Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Harkifannaa muddamaan guutame booda Hamaas namoota butaman gadhiise
Gareen lammiilee Israa'el marsaa lammataan Hamaas sa'aatii muraasaaf boodatti harkifachuun gaafa Sanbataa gadhiise maatii biratti yaaddoo uumee ture.
Akka waraanni Israa'el jedhutti lammiileen Israa'el 13 Gaazaarraa gadhiifamaniiru, geeddaraadhaanis lammiileen Filisxeem Israa'eliin West Baankitti hidhamanii turan 39 gadhiifamaniiru. Hamaasillee akkasuma lammiilee Taayi butee ture afur gadhiiseera.
Dhukaasa dhaabuu guyyaa afurii giddugaltummaa Kataariin hojiirra ooleen namoota marsaa jalqabaa gadhiisisuun Jimaata haala si'ataa taheen raawwate.
Mariin atattamaa barbaachisuu gadhiifamuu namootaa Sanbata raawwachuu qaburratti dhiibbaa uumeera.
Lammiileen Israa'el kaleessa waaree booda sa'aatii 10:00 irratti Dhaabbata Fannoo Diimaaf daangaa Masrii irratti dabarfamanii kennamuun irra jiraata ture.
Tuutni hidhataan Hamaas, Birgeediin Qasaam dhimma deeggarsaa Gaazaa gahuu qaburrattiifi ulaagaa lammiilee Filisxeem gadhiisuurratti rakkoon jiraachuu himachuun danqaa kanaaf sababa jedha. Israa'el waliigaltee qaama lameenii diiguu ni haalti.
Gaafa Sanbataa galgala namoonni 50,000 tahan Teel Aviivitti hiriira bahuun, dhaadannoo ''mana isaaniitti nuu deebisaa'' jedhuun sagalee dhageessisaa turan.
Dubbi-himaan Hamaas Osaamaa Hamdaan konkolaataawwan deeggarsaa 340 gaafa Jimaataa Gaazaa gahan keessaa 65 qofatu kaabaa Gaazaa qaqqabe jedhe. Kunimmoo waan Israa'el waliigalte keessaa harka walakkaadha.
Israa'el gamasheen garri kaabaa zoonii waraanaa waan taheef, itti gaafatamummaan deeggarsa qaqqabsiisuu kan UN'ti jetti.
Boodarra garuu qondaalli Filisxeem haasaa qaamota lameenii itti dhiyeenyaan hordofu, waliigalticharratti ibsi rakkoo qabu kuni Kataariin furmaata argateera jedhe.
Hamaas, ''Masrii fi Kataar Israa'el yeroof dhukaasa dhaabuu akka itti fuftu gochuuf hojjechaa jiraachuu irratti galateeffateera.''
Waliigaltee taasifameen dubartootaa fi ijoollee dabalatee lammiileen Israa'el butaman 50 geeddaraa hidhamtoota lammiilee Filisxeem 150'n akka gadhiifaman jedha.
Mootummaan Israa'el guyyaatti lammiileen Israa'el 10 hammuma gadhiifaman dhukaasa dhaabuun guyyaa tokkoon dheerachaa adeema jechuun, haa tahu malee Hamaas haaxaa'ee balleessuuf kakachuun dhukaasa dhaabuun kuni yeroofi jedheera.
Akka Israa'el jettutti Hamaas Onkololeessa 7 kibba Israa'elii namoota 240 kan bute yoo tahu, namoota nagaa 1,200 ammoo ajjeeseera.
Garee hidhataa Islaamaa Hamaas Ameerikaa, UK fi US'n ''shororkeessaa'' jedhamuun labsameera.
Onkololeessa 7 qabee deebii Israa'el kennaa jirtuun Gaazaa akka malee haleelaa jirti.
Hamaas akka jedhutti daa'imman dabalatee hamma yoonaa namoonni 15,000 lubbuun darbeera. Bulchiinsa kana keessa deeggarsi nyaataa, bishaaniifi meeshaalee qulqullinaa akka malee barbaachisa.