US yeroo jalqabaaf dubartii ajajjuu Humna Galaanaa gochuun muudde

Madda suuraa, US NAVY
Ameerikaan yeroo jalqabaaf dubartii ajajjuu Humna Galaanaa US gochuun muudde.
Dubartiin yeroo jalqabaaf ajajjuu Humna Galaanaa US taatee muudamte kun, Amiiral Liisaa Firaancheetii yoo jedhamtu, seeneetiin biyyattiis muudama kana mirkaneessera.
Ajajaa Humna Galaanaa ta'uunshee waan mirkanaa'ef qondaaltota waraanaa olaanoo Ameerikaa keessaa tokko ta'uun garee Ajajoota Waraanaa Olaanoo (Joint Chiefs of Staff)tti makamtee jirti.
Ajajoonni Waraanaa Olaanon kun dhimmoota waraanafi nageenyan wal-qabatan irratti pirezidaantii Ameerikaaf kanneen gorsa laataniidha.
Muudamni Liisaa sagalee deeggarsaa 95 fi mormii tokkoon kan ragga'e yoo ta'u, senaatariin paartii Rippaabilikii tokko muudamashee mormaniiru.
Dubartiin qondaala waraanaa olaaanaa US ta'uun muudaman kun kanaan duras gulantaa garaa garaatiin waraana biyyattii keessatti tajaajilaa turan.
Kooriyaa Kibbaa keessatti ajajaa Humna Galaanaa US kan Kooriyaa Kibbaa- keessa jiruu ta'uun tajaajijlaniiru.
Akkasumas ajajaa doonii xayyaara waraanaa haleellaa gaggeessuu ta'unis tajaajilaniiru.
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Liisaa Firaancheetii ajajaa Humna Galaanaa US gochuun muudamaaf dhiyeessunsaanii seenaa Ameerikaa keessatti dubartiin yeroo jalqabaaf garee Ajajoota Waraanaa Olaanoo keessaa tokko ta'uun Peentagon akka seentu taasisa.
Gaggeessituun Eegdota Daangaa Galanaa US Admiiral Liindaa Faaganis dubartii ta'anis itti akka kan Liisaa Firaancheetii qondaala waraanaa olaanaa miti.
Humni Eegdota Daangaa Galaanaa itti gaafatamnisaa Raayyaa Ittisaa jalatti osoo hin taane Dippaartimentii Nageenya Biyya Keessootiifi.
Seeneetin biyyattii ajajoota waraanaa biroo lamas muudera. Jeneraal Deevid Alviin Ajajaa Humna Qilleensaa ta'uun yoo muudaman Leetinaant Jeneraal Kiriis Mahoonii ammoo Ajajaa Ittaanaa Maarin Koorpis ta'uun muudaman.
Ministiirri Ittisaa US Liyood Oostin muudamni qondaalota waranaa kun ragga'uusaatti baay'ee gammaduu ibsan.
"[Namoonni kun] gaggeessitoota ciccimoo waggoota hedduuf amanamummaa guddaan biyyasaanii tajaajilaniidha," jechuun jajan.












