Bulchaan duraanii Giinii namoota hidhataniin mana-hidhaatii miliqfaman

Muusaa Daadis Kamaaraa

Madda suuraa, AFP

Bulchaan duraanii Giinii, Muusaa Daadis Kamaaraa, namoota qawwee hidhataniin mana-hidhaatii miliqfamuu ministeerri haqaa biyyattii himeera.

Gareen hidhate kun mana-hidhaa magaalaa guddoo biyyattii, Konaakiree keessatti argamu Sambata ganamaan cabsanii seenuun Muusaa Kamaaraafi naoota biroo sadii hidhaatii baasan. Isaan keessaa tokko tokko qabameera.

Dursaan bulchiinsa waraanaa mana-hidhaatii miliqe kun mormii bara 2009 ture keessatti ajjeechaa namoota 150 olii ture keessaa gahee qaba jedhamuun himanni irratti banameera.

Aanga'oonni biyyattii nama mana-hidhaatii miliqfame kana barbaadaa wayita jiranitti daangaawwan biyyattii cufamaniiru.

Ministirri Haqaa Giinii, Chaarles Alfoonse Raayit, aanga'aan duraanii biyyattii kun mana-hidhaatii miliquu Sambata raadiyoorratti beeksisan.

"Amma isaan argina. Warri [miliqsuusaa keessatti gahee qaban itti gaafaamuuf jiru," jedhan.

Osoo lafti hin bari'iin dura Konaakiree keessatti dhukaasni qawwee dhaga'amaa tureera. Wiirtuun magaalattii dalleeffamee konkolaataawwan loltootaa daandiirra yeroo marsan nimul'atu.

Namoota mana-hidhaatii miliqfaman biroo keessaa tokko Koloneel Kilaawudee Piivii, ministira duraanii mootummaa ajjeechaa Fulbaana 28, 2009 istaadiyeemii Konkaakiree keessatti raawwatame keessaa harka qaba jedhamuun himatame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo sanatti namoota bulchiinsa waraanaa morman keessaa 157 haleellaa loltoonni irratti raawwataniin ajjeefaman. Namoota mormiirratti ajjeefamaniin alatti dubartoonni yakki dirqamaan gudeeduu irratti raawwatamee ture.

Koloneel Piivii, Kaappiteen Kamaaraafi aanga'oonni duraanii sagal biroon ajjeechaa ture sanaan shakkaman gocha kana hin raawwanne jechuun waakkataniiru.

Kaappiteen Kamaaraan yakkawwan uumaman jedhame keessatti gahee loltoota ajajuu qabaachuu isaatiin himatame. Haata'u malee, osoo baayyee hin turiin yakka Konaakireetti mudateefi yaalii ajjeechaa isaan booda tureen biyyaa baqatee ture.

Muusaa Kamaaraan bara 2008 yeroo pirezidantiin biyyattii yeroo dheeraaf turan Lansaanaa Kontee boqochuu hordofee ture kan aangoo qabate.

Gaheessi waggaa 59 kan ta'e Kamaraan mana murtiitti dhiyaachuuf Fulbaana 2022 bakka jiraataa ture Burkinaa Faasootii biyyatti deebiye.

Guinea is currently under military rule, one of several former French colonies in West and Central Africa that have staged coups in the past three years.

Giiniin yeroo ammaa kana bulchiinsa waraanaa jala jirti. Giiniin biyyoota Afrikaa Lixaa kolonii Faransaay jala turan keessaa tokkodha. Biyya kanatti waggoota sadan darban keessa fonqolcha mootummaa gaggeefamaniiru. Fonqolchi mootummaa dhiyeenya biyyattiitti gaggeeffame bara 2021 yoo ta'u, Koloneel Mammadii Kombooyaatu Pirezidant Alfaa Kodeetti loltoota kakaasuun isa kuffiise.