Rishii Sunaak Ministira Muummee UK jalqabaa hidda dhaloota Eeshiyaa qaban ta'uufi

Rishii Sunaak nama dhaloota Eeshiyaa qaban jalqabaa Ministira Muummee UK ta'uf deeman ta'an.

Sunaak guyyaa har'aa Dura Taa'aa Paartii Konservaativii ta'un filamaniiru. Kan paartii hoogganu, kallattiin biyya bulcha.

Kanneen dorgommiif eegaman keessaa tokko kan turan Penny Mordaunt deeggarsa gahaa erga dhabanii booda dorgommii keessaa of baasaniiru.

Eegasiis Sunaak tumsan.

Ministirri Muummee duraanii Booris Joonsan dursaa paartii ta'uf akka dorgoman erga ibsamee booda dhiisun ni yaadatama.

Qofaa isaanii paarticha hoogganuuf dorgommiif kan dhihaatan Rishii Sunaak Liiz Tiras bakka bu'un biyyattii bulchu.

Sunaak torban torba dura dura taa'aa paartii Konservaativii ta'uf dorgomanii Liiz Tirasiin mo'amani.

Obbo Sunaak, 42, ministira muummee umriin dargaggoodha. Waggoota 200 ol keessatti nami umrii kanaan aangotti bahe hin jiru.

Ministirri Muummee haaraa guyyoota muraasa itti aananitti hojii eegalu jedhamee eegama.

Liiz Tiraas guyyoota 45'f Ministira Muummee ta'un erga tajaajilanii booda torban darbe aangoo kan gadhiisan.

Haa ta'u malee, aangootti dhufuun Rishii Sunaak kuni yeroo biyyattiin rakkoo diinagdeen raafamaa jirtuttidha.

Paartiileen mormituu Rishii Sunaak ministira muummee ta’u hin danda’an jechuun filannoon waliigalaa akka taasifamu gaafataa jiru.

Filannoon waliigalaa yoo xiqqaate bara 2024 dura hin taasifamu.