Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ministirri Muummee UK haaraa Rishii Sunaak eenyu?
Rishii Sunaak kanaan duras Ministira Maallaqaa UK kan turan yoo ta'u, ammammoo Ministira Muummee UK ta'un muudamaniiru.
Barana marroo lammataaf Ministiraa Muummee biyyattii ta'uuf erga dorgomanii booda milkaa'anii filataman.
Sunaak, Fulbaana darbe Ministira Muummee duraan Liiz Tiraas waliin dorgomanii kan injifataman yoo ta'u, Tiraas garuu otoo hin turiin torbanoota ja'a booda aangoo gadhiisan.
Aab Sunaak dorgommii Ministira Muummee tibbanaarratti miseenstota paarlaamaarraa dursanii deeggarsa saffisaan argatan.
Otoo yeroon filannoo hin goolabamiin miseensota paarlamaa kanneen Tiraas ykn Booris Joonsan deeggaraa turanirraa otoo hin hafiin deeggarsa argatan.
Rishii Sunaak, kanaan dura rakkiinni gama faayinaansi bulchiinsa Ministira Muummee Tiraas keessatti akka mudatu raagee ture.
Dorgommii Ministira Muummee kanaan dura gaggeeffamee turerratti Liiz Tiraas waliin otoo walii hin galiin hafan.
Sunaak wayita qaala'insi jireenyaa hammaate kanatti Tiraas maallaqa liqeeffachuuf karoorsiteetti, liqiin kun dinagdee ittuu raasa jechuun Sunaak morman.
Sunaak ilma maatii baqattoota UK seenan irraa dhalatedha.
Maatiin isaa Baha Afrikaa, Keeniyaarraa ka'uun gara UK kan seenan yoo ta'u, haatiif abbaan Sunaak dhalattota Indiyaati. Abbaan Sunaak dhalatee kan guddate Keeniyaatti yoo ta'u, haati Sunaak ammoo Taanzaaniyatti dhalatan.
Akaakayyuuwwan isaa garuu Indiyaa, kutaa bulchiinsa Pujaab jedhamutti yoo ta'u, maatii isaanii wajjiin Baha Afrikaarraa gara Uktti bara 1960 godaanan.
Sana booda Aab Sunaak bara 1980tti UK Sawuzaamtanitti dhalatan, abbaan Sunaak hakiima waliigalaati. Haati Sunaak immoo faarmaasii ofii qabdi.
Amma garuu UK tti Ministira Muummee hidda dhaloota Eeshiyaa qaban kan jalqabaa ta'uuf jiru Aab Sunaak.
Sunaak mana barnootaa dhuunfaa Kolleejjii Wiinchister barate- sana booda reestorantii keessattillee keessuummeessaa ta'ee Saawuzamtanitti ganna ganna hojjate.
Sanatti aansuun Oksfoorditti falaasama, siyaasaa fi dingadee barate.
Wayita Yuunvarsitii Istanfoorditti baratu haadha warraa isaa Aadde Murtii wajjin wal bare.
Haatii warraan isaa Akishataa Murtii, intaa biliyeenara Indyaa Narayanaa Murtiiti
Murtiin-intala biliyeenara Indiyaa fi hundeessaa dhaabbata tajaajila IT kennu guddicha tokkooti.
Rishii Sunaak fi haati warraan isaa sana booda ijoollee lama horatan.
Aab Sunaak ganna torban darban Miseensa Paarlamaa UK ta'uun tajaajilaniiru. Aab Sunaak miseensa paarlamaa ta'uun kan filataman bara 2015tti yoo ta'u, Riichmoond, Kaaba Yookshir bakka bu'anii filataman.
Saffisaan beekamaa deemuun bara 2020 bulchiinsa Booris Jonsan keessa Ministeera Faayinaansii UK ta'an.
Aab Sunaak wayita weerarrii koronavaayirasii hammatetti deeggarsi maallaqaa uggura sochiin walqabate akka kennamu taasisaniiru.
Rishii Sunaak miseensota paarlaamaa UK keessa warreen dureeyyii keessatti nama eeramanidha.
Barruun The Sunday Time' jedhamu maati Aab Sunaak tarree dureeyyirratti kan maqaa isaanii tarreesse yoo ta'u, qabeenya Paawundii miliyoona 700 fi miliyoona 30 qabu jedheera.