Gaazatti walii galteen waraana dhaabuu yoo dhumu lammiilee Gaazaa maaltu eeggata?

Duulli waraanaa Israa'el Gaazatti gaggeessitu amma gulantaa dhumaarra waan gahe fakkaata.

Namoota butaman gadi lakkisiisufi deeggarsi namoomaa Gaazaa akka seenuf guyyaa afuriif walii galteen waraana dhaabuu taasifame gaafa dhumu Israa'el duula Gaazaa guutummaatti to'achuu akka itti fuftu qondaalonni waraanaa Israa'el ibsaa turan.

Kana booda Israa'el Gaazaa to'achuuf torban tokkoo akka guyyaa 10 akka itti fudhatu himu qondaalonni waraanaa biyyattii.

Gaaffin jiru, waraanni Israa'el Kibba Gaazatti gaafa fuulleffate maaltu ta'a kan jedhuudha.

Muummeen Ministeeraa Israa'el Beniyaamin Netanaahon, Hamaas eessayyuu haa jiraatuu ni balleessina jedhanii dhaadataniiru.

Gaggeessitoonni Hamaas kanneen akka Yaahyaa Siinwar fi Mohaammad Daa'if Kibba Gaazaa keessa loltootasaanii kumaan lakkaa'amaniin marfamanii bakka ta'e jiru jettee yaaddi Israa'el.

Akkasumas lammiilen Israa'el butamanis heddu Kibba Gaazaa keessa jiraachuu akka hin oolle amanti.

Israa'el waan Kaaba Gaazatti raawwatte Kibba Gaazattis yoo irra deebite, biyyoonni Lixaa kanneen akka US Israa'el bira dhaabbachuu itti fufu moo ni dhiisu kan jedhu gaaffii biraati.

Kanneen Kaaba Gaazatii baqatanii dhaqan dabalatee Kibba Gaazaa bakka dhiphaa ta'e keessaa namoonni miliyeena 2.2 ta'an walitti rukkatanii jirataa jiru.

Isayyuu hedduunsaanii sababa waraana kanaan iddoo bultiiyyuu hin qaban.

Israa'el duula waraanaa bakka gaggeessitoonni Hamaas dhokatan jettu Kibba Gaazatti eegalti taanan, haalli namoomaa kan duraanuu hamaa ture baay'ee yaaddoo keessa galcha.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Ejansiin Deeggarsa Namoomaa Filisxeem akka beeksisetti, erga Onkoloolessa 7 waraanni eegalee as Gaazaa keessatti lammiilen miliyeena 1.7 qe'eerraa buqqa'aniiru.

Hedduunsaanii Kibba Gaazaatti walitti tuucha'anii jiraatu. Namoonni heddu manneen barnootaa, hospitaalota fa'aa keessa dahatanii jiru waan ta'eef haalli namoomaa achi jiru hamaa ta'uu dubbatu qondaalonni UN.

Naannichatti roobi jiraachun ammoo lolaa uumun jiruu baqattootaa duraanuu hamaa ture, caalmatti hammeessera.

Israa'el torbanootaf lammiilen Filisxeem Kibba Gaazaa daangaa Masirii jiruufi al-Mawasi jedhamutti akka baqatanii qubatan himaa turte.

Torbee darbe ammoo Kibba Gaazaa kaampii baqattootaa Khaan Yuunisitti waraqaa raabsaa turte Israa'el. Kunis haleellaan qilleensaa waan jiraatuf "gara qarqara galaanaa iddoo al-Mawasi jedhamuutti baqadhaa" kan jedhuudha.

Gaaffin garuu namoonni miliyeena tokkoo ol akkamitti lafa dhiphaa kana keessa qubatu kan jedhuudha.

Bakki Israa'el namootan itti baqadhaa jettuun, al-Mawasi, bal'ina 2.5km fi 4km qofaa kan dheerattuudha.

Jiraattonni Gaazaa hedduunsaanii maatinsaanii bara 1948tti Israa'elin kan buqqa'aniifi dunkaana keessa jiraataa turaniidha.

