisiin shakkamaa barbaachutti jira.

Hogganaan poolisii Barlintan Joon Muuraa barattoonni lama haala tasgabbaa'aa irra jiru, barataan tokko akkaan madaa'eera jedhan.

Barattoonni sadeen barumsa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa mana barumsaa dhuunfaa Weest Baankitti argamu Ramallah Friends School tti baratan jedhan maatiin.

Kooleejiin Haaverfoord Abdalhaamiid barataa kooleejichaa akka tahe yoo himu, baratoonni lameen kaan immoo Yunivarsiitii Biraawuniifi Kooleejii Tiriiniitii Keentaakitti akka baratan himameera.

Eesumani barattoota kanaa Riich Piraayis, jarri sadeen guyyaa dhalootaa daa'ima isaa waggaa 8 hirmaachuuf naannicha akka deeman hime.

''Ollaa maatii keenyaa kana keessatti waan akkasii uumama jennee takka hin yaadne,'' jedhe.

''Mana keenyaa bahanii daqiiqaa shan gidduutti konkolaataan poolisii iyyuu jalqabnaan, wayiituu uumame jenne baane''

''Mucaa obboleettii koofi hiryyootasaati jennee hin yaadne ture.''

Maatiin barattoota kanaa, ''seera raawwachiiftoonni qorannoo taasiisan yakka jibbinsaan akka qoratan gaafanna,'' jedhan

''Hamma namni itti dhukaase seeratti dhiyaatutti boqonnaa hin qabnu'' jedhan.

Gumiin Dhimmoota Islaamaa Ameerikaa, nama odeeffannoo shakkamaa kanaa kenneef badhaasa doolaara 10,000 nan kenna jedheera.

Haleellaan kuni US keessatti waraana Israa'el Hamaas as qoccollaa onlaayinii dabaltee yeroo jibbi Islaamaa fi warra Seemii dabalaa jirutti mudate.

Seenaatariin Veermoont, kaadhimamaan pireezidaantummaa Baarnii Saandars haleellaa uumame kana X irratti balaaleffataniiru.

''Barattoonni lammii Paalastaayinii Barliinitan keessatti itti dhukaafamuun baayyee kan rifaasisuu fi gaddisiisaa dha. Jibbi eessattiyyuu iddoo hin qabu.'' jedhan.

UK'tti hogganaan Ergama Lammiilee Filisxeem Ambaasaadar Husaam Zomolot, suuraa barattoota sadeem maxxansuun, ''jibbi Fiilixeemota irratti raawwatu dhaabbachuu qaba,'' jedhan.