Gaazaa keessa kaampii baqattootaa saddeetitu jira. Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii sababa waraana kanaan [al-Mawasitti] kaampii biraa Gaazaa keessatti hundeessuuf itti gaafatamummaa fudhachuu hin fedhu.

Israa'el garuu lammiilen Gaazaa kun kaampii Khaan Yuunisii bakka itti baqadhaa jetteen, al-Mawaasii, geessufi qubachiisun itti gaafatamummaa dhaabbilee deeggarsa namoomaa akka ta'e ibsiti.

US ammoo Gaazaa keessatti bakka dabalataa haleellaa Israa'el irraa bilisa ta'u akka jiraatuf Israa'el wajjin dubbachuu ittan fufa jette.

Walii galteen waraana dhaabuu guyyaa afuriif Israa'elifi Hamaas taasisan, namoota butaman gadi lakkisuu qofa osoo hin taane, guyyatti deeggarsi namoomaa konkolaataa 200 ta'u Gaazaa akka seenus kan jedhuudha.

Haa ta'u garuu, yaada lammiilee Filisxeem bakka biraa qubsiisuu jedhu ejansiiwwan UN lakkoofsan 18 ta'aniifi deeggarsa namoomaa uummata Filisxeemif kennuuf dhiyeessan ibsa gaafa Sadaasa 16 baasaniin yaada Israa'el qophaashee dhiyeessite kana kufaa godhaniiru.

"Osoo qaamoleen hundi [UN, Israa'el, Hamaas, Bulchiinsa Filisxeem Weest Baank jiru] irratti walii hin galin 'zoonii haleellarraa bilisa ta'e' hundeessuu keessatti hin hirmaannu," jedha ibsi kun.

Daayirektara walii galaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan ta'an Dr. Tewodiroos Gabrayesuus kanneen ejansiiwwan UN ibsa bahe kana mallatteessan yaada Israa'el dhiyeessite kana balaa guddaa akka uumu dubbatan.

"Namoota hamma kana lafa dhiphoo taatefi bu'uraalen hin jirretti akka walitti tuulamanii jiraatan gochuun kanneen duraanuu haala hamaa keessa jiran rakkoo fayyaa hamaaf saaxiluudha," jedhan Dr. Tewodiroos.

Israa'el kaampii Khaan Yuunis keessa hidhattoota Hamaastu lammiilee nagaa gidduu jira jettee waan yaadduf lammiilen achii bakka biraatti akka godaanan feeti.

Isoo haleellaa hin gaggeessin lammiilen nagaan akka baqatan dursitee himuunshee lammiilee nagaaf yaaduu akka ta'eefi seera idil-addunyaaf bitamuushee akka agarsiisu himti.

Ji'oota dhufanitti Israa'el akkuma jette Kibba Gaazatti xiyyeeffachuun haleellaa kan gaggeessitu yoo ta'e, lammiilen Gaazaa duraanuu buqqa'anii jiraniifi dabalataan buqqa'uuf jiran, waktii roobafi qorraa as adeemaa jiruun wal-qabatee haala rakkisaa keessa kan isaan galchu ta'a.

Kuni ammoo biyyoota Lixaa amma Israa'elif deeggarsa kennan dabalatee Israa'el irratti dhiibbaa gaggeessunsaanii waan hin hafneedha jedhama.

Naannoo baay'ee dhiphaafi uummanni heddu walitti baay'atee jiraatu, Kibba Gaazaa, keessatti duula lafoo gaggeessuun namoonni heddu dabalataan akka du'aniifi heddu qe'eesaanirraa akka buqqa'aniif caalmatti karaa bana jechuun ammayyuu qondaalonni biyyoota Lixaa dubbataa jiru.

Waktiin roobafi qorraa dhufaa jiraachufi Israa'el ammoo Hamaas balleessun qaba jettee duula jalqabde gara Kibba Gaazatti babal'isuuf qophaa'aa jiraachunshee kan kana duraa caala halli rakkisaan lammiilee Gaazaa dura jiraachuu agarsiistuu cimaadha.